Categories: Afaan Oromoo

JECHOOTA HOJIIF BARBAACHISOO: Kutaa Afraffaa

Taammanaa Bitimaa irraa
DURADUBBII
Dubbiftoota barreeffata kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, barreeffata kana kutaalee dabran sadeen akka gaariitti dhamdhamachuu keessaniif, mee hedduu galatoomaa! Duubbiin galatoomfannaa callaa irratti dhabbattee waan haftuu mitii, kunoo kutaa afraffaa kanas mee ilaalaa-kaa!
SEENSA
Ani seensa isa hardhaa kana keessatti waayee seera hirmaata-dubbii (seerlugaa) Afaan Oromoo keessaan hamma wayii isiniif dhiyeessa. Barreeffatoota ammaan tana afaan keenyaan bahaa jiran keessatti, dogoggora tokko tokko waanan qalbeeffaddheefan isaan akka sirreeffamaniif waa jedha. Ilaa mee Afaan Biyya Gadaa kana keessatti: “Ana dha. Farda dha. Nama dha.” Gonkumaa hin jedhamu. Seera afaan keenyaa, isa bareedaa kanatu kanneen akkanaa dhoowwa. “Dha“-n kan galu yoo jechi sun qubee dheera-dhaan xumurame qofa. Jechoonni: “sangaa, gaangee, harree, dubbii, qalbii —” jedhaman faa waan qubeewwan dheera-dhaan xumuramaniif “dha“-n itti-dabalama. “Sagaa dha! Gaangee dha! Harree dha! Dubbii dha! Qalbii dha!“, faa jenneetoo xumurra. Oromoon keenya baddaa Raayyaa, Hara Ashangee irraa kaasee hamma Maanya Hindiitti, Beegii irraan duuba daangaa Sudaan Kibbaa irraa kaasee hamma Jijjigaa cinaatti “farda dha, sa’a dha —” faa kan jedhu matumaa hin jiru. “Dha” tun “new” Afaan Amaaraa ishii bakka hundaattuu danqaramtuu santu hulluuqee, shimalaa fi eeboo Oromoo jalaa miliqee afaan keenya keessa seene jechaa dha! Mee kanneen hafan kutaalee dhufan keessatti waan ilaalluuf, ammaaf kunuu ni gayaatii gara jechoota kaanefiitti haa dabarru!
JECHOOTA DIGDAMII-SHANAN HARDHAAF DHIYAATAN:
1) Bantuu                   –                    bottle-opener
2) Birkii –                    section
3) Buqqiftuu –                    corkscrew
4) Diggaa –                    diamond (= ifee, durrii)
5) Duwwee                –                    zero
6) Fakkoo                   –                    photo (= footoo)*
7) Feeda –                    shop (= suuqii, dukkaana)
8) Furtuu                      –                              key
Sagalee furtuu      –                    key word
9) Himtee –                    Sentence
10) Kalaalaa –                    eyeglasses, spectacles (= marayyaa)
11) Kitila –                   million
12) Malkaa                  –                   ford
13) Mitikaa –                   joints (of arms and legs)
14) Nooba –                  zipper
15) Olbaa –                  forum
Olbaa seeraa –                  judicial forum
16) Qalboo                   –                  notice, attention
Qalboo guyyaa      –                  dairy
17) Ujuree –                  cucumber
18) Sabbuu –                  gold (= sokoo, warqii)
19) Sansakkaa –                  personality
20) Shaayyaa –                  peninsula
21) Shiisshatii –                  urinal; chamber pot
22) Siidaa –                  statue
23) Sulula –                  valley
Sulula Dhooqaa –                   Rift Valley
24) Xinamantii –                   theology
25) Yaadundee –                   concep (yaada + hundee)
______________________ Hubachiisa Miiljalee __________________________
* “fakkii” jechuun immoo “picture” jechuu dha.
Itti-fufa!
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago