Mucaa Gamnaa fi Ilma Nugusaa
Ilmi nugusaa mucaa hiyyeessa gamna wayii qore. Innis mucaa hiyyeessa garuu gamna akka tahe hin beeku ture. Garuu mucichi gamnummaa fi cimina isaa mirkaneesse! Mucichis badii nugusichi uummata irraan gayu dalgaan ibsuu qofa osoo hin taane dhumarratti itti hime. Mucaan nugusaas akkas jedheen:- Beekumsa moo duniyatu caala? Jedheen!
Ilma nugusaa:- Beekumsa moo duniyatu caala?
Mucaa gamna:- Adda isiniif baasaa hin dheekkaminaa jedheen.
Ilma nugusaa:- Akkamitti? Duniyaatu waa hundaa dhiyeessaa; duniyaatu irra jabduu; duniyaatu caala jedheen!
Mucaa gamna:- Mallaqa beekumsatu eega. Beekumsi maallaqa qofa osoo hin taane mataa keennas kan eegu isa; kallattii nuttI kan agarsiisu isaa. Maallaqni namootaaf ajajamaadha. Beekumsi ammo hogganaa; barsiisaa; ajajaadhas! Maallaqni dhaabbatumatti qisaasamee dhumata. Kanaaf beekumsa duniyaa caala!
Dabalees
-Beekumsi waan waa sirreessaa/qulqulleessaatii duniyaan miti
-Beekumsi eennufuu hiramaa duniyaan hin hiramtu
-Beekumsi waa sirreessoo nagaa buusoo duniyaan miti
Jedhi yoo jette inumaa; yakkamaan yakkamaa olii duniyaadha!!
“Duniyaa yakkamtuu
Abbaa feete soortuu
Garii dureessa gootee
Garii hiyyummaan gooltee
Yakkamaan akka kee inuma jirree
Beekumsaan karaa sirrii osoo sararree!”
Kanumatti dabalee gamnoonni waa’ee duniyaa yakkamtuu ta’uu isii yoo raga bayan:-
– Duniyaan sagalimaa kudhan guuttee hin beektuu
– Gaafa maallaqni haasayuu jalqabu dhugaan ni callifti
– Bunni kama jalqabaati; 2ffaa fi 3ffaan haafaa duniyaati
– Duniyaan fixeensa ganamaati; yoo tahe muldhattee deebitee ka baddu
– Duniyaa booddeen isii waa qaba!
Kanaaf duniyaan shakkamtuu; yakkamtuudha! Jedhee rakkoo duniyaa nugusichaan wal qabsiisee nugusicha qoccoluu kajeele; dhugaas dubbachuu yaale.
Ani garuu beekumsaan
– Gamna na taasisaa gamna ittiin ta’a
– Onnetti qalbii guutaa ittiin milkaaya
– Milkii ittiin hoffola
– Qabeenna hin hatamnee abbaa isaa ta’a
– Ulee kaazaraatii ittiin of irkisa
– Ibsituu dukkanaatii nan ibsadha
– Qajeelchituu daba uumameetii ittiin wa qajeelcha
– Humnaa ittiin goonfadha
– Hiixata ittiin waa bira gaya
– Furtuu balbala heddu bantuu ittiin banadhee seena
– Bokkuu seera ittiin muranii seera ittiin mura
Itti dablees mucaan gamin akkas jedhee ilma nugusaatti raage!!!
“Duniyaatu didee jallata
Hiyyeessatu lafa guuta
Baratu farrisaa
Falli dhugaa akkaan barbaachisaa
Ta’uu baannaan hallayyaa si buusaa!”
Ilmi nugusaas aaree” Maal jetta!” jedheen
Mucaan amnis sodaa tokko malee akkas jedheen” Kan jedhe hin jenne jedhu; ka jedhin jedhe jedhu; fidaa hin jenne jedhaanii kan jette naan jedhu!”
Ilmi nugusaas mucaa gamnicha hidhatti darbate.
(Haasawa ilma nugusaa booda waa baayyee osoo hin turree waggama muraasatti hiyyeessonni ka’anii falmatanii nugusicha aangoo irraa darbatan. “Hiyyeessi waan nyaatu yoo dhabe nugusa nyaata” jedhanii geerraran.
Kana boodas mucichi akkas jedhe
“Duniyaatu didee jallata
Hiyyeessatu lafa guuta
Baratu farrisaa
Falli dhugaa akkaan barbaachisaa
Ta’uu baannaan hallayyaa waa buusaa!”
“Beekaan duraa himee
Sirrii kan nuuf dhaame
Rakoo sabaa furaa
Isinis akkanumatti kufurraa!”
Mucaan gamnis akkas jedhee ilma nugusaa fi nugusaan
“Hin boone moo hin oodee
Hin mooge moo hin hoodee
Dubbadha jedhu sirrii osoo dubbatee
Aangoo irraa bu’us osoo ima fudhatee
Kana didee; ofumaa ajjeesee hallayyaa of gatee!!”
Uummannis akkas jedhe
“Qabeenya koo saamaa
Bara hamaan deemaa
Ammaa achi argatuu; kan an qabu 430
Kanas kan jedhe sabni bar hundumaa!!”
Ilmi amnaas akkas jedhee mammaake!
“Gaafa badii deemtu narra gorii; gaafa badii galtu narra gorin”
“Ijji gamnaa dura boossi”
“Yoo haasayanii fi deeman; dhugaaf tulluun hin dhokatti malee baddu”
“AAK JEDHAN WAA TUFAN MAMMAAKAN WAA HIMAN” jedhee haasawa ofii xumure.
***
Gubaatii waa lamaa abbatu eeggata/abbatu malaan itti fayyadama:-
1ffaa gubaatii ibiddaa
2ffaa gubaatii haasawa gowwaa
***
Waa sadi waan arfii addeennaati:-
1ffaa warqee
2ffaa arfii waraanaa
3ffaa daaraa ibiddaa
***
Waa sadi wal miliqxe
1ffaa Harreen damma nyaaphaa baattii ofii hin nyaattuu jala miliqe
2ffaa leenci ala gala; asheeta yeroo biratti beelayaa; jala miliqe
3ffaa wallaalaan beekaa jiruu wallaalee; jala miliqe
***
Ilma jechuun:-
Maqaa abbaa kan yaamsise;
Kan lammii abdachiise;
Kan abbaa ajajame;
Kan lammii abboomame;
Kan gaachana qabate;
Kan lammii dhaabbate!!!
Itti fufa…
GAMTEESSAA SABAA
Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…
Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…
Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…
Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…
Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ... Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…
December 10, 2023 Leenjiso Horo This article addresses the issue of the Oromo failure to…