Categories: Afaan Oromoo

Jechoota Gamnaa Kutaa 7ffaa

 

Akkas jedhe gamni:-

Nama jechuun;

Kan dhugaaf xaare

Kan lammii ijaare

Kan sabaaf dhaabbate

Kan sabaaf falmate

Qabeenya jechuun

Kan lammii ijaare

Kan abdii dhalootatti hore

Kan hiyyeessa jijjiire

Jaarsa jechuun;

Kan jaarsummaa taa’e

Kan dhugaaf dhama’e

Kan dhugaa mure

Kan lammii dhaamsa hire

Kan lammii sabboonummaan ijaare.

 

***

Dhiiroo Abbootii teenna hanqachaa jiraa bee! jedhe gamni. “Maalif?” yoo jettanis meeqa keennatu bakka abbaa keennaa gaye? Kaayyoo abbootii keennaa galmaan gaye? Abbootii keennas maqaa yaamsise! Beekaan akkas jedhe. Abbaan ilma uumatee ilmi guddatee bakka abbaa san yoo gayee akkas jedhama:

1ffaa Yoo ilmi qoramee abbaa caale—–abbaan ebaluu lama dhalate jedhama

2ffaa Yoo ilmi qoramee abbaan walqixa taye—-ebalu bakkuma of buuse jedhama

3ffaa Yoo ilmi qoramee abbaa hanqate—–abbaan ebaluu ilma hin arganne jedhama

 

***

Waa sadihii waa sadihii tahan dhokatu malee badanii:

1ffaa Dhugaan yoo kijibni baay’atte hin dhokatti malee badduu

2ffaa Gaarri yoo deemte hin dhokata malee badu

3ffaa Addeessi jiini keessaa bayu dhokata malee hin baduu

 

***

Waa sadi waa sadihii naasa’a/naasu’u/balleessiti:

1ffaa Ifni dukkanaa naasa’a

2ffaa Dhugaan dharaa naasa’a

3ffaa Bishaan ibiddaa naasa’a

***

Ulfinni Arsii shani; daraaraan Arsii shani; ganyaan arsii shani:

Shanan ulfina/ulfoo/kabajaa Arsii

1ffaa Gudeeda (Abbaa, Haadha, Akaakayyuu fi fira dhiigaa biraa)

2ffaa Soddooma (Soddaa Soddaatii kkf)

3ffaa Jaalummaa (Jaala Jaaltittii)

4ffaa Umrii (Hangafa, Jaarsa fi Jaartii)

5ffaa Keessummummaa

Shanan daraaraa Arsii

  1. Waddeessa/ Gaafa cidhaa qabatama

2.Garbuu/Midhaan nyaatni mi’aayaan heddu irraa hojjatamu

  1. Aannan

4.Dayma

  1. Buna

Shanan Ganyaa Arsii

  1. Ganyaa namaa
  2. Ganyaa fardaa/Arsiin kabaja guddaa fardaaf kennaa
  3. Ganyaa Roophii/Halangee seera ittiin murantu irraa argama
  4. Ganyaa leencaa/Mootii bineensotaati
  5. Ganyaa kanniisaa/Ilbiisa waan mi’aayaa hojjatu

***

Beekaan beekaa qore!!

Beekaan beekaatti bayee akkas jedhe simbira harkatti qabatee”Simbirri tun duutu moo jirtuu?” jedhe. Yoo namichaan jirtu jedhe cum’ee ajjeesee meeti ka jirtu jechuuf; yoo namichi duutu jedhe gadi dhiisee yoo bararte meeti ka duute jechuuf. Namichis beekaa waan taheef akkas jedhe “Abboo carraan simbira tanaa sima harka jira!” Yoo harkaan cum’ite/cuunfite hin duuti; yoo gadhi dhiifte hin bararti jedheen

***

Gaafii Qabaa Hayyuu Irraa

Gadaa hammeennaattu dhufaa?

Jiruun hin taatii guduunfaa

Kan jiraatan ka’aa kufaa

Garuu gadaan fooyyeen woy dhufaa?

Barri maa hammaatee?

Deebiin na dhaqqabaa warri waa qorate!

…………….

Isintuu beekaa

Sirriis isintu akeekaa

Isintu sirrii argaa

Saba isin eegaa

…………..

Qaallus mee gaafannaa

Abdii waa qabaannaa?

Rabbii guddaa kadhannaa

Rabbuma waa abdannaa

Rabbirraas waa argannaa!

………………

Garuu rakkoo kan fide dharaa?

Adda baasaa kan gidiraa

Dharri hammeenna fiddee farraa?

Gaafii qabaa qaalluu irraa

Gaafii qabaa haxii irraa

Gaafii qabaa hayyuu irraa

gaafii qabaa gamna irraa!

………………

Yoos dharri diinaa ka waa sii hin yaannee

Hin dubbatinaa akka dhara waayyaannee

Sobaaf hin kaffalinaa aarsaa

Arriin dhugaa dhugaa agarsiisaa

Woy irraa bareedaa sobni jaarsaa?

…………………

Barri hammeennaa hin dhufaa?

Hiyyummaa fi durummaan bakkarra lufaa!

Tokko biliyoonaa ka daldalu

Tokko nyaata dhabeetii ka qooqa bulu!

kana maa sirreessinee ka dhimmi ilaalu!

Jedhee hedduun dubbataa

Sabnis kana ni hubataa

Kanumas deddeebi’ee gaafataa!!

 

GAMTEESSAA SABAA

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago