Categories: Oduu Oromiyaa

Kabaja waggaa 1ffaa OMN magaalaa Jiddaa

———————
Miidiyaa walabaa ummata oromoo OMN eerga hundaa’ee kan wagggaa tokko lakkoofsiise kaleessa magaala jiddaatti sirna hoo’aan kabajamee ooleera.
Anis kabaja guyyaa kanaa irraa waanin taajjabe muraasa isiniif qooda. Biyya akkaan gadi bahanii ol deebi’uun rakkoo taate keessatti dargaggeessi oromoo osoo manatti hin hafin kabaja guyyaa kanaatiif magaalota akka Xaa’if , makkaa, jiddaa fi naannawoota jiddaatii walitti dhufuun gammachuu guddoo takka waliin dabarsanii jiru. Kan hunda caala nama hawwatu dargaggeessa lafaa dhufaa rifeensa adii hin biqilchin irra caalaatti kan galma san miidhagse shamarran keenya kan hamileen jajjaboo ta’aniin faayamuun guyyichi daran akka miidhagu taasisan. Ummata kabaja guyyaa kanaatiif walitti dhufan irra jireessi dargaggeessa xiqqaatu 95% warra umrii digdamoota keessa jiraniidha akka tilmaama kiyyaatti kuni kan agarsiisu egereen biyya keenyaa harka warra lafaa dhufaa kana keessa jiraachuu mullisa
Hirmaannaan deeggarsa OMN tiif godhame irratti shamarranii fi dargaggeewwan akkasuma jaarsonnis haala nama hawwatuun irratti hirmaatanii jiru. Keessattuu baay’ina ummata keenyaa kan galma keessatti argame keessaa irra xiqqaan shamarran haa ta’u malee hirmaannaan isaan godhan dhugaatti kan akkan nama boonsuu fi hegereen qabsoo saba keenyaa hirmaannaa shamarraniin ala tarkaanfachuu akka hin dandeenne ifatti nama garsiisa. Akkasuma warroonni magaalaa makkaa irraa dhufan hirmaannaa cimaa godhuudhaan sirnicha caalaatti akka miidhagu taasisanii jiru.
Walumaa galatti koree OMN kan magaalaa jiddaa qophii akkas fakkaatu qopheessitanii ummata oromoo gargar faca’e walitti qabuudhaan qophii akkas fakkaatu qopheessuu keessaniif hedduu galatoomaa.
Qopheessitoota qophii keessaa obbo m/nuur dhaamsa dargaggootaa fi shamarrran keenyaaf dhaamaniif galanni keessan dacha dachaadha.

Galatoomaa!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago