Categories: Oduu Oromiyaa

Caayaan Tokkommaa Baqattota Oromo Biyya Misra irraa

Kora yk konfarannssi Xiqqaa Caayaan Baqqattota Oromo Biyya Masrii Bioteysa 24/2015tti godhatte laalchise akka armaan gadi kanatti . Gabaasaa kora kanaa isinii dhiheysina

Caayaan Tokkommaa Baqattota Oromo Biyya Masrii Bitoteysa 24/2015 Kora Konfaranssii xiqqaa jiruu fi jirenya baqattota Oromo Kaayro gamaaggamu irratti misensota Caayaa waliin marii bal’aa godhanii jiru.

Egalliin sirna konfaranssi kanaa akkuma Aadaa Oromotti Eyba Manguddo Obbo Abdusalam , Abbaa Abdii fi Aksiir Nureen kan baname hoggaa tahu , Dura taa’aan Caayaa Tokkommaa Baqattota Oromo biyya Masrii Obbo Abdalla jamaal
haasawa banaminssa gidhanii jiru.

Erga Dura taa`aan Cayyaa Obbo Abdallaa jamaal Haasawa Banamiinssa sirnicha walgayii godhaniin bodatti Obbo Samiir Aammetiin Heerri Ittiin bulmaata Caayaa tokkommaa baqattota Oromo biyya Masrii dubbifamee kora xiqqaa misennsota Cayyaa kanaan .raggaasifamee jira.

Akkasuma koreen Caayaa tokkommaa baqattota Oromo Cairo haawasa bal’aa fula duratti ballama isaanii haaromsanii hawaasaaniis wal
baranii jiru.

Dirqama Huji fi Aango koree H/R/C/T/B/O/B/M
Gara hujii fi dirqama koreetiniis akka armaan gadii kanatti hawaasaaf ibsamee jira.

Obbo Abdallaa jamaal Dura taa’aa , Obbo Hassan Fakkaro itti Aanaa Obbo A/Gumii Barreysaa. Obbo Samiir Qabaa Diinggey.
Obbo Gammachiis Dhimma hawaasummaa fi Qunnamtii.
Obbo Hamzaan Isportii fi Aadaa. Obbo Abdallaa Aliyyi Barnota Dubartii fi Daa’immanii tahudhaan walofii gamtaan hojjatanii hawaasa Caayaa tokkommaa baqattota Oromo Cairo tajaajiluf wa’adaa galanii jiru.

Gara biraan hojjattonni Dhaabbata UNHCR fi Pistiik akkasuma Hojjattonni IOM , Kertaas fi Sanaandaro irraa walduraa dubaan fula ummata duratti dhimma kezii Oromo fi haalaa rakko baqataan Oromo keysatti argamaa jiru irraa hirmmaattota sirnichaaf ibsa bal’aa godhaniifi jiru.

Akkasuma koreen duraan Caayaa tokkommaa baqattota Oromo Cairo yero dheeraaf hogganaa turte Obbo Mohammed Arab Zen fi Obbo
Bayaan Abaadir Haasawa Gabaabaa Hirmmaattota Sirnichaaf godhanii jiru.

Maayyirratti Hogganonni Caayaa Obbo Abdalla , H/fakkaro fi Gumii akkasuma Gammachiis fi Samiir , Hamzaa fi Abdalla Aliyyi
Wal duraa dubaan haasawa dhageysanin ful duratti odeyfanno waljijjirrachaa wal duukaa hojjachuu akka qabanifi hirmmaattotaafiis milkii fi injifanno hawwaniifi jiru.

Gara kaaniin itti gaafatamaan jaarmaya hawaasa fi itti gaafatmaan Baandii Abdii Boru Obb Maammee fi Nasiibon wal dura dubaan haasawa gaggabaabaa hirmmattotaaf godhanii jiru .

Dhumarratti Abbaan waltajjii Obbo Bayaan Muktaar sirna walgayii akkuma sirna eybaatiin egalchisetti akka Eybaan xumuramtu godhuudhaan walgayii milkii fi injifanno bonsaan xumuree jira.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago