Categories: Afaan Oromoo

Dhimmi qubee ‘k’ fi ‘kh’ falmisiisaa tahe

Afaan Oromoo keessatti qubeen dachaa dabalataa ni barbaachisaa? Wanti irraa hir’atu hoo jiraachuu malaa? Yoo tahes, adeemsi isaa akkam tahuu qaba?

Inistitiyuutii Qo’annoofi Qorannoo Oromootti qindeessaa garee caaslugaa kan tahan kaadhimamaa Doktoraa Baqqalaa Buukkoo, qubeen haaraa yoo filatamu seera mataasaa kan qabuufi adeemsa saayinsaawaa kan hordofudha jedhu.

”Gareen tokko ka’ee akkasumaan Qubee kana uumuu hin danda’u. Saayinsiin qubee ittiin filatan jira,” jedhu.

Barreessaa fi qorataan etinoogiraafii Afandii Mutaqqii namoota qubeen dachaa ‘kh’ Afaanicha keessatti ni barbaachisa jedhan keeysaati.

Afandiin dhimma kana ilaalchisee barruu 2017 keessa onlaaynii irratti qoreen ”Ogeeyyiin afaanii tokko tokko Oromoonni Harargee sagalee kana afaanota kanneen akka Somaalii, Hararii fi Arabaa irraa ergifatan kan jedhuun akka walii hingalle kaasa.

”Yaadni kun bu’uura hinqabu. Sababiin isaa sagaleen ”kh” loqoda Oromoo kaan birattis ni argama,” jechuun jechoota ergifannaan afaanota biraarraa fudhataman qofa osoo hin taane, jechoota bu’uura Afaan Oromoo qaban keessattis ni argama.”

Fakkeenyaafis jechoota kanneen akka: “khaleessa”, “khannuu”, “khaayuu”, “khiyya”, “khoottu” lafa kaa’eera.

Jaarsoo Goollisaa Roobaa kitaaba ‘Mammaassa Oromoo Booranaa’ jedhee maxxansise irratti, barreeffama Afaanichaa keessa qubeen dachaa dabalataa barbaachisaa tahuu hima.

”Qubee dacchaa durii jaha qabani Afaan Oromoo kha nu beennu, Afaan Oromoo damee Afaan Booranaa kheessatti ammoo woma yaadde cufaa qoruuf qubee dacchaa torbeessitootti feesisa,” jechuun fakkeenyaanis ni kaasa.

Barreessaan kitaaba ‘Khulleessa Nageellee Booranaa” Halakee Dabbasoo gamasaatiin: ”Jechi k fi kh nu biratti akkaataan qooqa isaa gargari,” jechuun Afaan Oromoo yeroo barreeffamu akka dubbatamutti jedha.

Odeessa guutuu: https://bbc.in/3RI56QL

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago