Categories: Siyaasaa

Haleellaafi buqqifamuun lammiilee Godinaalee Oromiyaa haa dhaabbatu

Ajjeechaan Murtii Malee Humnoota Mootummaatiin Geggeeffamu, Mirga Jiraachuu Lammiilee Qoraa Jira!

Abdiin jijjiiramaa qabsoo nagayaa ummanni Oromoofi obboloota biroo waliin ta’uudhaan geggeesseen kan dhufe, qaama aangoo mootummaa too’atee jiru kan dheebuu aangoo fi maal na dhibeetiin erga butameen booda, biyyaattiin aakuma walii galatti nageenyaa fi tasgabbii dhabdee wal waraansa, beelaa fi kufaatii diinagdee hunda galeessaa keessa galtee argamti. Ji’oota muraasa darbanii as, lolli karaa Kaabaatti godhamaa ture qabbanaa’ee, humnoonni wal waraanaa turan waraana hamaa sana dhaabuun gara teessoo mariitti dhufuuf tarkaanfiin agarsiisaa jiran, deeggarsi namoomaa nannoolee waraanaan miidhamaniif akka dhaqqabu tattaaffi taasifamaa jiru, hojii abdachiisaa KFO’n qixa sirriin fudhatuu fi deeggaruudha.

Haa ta’uu malee, Faallaa kanaatiin, lola Hidhattoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jidduutti godinoota Oromiyaa garaa garaa keessatti taasifamaa jiru itti fufee kan jiru yoo ta’u, bal’inni isaas guyyaa irraa gara guyyaatti haalli itti dabalaa dhufe mul’atee jira. Lolli adeemsifamaa kan jiru godinoota Kibba, jiddu galaa fi lixa Oromiyaa keessatti sochiiwwan nagayaa daangeeffamee namni nagayaan bahee galuu dadhabaa jira. Torbanoota lamaan darban keessa godinaalee Oromiyaa garaa garaa, keessumaa godinalee Shawaa Bahaa aanalee Fantaallee fi Boosat, Lixa Oromiyaa magaalota Dambi Doolloo fi Gimbiittii walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo jiddutti taasifame lubbuu fi qabeenya lammiilee nagayaa irra miidhaan dhaqabaa jiraachuusa jiraattonni naannichaa ni komatu. Qonnaan bulaan tasgabbii dhabuun wayita Arfaasa sanyiitiin uumame kanaan yeroon qaaliin qophii oomishtummaa qisaasamaa waan deemuuf balaa beelaa marsaa birootiif saaxilamuu akka danda’u sodaa ibsachaa jira.

Sirumaa waraanni kun daran bal’atee gareewwan hirmaataniis dabalaa naannoolee ollaatiis jeeqaa argama. Torbee kana Wiixata, Waxabajjii 6, 2014 ALI gara Mootummaa Naannoo Gaambeellaatti babal’achuudhaan, magaalaa guddoo naannichaa kan taate Gaambeellaa keessatti haleellaa qaamonni hidhatan humnoota mootummaa irratti raawwataniin, miidhaan namoomaa ol’aanaan gama lachuutiin kan mudate yoo ta’u, finciltoonni magaalattii dhiisanii akka ba’an taasifamuun gabaafamee jira.

Haleellaa kana hordofuun humni nageenyaa mootummaa duula taasisaa jiraniin lammiileen nagayaa lakkoofsaan hedduu ta’an murtii malee humnoota mootummaatiin ajjeefamaa jiraachuu gabaasonni naannicharraa bahan niagarsiisu. Dubbi himaan Bulchhinsa Mootummaa Naannoo Gaambeellaa jecha miidiyaaf kennaniin yeroo walitti bu’iinsaatti “rasaasa miliqeen” lammiileen nagaa miidhaman jiraachuu ibsanii jiru.

