Oduu Haaraya

Ibsa ejjannoo waligayii hatattamaa miseensota TBOJ

[rev_slider german]

Miseensotni Tokkummaa Barattoota Oromoo Jarmanii   (TBOJ) kan nannoo Würzburg, Nürnberg fi München jiraatan  Waxabajjii 22 bara 2013 saatii 14:00 irraa egalee amma saatii 19:00 magaalaa Nürenberg kessatti  waligayii hatattamaa geggefataniru. Kaayyoon waligayii kanaa: 1ffaa haala qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO) yeroo ammaa irratti mariyatuun hubannoo siyasaa argatuu fi 2ffaan seera  ca’aa ABO irratti mariyachu ture.

Walgahiin kun haasa semannaa J/Gammachuu Fayisaa, bakka bu’aa koree hojii geggesituu (KHG) TBOJ, fi faaruu alaabaa Oromiyaan ergee banameen booda Miseensi Gumii Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo (MGS-ABO), J. Dr. Shugux Galataa senaa tokkummaa barattoota Oromoo Awuropaa (TBOA) wajjin waliitti qabsisuun haala QBO irratti xinxala waligalaa hirmaatota waligayii kanaaf diyeesan. Itti aansuun  karaa J. Malkamuu Jaatee (miseensa koree hojii qindeesitu kutaa ABO Giddu-galessa Awuropaa) sirnoota bulmataa TBOA fi TBOJ irratti ibsi kennamera. Mata duree lamaanuu irratti erga ibsii kennameen booda hirmaattooti walgayiicha gaaffiilee fi yaada ijaaroo dhiheessuun marii bal`aa geggefamee irratti hunda‘uun ibsa ejjannoo baafachun sagantaan waligayii kanaa milkiin xumurameera.
Ibsa ejjennoo
Nuti miseensotiin TBOJ walgayii kana irratti hirmaannee haala siyaasaa QBO yeroo ammaa fi seera bulmataa TBOJ irratti ergii mariyanneen booda, ummata Oromoo fi Oromiyaa sirna  gabiromfannaa (kolonii) bara ammaa motummaa Habashaa, gartuu wayaaneen (TPLFn) hogganamaa jiru, jalatti gidirfamaa jiru bilisomsuuf qabsoo hadhooftuu hogganummaa jaarmaa ABOn geggefamaa jiru gutummaan tumsaa, akka ca’aa dhaabichaatti gumaata wan nu irraa barbaadamu gama maraan kennuuf qophii ta`uu kenya ni mirkaneesina.
1.    QBO hirmannaa ummata Oromoo fi hogganummaa ABOn geggefamaa jiruu ni deggerra!
2.    Qabsoo hidhannoo, siyasaa, fi dipilomasii ABO geggessaa jiru diinagideen ni utubna!
3.     Qabsoo fincila diddaa gabirummaa karaa qerroo Oromiyaa, barattotaa, fi ummata Oromoo geggefamaa jiru waan nu irraa barbaachisu maraan ni tumsina!
4.    Sagalee QBO haala hundaa kessatti firotaa fi dinoota ni dhageessifina!
5.    Yakkoota dhittaa mirga-namomaa rogaalee danuun ummata Oromoo irratti karaa motummaa gabironfataa TPLF raawatamaa jiru ni balaaleffanna.
6.    Ummata Oromoo biyya irraa ariyatuun  qabenyaa fi lafa Oromiyaa samuu fi saamsisuu motummaa TPLF ni balaalleffanaa.
7.    Ummata Oromoo fi qabenyaa Oromiyaa irratti yakkoota motummaan TPLF raawataa jiru hambisuuf akka hawaasoti Adunyaa nuuf dirmatan ni gaafanna.
Injifatnnoon ummata Oromoof!
Hirmaattota waligayii hatattamaa TBOJ
Jarmanii (NürenBerg);  Waxabajjii 22 bara 2013

Check Also

taayyee fi abiyyi

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha …  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan …