Categories: Afaan Oromoo

KANA KAN ISINII ERGE GAMTEESSAA SABAATI!!!!!!!!!!!!!!

HIN HAMADHU HIN HAMACHIISU
Dureessaa fooqii koree oolaa
Achii gadi ilaaalaa
Hiyyeessa garatu isa goolaa
Goolaa goolaa…………………..
Dureessi gamoo meeqa ijaaraa
Hiyyeessi kana bira gayuuf hin xaaraa?
Dureessaa butaantaan dhibba lama
Kaalsiin ammo diigdama
Xiqqaa xiqaa ibsutu salphataa
Jajjabaa himuun ni ulfaataa
An kankootuma dubbadhee
Orma yoom isinitti hamadhe
…………………………………………..
Hin hamadhu hin hamachiisu
Hamiin anaaf hin barbaachisu!!!!!
Dogongora koon sirreessaa
Hiyyeessaaf hojii banuun barbaachisaa
Muka dhaabuun naannoo koo kunuunsaa!!
Hin hamadhu nanxaara
Akkasitti waa jijjiiraa
Xaarachuu xaarachuu
Hin fedhu an nama hamachuu
Garuu ammo nama irraa barachuu!!!!!
………………………………..
Ummanni jeeqamee
Hedduu hahammacamee
Jiruu jireenyi sabaa jeeqamee
Malli fooyyeen osoo argamee
Dureessi hedduu muraasaa
Hiyyeessi harka kadhaa raasaa
…………………………………………….
Jiruun kunoo garagaggaltee
Hedduu hedduu hammacamtee
Mala ikonomii kamtu fooyyessaa filatte?
Gibiraan dureessaarraa kaasuu
Namas gatii gaariin qaxarsiisuu
Qabeenyaa naannoo illee kunuunsuu
Mukoota mimmishaa naannoollee magarsuu
……………………………………….
Waa heddutu badaa
Natti himaa gadaa
Gaafadhaa qaallus barbaadaa
Nama heddu hammaatee
Gadaatu nu komatee
Namuu fooyyee osoo hojjatee
Rabbuma guddaa osoo sodaatee!!!!! (2)

ALA FACA’O
Ala faca’o
Mana manca’o
Homaa hin qabuu gaarii marxoo
Hoxxeen keessa galuu hoxxee fanxoo
Kan nyaadhu qorsoo
Huubaa konsoo
Narratti dhuganii farsoo!!
Namni ganzaba horate
Kuunis hatate
Kuun saammatee
Hiyyeessi rarakkate
Jiruun hahammaatte!!!!!!!!!!!!!
Oduun dharaa maal faaydaa qaba
Namaaf tahaa ganzaba?
An isinitti kolfu jira
Kan baattanii deemtan dhara
Isinumatu itti kasaaraa!!
An dhugatti nan gaddaa
Yoom natti tolee gammadaa
Keessi koo na madaa!!!
Dhara keessan achi qabaa
An Rabbuma qabaa!!!!!!!!!!!!!!!!!!!

KAN NA SODAACHISU!!
Kan barumsa dhuge na haa ajjeesuu
Maal kuunii kuun kan albee agarsiisu
Maali kuunii kuun koommaandi poostii jedhee kan dhiichisu
Kan na sodaachisu!!
Beekkumsi isaanii guddaa garbaa
Maal anis cilfaan qicadhu maal qabaa?
Karaa dheeraa qaxxaamuree isaan bira gayee
Anis beekumsa isaanitiin yoo qulqullaayee
Xurii lafa kaayee!!
Kijiba ol tuulaa
Naannoo isaa guulaa
Maal wonti kun abshaala
Moo wallaala?
Afaaniin haasayuun mirgaa?
Akka fedhanitti natti bananii laagaa?
Hiyyeessi  koomaandi postii jedhee uu’uu
Honti kun nurraa haa ka’uu
Hallayyaa haa bu’uu!!!!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago