Categories: Yaada

Ibsa waraqaa Ibsaa Nagawoo Caamsaa 28, 2015 Intarneetti Irratti facaaseef

Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) seenaa miseensota isaa  sirriti beekaa.Kan waan gaarii hojjataan saba isaaniii biraatti kabajaan  beekamuu. Worrii waan gadhee hojjataan ammoo akkasumaa gadhumaa isaanitiin beekamuu.

Obboo  Ibsaa Nagawoo Xaalayaa tokkoomuu Jaarmiyoolee fi  guruulee ABO  mormuu Caamsaa 28, 2015 barreefamee marsaa  interneetti adda addaa irratti  faacaasee arginee . Itti gadinilee. Namiin tokkoomuu qabsawoota oromoo mormuu kuni ennuu akka ta’ee miseensota,deeggartoota  fi akkasumaas Ummata  Oromoo waa jedhuu dirqii akka ta’ee hubannee. Ibsaa Nagawoo :

  1. Bara 1988 bakka bu’aa, Caayaa A B O Djabuutii tayee, Jila’Qabsaaw’otaa

ABO goodina dhihaa irratti, argamee. Filmaata irratti angoo  waan dhabeefi jechaa dhaaba keessaa ganee. ABOn dhaaba Fu’udallootaatti jedhee barreeffamaan facassee. Olola dhaabarratti ofaa turee.

  1. Dhaaba Gumii Bilisummaa jedhu keessatti dahaannoo godhatee ABO qofarratti olola ofuu bira darbee bara 1998 biyya soomalee keessatti miseensota dhaabaa diigufi karaa horitiin yaalii godhaa ture.
  2. Bara 2005 ABO ULFO keessaa raraafinne jedhee dhaabarratti Olola facaasaa ture.
  3. Bara 2008 yeroo jirjiramni dhalatu Angoon argadha jedhee ULFO keessaa

ganee ABO Jijjiiramatti dabalamee ture. Yeroo  san dhaabichi inni keessaa gane miseensumma mulquu isaa dhaganyee ture .

  1. Bara 2011 Sababa adda addattin jijjirama keessaa ganuun isaa

hubbatama.

  1.  Bara 2012 akkuma nama tokkkotti gama GQM ABO dabalamee waan

dandayu dirqama itti laatama ture. Amaalii abbaa waan hin dhiifneefi akkuma

bubbuluun amala jirjirachaa dhufee jaarmayaa keessa taa’ee jaarmayaa biraa

gaafatama gaafachaa ture keessattu qaama jaarmayaa kan yeroo san shanee

gumii ABO jedhamee beekamuuf akka barreessa godhan gaafachaa ture.

 

Erga gama Gurmuu qabsaa’ota dhufe ammalloota inni mudhisse :

 

  1. Dhimma murtiilee GQM ABO kan waloon hojjatamaa turee yeroo dheeraafi murtii dhunfaa isaatin gama ufii barbaadetti dhiibufi yaalufi murtii hoogganni waloon dabarsu akka hujii irra hin oolle gochuufi yaalaa turee.
  2. Naamusa seerri ABO hin hayyamne qunnamtii seeraa alaa geggeessa turuu isaa yeroo irratti dhaqqabamu fudhachuu didee  naamusa hooggana jaarmayaa tokko irraa eegamu guutachuu hanqatee
  3. Waliigaltee jarmayoota oromoo kan bilisummaafi walabummaa oromiyaa fallaman keessatti jalqabame gufuu guddaa ta’ee argamuufi bakkota tokko tokko keessatti murtii waloon kennamu dura dhabbachuun miseensota keessatti jeequmsa uumuufi tattafachaa ture.
  4. Yeroo dhihoo kana keessatti guutumaa guututti murtii waloon kennamufi ajaja hoogganaa ol’aanaa GQM ABO irraa itti kennamu fudhattee hujitti hiikkuu diddee.

Badillee asi olitti tareessinne kana akka hojjatuu osoma arginuu obsaaf turee.  Obsa hoogganni isaaf godhe  dagatee amma ammo maqaa GQM ABOn waraqaa intarneetti irratti faacasuu egaale.  Ibsaa Nagawo gantuudha malee maqaa GQM ABO waan tokkos gochuu  fi jechuu akka hin dandeenye caasaa jaarmaya keenya kan biyya keessafi biyya alaa jiran hunda beeksifinaa.

 

Akkasumaas dhaabota xalayaa sobaa inni itti barreesse kan beekuu qabdan Ibsaan hunda keessaniif haaraya miti. Akka   nama tokkotti isin wajjin dubbachuun mirga isaati. Garuu  maqaa GQM ABO tiin eennun wajjin akka dubbachuu hin dandeenya isin beeksifna.

Gurmuun Qabswwootaa ABO  gaafa caamsaa 27, 2015 irraa jalaqbee  Jaarmiyoolee fi Guruumalee ABO birootiin wolitti makamee waan jiruuf amma achii namiin maqaa GQM ABO tiin dubbatuu ykn barreessuu akka hinjiree namiin hundii akka beekuu jenna.   Galatoomaa !!

Abdataa Shuukee, Marihachiisaa fi gaafatamaa Jila GQM ABO kan ture.

E-mail- shuketuree@yahoo.com,

Tel 017205322598,

Injifannoo Ummata Oromoofi !

 

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

5 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

5 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

5 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

5 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

8 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

8 months ago