Categories: Amantii

FOORMULAA GABAABDUU IRREECHI KAN WAAQEFFATTOOTAA TAHUU IFA BAASU.

Irreeffannaa jechun maal jechu yoo jennee gaafannu, waaqaa galata galchuu jechuudha nuun jedhu. duuba waaqaa galata galchuun guyyaa irreechaa qofaa yoo jennuun guyyaa irreechaa tokkummaadhaan oromoon hundi bahee waaqaaf galata galcha jedhu. amma mee formula kanaan deemnee dubbii tana haa ilaallu,

Waaqaaf galata galchuuf muslimni, kiristaannii fii waaqeffataanis irreecha dhufuu qaba jedhan. hayyee jennee osoo waliif gallee;
Nuti Muslimoonni kan galata galchinuuf ALLAH jennee amanna.
Kiristoon immoo Iyyesuus (Jesus) Jedhanii Amanan; Waaqeffataan immoo Waaqa jedhan. mee walii galuuf jennee Waaqaa fii ALLAH jechuun tokko yoo jennee fudhanne; Iyyesuus immoo kan birooti. ummanni irreecharratti wal gahe kun eenyuuf galata galcha? Iyyesuus moo ALLAH? namni waan adda addaatti amanu akkamiin bakka tokkotti galata galchuu dandaya? moo kan achitti galata galchaniif odaadha? sammuu keeysan fayyadamaa yaadaa nuun jettan, hayyee yaadnee isin gaafanne, mee deebii nuuf kennaa!

gaafiin kiyya akka isiniif ifa tahuuf Logic fayyadamee isinif ibsa.
Lammiileen Ityoopiyaa fii Ertiraa gibira kafaluuf Suudaanitti wal gahan haa jennu. mootummaan gibira guuruuf dhufu kan ethiopiati moo kan ertiraati? moo mootummaa suudaaniitu gibira ummatarraa guura? deebiin keeysan lameenuu ni dhufu kan jedhu yoo tahe, duuba eega lameenuu kan dhufanii maaliif achi dhufuun barbaachise? Mootummaan lameenuu biyyuma isaanii keeysatti ummata isaanii irraa maaliif hin fuune?

mee haala kanaan tokkummaan itti nu yaamutti jirtan tami? akkuma biyya walitti qabnu waaqas walitti qabna yoo jettan gama keenya koottaa islaamawaa. garuu iyyesuus nuuf Rabbii miti. kiristoo wajji isaaf galata galchuuf irreecha hin dhufnu.

Nuti Muslimoonni guyyatti yeroo 5 Rabbiif galata galchutti jirra. guyyaa Iida lameeniitis Ajaja Rabbiif Ergamaa isaa (SAW) guutuuf iida dhayna malee galata galchuu qofaaf karoorfannee miti.
galata galchuun nuuf waan haarayaa miti. waan amatatti hoggu takka goonuu miti. sochii keenya hunda keeysatti galata galchina. akkaataa Rabbiif galata galchinu karaa bareedaas ergamaa Rahmataa Nabi Muhammad (SAW) irraa barree jirra. ragaa qabatamaa Qur’aanaa fii hadiisa barreeyfame kan hin jijjiiramne qabna. nuti jecha qaalluu fi argaa dhageettii irraa haajaa hin qabnu.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 years ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 years ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 years ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 years ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

2 years ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

2 years ago