Kanumaan kan wal qabate, naannoo Gaambeellaatti dhalattoonni Oromoo lammiilee nagayaa mirgi heeraa bilisummaan naannicha keessa jiraachu isaanii faalleessuun sabaan adda baafamanii “deeggartoota ABO Shanee” jechuun adamsamaa akka jiran dhalattoonni Oromoo naannichaa ibsaa jiru. Guyyaa kaleessaatiis suur-sagaleen (video) suukanneessaan toora marsaalee miidiyaa gara garaatiin tamsa’aa ture akka agarsiisutti, dargaggoon dhalataa Oromoo hidhannoo hin qabne tokko, kan uffata siiviilii uffatee fi harki isaa duubatti hidhame magaalaa jiddutti hidhattoota mootummaa uffata danbii uffataniin rasaasaan kan ajjeefame ni agarsiisa. Gochoonni akkanaa Lixa Oromiyaa keessatti mudatanii kan turan yoo ta’u, Gaambeellaatti irra deebi’amaa dhufee jira. Hojimaanni akkanaa kun mootummaan dirqama isaa kan lammiilee nagayaa tiksuu bahachuu dhabuu isaatii ol, sababa humnoota hidhatan adamsuutiin ajjeechaan murtii malee lammiileerratti raawwatamaa jiraachuu kan agarsiisuudha. Haalli kunis baroota 1969-1972tti maqaa “Goolii Diimaa” jedhuun jeequmsa seenaa fokkisaa beekkamu keessa deebinee seenaa akka jirruu kan muldhisuudha. KFO’n ajjeechaa lammiilee nagayaa irra gahu kamiyyuu cimsee balaaleeffata. Kanarraa ka’uudhaan:-

  1. Haleellaafi buqqifamuun lammiilee Godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti lammiilee nagaarratti raawwatamaa jiru hatattamaan akka dhaabbatu; Keessattuu, hidhattoonni mootummaa nageenya lammiilee tiksuuf dirqama seeraa ol’aanaa waan qabaniif, waan hundaa olitti lammiilee nagaatiif of eeggannoo fi tika akka godhan akeekkachifna.

2. Haleellaa Gaambeellaatiin baay’inniifi tarreen lammiilee nagaa miidhamaniifii hangi miidhaa dhaqqabee qaama walabaan qulqullaa’ee hatattamaan ummataaf akka ibsamu; keessattuu, viidiyoon suukaneessaan sabaahimaaleerra naanna’aa jiru, ajjeechaa murtii seeraa tokko malee hidhattoota mootummaatiin kan raawwatame tahuu waan agarsiisuf, qaama walaba taheen hatattamaan akka qoratamee, namoonni gocha suukaneessaa kana raawwatanirratti tarkaanfiin seera kabachiisu akka fudhatamu; Mootummaan Naannoo Gaambeellaas tahee Mootummaan Federaalaa dhimmicharratti ibsa gahaa akka kennan gaafanna.

3. Dhalattoota Oromoo Naannoo Gaambeellaa jiraatan irratti, haleellaan eenyummaa isaanii bu’ureeffachuun raawwatamaa jiru, ariitiidhaan akka dhaabbatu, Naannoo Gaambeellaas ta’ee kutaalee biyyatti biroo keessa lammiileen jiraatan mirgi lammummaa isaanii guutummaatti eegameefii akka jiraatan, haleella eenyummaa sabaa bu’ureeffateef akka hin saaxilambe Mootummaan Federaalaafi Naannoolee itti gaafatamummaa seeran qaban akka bahatan gaafanna.

4. Lolli garaagarummaa ilaalcha siyaasaa bu’ureeffachuun Oromiyaafi kutaalee biyyatti adda addaatti taasifamaa jiru dhaabbatee, gara waliigaltee dhukaasa dhaabuutti akka seenamu, akkasumas walitti bu’iinsota kanaaf rakkoo bu’uraa kan tahe, garaagarummaan ilaalcha siyaasaa karaa nagaatiin furuun akka danda’amuuf gara marii biyyoolessa rakkoo furuu danda’utti akka seenamu, ammas irra deebinee waamicha goona.

Kooniresii Federaalawaa Oromoo (KFO)

Finfinnee

Waxabajjii 17-2022

bilisummaa

Recent Posts

Univarsitii Haroomayaa ummata keenya ni fayyadde moo itti fayyadamte?

Baruumsi bu'ura jireenya ilma namaati. Barnoonni bu'ura waa hundaati. Manni barnootaa naannoo kee jiraachuu jechuun…

2 days ago

The Conflict Testing Ethiopia’s Nobel-Winning Leader

The Conflict Testing Ethiopia’s Nobel-Winning Leader

2 days ago

The Security Challenges Of Addis Ababa Escalate Internally And Externally

For several months, Ethiopia has witnessed an escalation of threats on various fronts, both internal…

2 weeks ago

Reactions to the Ethiopian conflict

In a sign of growing concern in Washington about the Civil War in Ethiopia, the…

2 weeks ago

Ethiopia’s economy struggles as war reignites in Tigray

NAIROBI, Kenya — Once home to one of Africa's fastest-growing economies, Ethiopia is struggling as…

2 weeks ago

OLLAA WELCOMES CALLS FOR A PEACE SOLUTION AND URGES ETHIOPIA-WIDE PEACE PROCESS

On September 11, 2022, the Government of Tigray External Affairs Office released a statement indicating their willingness…

2 weeks ago