Taammanaa Bitimaa irraa
DURADUBBII
Dubbiftoota barreeffata kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, kunoo mataduree kanaa olitti agartan jalattan waa isiniif dhiyeessaa, mee na hoofkalchaa! Namni waan waraqaa fi qalama wajjin walqabatu hojjatu: barreessaa fi barreessituun, qorataa fi qorattuun, lallabaa fi lallabduun, galmeessaa fi galmeessituun, gabaasaa fi gabaaftuun, gulaalaa fi gulaaltuun, gaazexeessaa fi gaazexeessituun, barsiisaa fi barsiiftuun, barachiisaa fi barachiiftuun faa fi kanneen fafakkaatan cufti jechoota afaan ittiin hojjatanii sanii heddumminaan isaan barbaachisa. Namni martinuu waan afaan abbaa-haadha ofii (afaan dhaloota isaa) beekuuf, jechootaa fi sagaleewwan dassiiba-a (“common words“) irratti rakkoo hin qabu. Ammoo, sagaleewwan “jechoota ogeeyyii (“technical terms“) jedhaman irratti hanqina jechootaa qabaachuu dandaya. Keessumaa namoonni afaanota akka Afaan Oromoo jechuun isaan reefu, afaan manneen barumsaa fi manneen hojii faa tahanii irratti gufuuwwan tokko tokko isa dura jiraachuutu mala. Kanallee afaanonni addunyaa sadaffaa keessatti argaman marti ni qabu. Kana jalaa bawuuf, namni sun jechoota afaan san keessatti yeroo yeroon maddaa jiran duukaa-bu’uu qaba. Barreeffanni amma isiniif dhiyaatu kun karaa kanaan hamma wayii isin gargaaruu dandayaa, mee duukaa-bu’aatii galmee keessan irratti feetan keessatti facaafaddhaa!
SEENSA
Afaan Oromoo keenya jechoota hedduu, kanneen akka galaana Abbayyaa waraabamanii, akka cirracha Awaash guuramanii hin dhumne qaba. Afaan kun guutumaa guutuutti afaan sooressa; afaan raajeffamaa dha. Ginni-bittee Habashaa afaan keenya akka ittiin hin barreeffamne, akka ittiin hin baratamne, akka ittiin hin hojjatamne faa waggaalee 130 ol seera baasee, seeraan dhoowwullee fiixaan bawuu hin dandeenye. Phapphaasonnii fi qeessonni fannoo qabatanii: maqaa abbaatiin, maqaa ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin magananillee (basima-aab, basima-waldi, basima manfas-qiddus gazzichaalahu!” jedhanillee) homaa hin milkoofne. Ani mataan kiyya bara dhibba kudha sagalii fi saddeettamootaa (“1980s“) keessa ennaan waa barreessuu jalqabeeyyu karaa jechoota dassiibaa rakkoon tokkollee hin turre. Garuu, sagaleewwan ammayyaa irratti waa itti-rakkachuun kiyya hin oolle. Kan nama gammachiisu afaan kun waggaalee 20 keessatti rakkoo jechoota ogeeyyii sanis irra-aanuun sagaleewwan daran baay’ee maddisiifatee argame. Amma akka oggaa sanaa: “ikonomii“, “darajaa“, “pirograamii“, “— maaloo, maaloo faa jechuun loqoduun hin jiru. Oromoonni afaanuma isaanii keessaayyi jechoota kana burqisiifatani. Amma: “sadarkaa, sagantaa, hayyuduree, haalduree, dinagdee, binaggee, malbultii, jalbultii, xindachee, xinjiree — faa jedheetoo Oromoon koo yommuu dubbatu, waan walaloo dubbisu natti fakkaata. Oromoon uummata dubbii dhugaatiif uumame yoon jedhe, mirkana irratti hundaawuuni malee, dubbii hoowwisuu (hoo’isuu) kiyyaa miti!
Mee amma kanaa gadittan akka waayeen kanaa olitti badhaadhina Afaan Oromoo kaase kana, akka sirriitti qalbeeffattaniif isuma beektan keessaa waa isiniif dhiyeessa. Afaan Oromoo goosii (“verb“) tokko irraa goosiiwwan biroo gara jahaa baafachuu dandaya. Mee as irratti jecha “hojjachuu” jedhamu haa fudhannu:
hojjachuu
hojjatamuu
hojjachiisuu
hojjatachuu
hojjachiifachuu
hohojjachuu
hohojjachiisuu — faa.
Isaan kanneen irraayyis jechoota danuu baafachuun seeruma afaan biyya Gadaa kanaati:
hojjaa > hojii
hojjataa – hojjattuu
hojjatamaa
hojjachiisaa – hojjachiiftuu
hojjachiisa
hojjatama
hojjachiifataa – hojjachiifattuu — faa.
Ani isa kanaa olii kana akkuma fakkeenya bicuu wayiittan isiniif dhiyeesse malee, afaan Oromootaa, afaan abbootii Gadaa fi afaan haadhotii Siiqqee kun guutumaa guutuutti afaan sooressaa fi dilbaayaa dha. Afaan keenya kun badhaadhummaan of badheessa callaa otoo hin taane, afaan bareeddina isaatiin rajeffatamuu fi afaan gurraa fi qalbiitti tolu. Akkuma Afaan Xaaaliyaan kan midhagina isaatiin baayee raajeffatamuu saniiti. Eeyyee, inni afaan nadhii dammaa ti! Afaan Waaqni nadhii dammaa godhee nu badhaase kana, nutis kan ammaa caalaa akka badhaadhuu fi akka guddatuuf alaa-manaa irratti hojjachuu fi ittiin-hojjachuu qabna! Ani ergan ishii tana jedhee, mee amma armaan gadittan jechoota hardhaaf kutaa kana jalatti galuu qaban tokkoo hamma dhigamii-shaniitti isiniif tarreessa!
JECHOOTA DIGDAMII-SHANAN HARDHAAF DHIYAATAN:
1) adaala – desert ( = humma)
2) addoo – mask
3) barruulee – journal
4) barkurnee – decade
5) bardhibbee – century
6) barkumee – millennium
7) beenyaa – compensation
8) biyyalafaa – world (= addunyaa)
9) dinagdee – economy; economics
10) haaalduree – precondition
11) hayyuduree – secretary general
12) gamoo – building
13) jaagee – dwarf (= guuyyee)
14) jajjabee – militant
15) jirroo – corner (= golee)
16) labata – generation (= dhaloota)
17) malbultii – politics (= taliiga, siyaasaa, polotikaa)
18) rakaa – institution (= dhaabbata)
19) ribee – nerve
20) roogessa* – activist
21) sadarkaa – stage (= gulantaa)
22) Sagantaa – programme
23) sheeba – sea-coast, sea-shore (= moggagarbaa)
24) xindachee – geology
25) xinjiree – biology
WABIIWWAN
Maddawwanin jechoota kanneen irraa argaddhe gaafan barreeffata kana guutumaa guuttuutti xumureen hundaa isaanii isiniif dhiyeessa. Garuu, ammaaf: a) Tamene Bitima; A Dectionary of Oromoo Technical Terms, Oromoo-English; Rüdiger Köppe, Köln 2000; Finfinnee 2000 waa keessaa ilaaluu dandeessu!
______________________ Hubachiisa Miiljalee __________________________
* roogessa (dhiiraaf); roogettii (dubartiif) ; roogeyyii (nama baay’eef)!
Itti-fufa!