Categories: SiyaasaaYaada

Obboo Lencoo Lataa fi garee isaa maal fakkatu?

 

Jalqabaa qabsoo ABO sochii hidhannoo bayamee irraatti bahaa oromiyaattii du’aa Jaal Baaroo irraatti osoo namaa ajjeesse beeku biyya ambaatti bayee Jaal Baarroo Sooressaa jarraa abbaa gadaatu ajjeesse jechudhaadhaan oromo ilmaan biyyaa takkaaf hiree takka qabuu walficisisee qabsoo oromoo diguudhaan oromoo jidutti madaa hin faayyine uumeera

Gaafaa koraa moqaadishoo yeroo hoganaa kessaa bayu arii sanirraa ka’udhaan hogganoota filatamani harawaaf kan muxannoo hin qabnee jechuudhaan media akka VOA kan biraa hololaa isaa oofu fi waraqisa gadii buusuun [downplay] godha turuun sochii qabsoo irratti badii hamenyaa dangaa hin qabne tasiseera

Baraa 2008 koraa OSA irrattii sodaaf ofi duuba jedhaa tokko malee oromoo islaama akka sodaatuu yaada isaa ibsudhuun wal shakkii qabsaayoota jiddutti maqaa amatiidhaan uumudhaan waan oromoo hin qabnee godhuudhaan balaa dangaa hin qabne uumuudhaan danqaa qabsoo oromoo irrattii rawaateera.

Qabsoo oromoo akka laafatuuf fedhiin isaa bakkaa gayuu karaa isaa mijeefatuuf jechaa qabsaayoota muxannoo yeroo dheeraa qaban kaneen akka Jaal Boobbaasa, Jaal Bultum fi Abbaa biyyaa Rooba akka qabsoo kessaa mogaafaman harkaa lafaa jalaatiin jalleewwan isaatiif obbolessaa isaa Abbaa Caala waliin harkaa walitti hidhattuun dalageera.
Gareen Leencoo Lataa qabsoo wayyanetti galchuuf qajeelfama hooggana isaan wayyane irra itti kennamu fudhachuun woorqsa qabsoo woyyanetti galchuudhaaf jarmiyaan oromo addaan diigamuf , karooraaf hojii dhaaba dubatti deebsuuf falleessuu irrattii dalaga turuu isaan mirkanayyadha.

 

 
Akkasumas rakkoo qabsoo kessaatti umametti irkatudhaan maqaa araaraaf tokkummaa jedhu golgatan qabsaayoota bifaa garagaratiin digudhaan addaan baabaasu isaanii beekamaadha. Obbo leencoo lataa jarmiyaa kessatti dabalootaaf miseensota jarmiyaa addaan qodudhaan akka yeroo dherradhaaf dhaabni kun hoogganaa malee hafuu tasisuudha. Waliigalatti Garee leenco kana yoo olaalle hojii diggomsaa qabso kessatti itti fufudhaan qabso saba sakaluudhaaf badi qabsoo kessatti ta’ee qooda ol’aana kan qabaniidha. Kaayyoo Jaarmayaa kaayyoo waaltummaa dimokraasiitii Jaallummaan miseensota , tan kaayo bilisummaa Oromiyaa, tan Sagantaa Siyaasaa fi Seera keessatti lafa kaayamte irratti hundeeffamtee irra tarkanfatudhaan tumsaa fi jaallummaa kaayo bilisummaa fi guddina Oromiyaa irratti hundoofte miseensotaa fi Saba Oromoo jiddutti jirtuu bitineessuu tarkanfachuun isaan gochaa dinumma kan itti qaxaraman tahuu mirkaneessa.

Obbo Lencoo har’a waayee qabsoo oromoo hasayu kun saboontota oromoo qabsoo kanaaf bayan falma irra turan hoganuma isaatiin wayanedhaan waligalee mana hidhatti erga galche booda kaan erga qabsisee kan ajesise wayyaanee wallin mallatteessee wayyanneef tumsee biyya bahee har’as gaabbii tokko mallee ergaa diina fudhatee itti fuffeera. oromoon mirga isatiif falmachuu fi innis waan san kessatti hirmachuu isa badi tahuu bareesse xalayaa wayanetti galchuudhaan sirna wayyanee mirkanesse akkaata kamiin namni kun qabsoo oromootiif ni falma jechuu dandahaa. Gocha isaa hammata kan halagaff fiirris beeku kana hunda ni waakata.
Kanaafuu garee kun garee Dinaati. Gufuu qabsoo oromot. Lammiin oromoo bakka jiruu hundatti garee kana beeke ofirraa facicisuun barbaachisaadha. Lammiin oromoo iyyee iyyaa dabarsuu qaba. Firaa fi alagattis malummaa ibsuun barbaachisadha. Jara kana wayyanedhaan adda baasan ilaaluun dogongora.

Dhugabaas
For further comments you can contact me at baatiigannaa@gmail.com.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago