Categories: Afaan OromooYaada

OFIRRAA KAASI MALEE*

Taammanaa Bitimaa irraa
Ginni bittaa-Maqalee
Jarri qawween as galee
Akkuma Minilik-faa
Uummata keenya qalee
Ijoollee teenya qalee
Yaa Oromoo waltayii
Gaaraa-dakaa gadbayii
Ofirraa kaasi malee!
Biyya keenya qabatee
Dilbii keenya qalatee
Sabbuu keenya sammatee
Buna keenya haratee
Damma keenya muuxatee
Dhiiga keenya xuuxxate!
Arrabasaa dheeressee
Sammuusaa daran deegsee
Waanbadee nutti ta’ee
Waan badaan nutti ka’e!
Uummata-koo waltayii
Yaa saba-koo olka’ii
Isa ofirraa kaasii
Manneen hidhaa caccabsii
Ijoollee-tee gayyaasii
Sansalta irraa baasi!
Saba-koo dubbiin baddee
Saba-koo biyyis baddee
Oljedhii harqi akka qeerransaa
Gadbayii caraani akka leencaa
Waltayi akka goondaa
Hiddi akka kanniisaa
Yoosuu yeeyyiin si dhiisaa!
Odaa-kee caaseffaddhuu
Gadaa-kee deebifaddhuu
Siiqqee-tee aadeffaddhuu
Buna-kee raajeffaddhuu              

Kayyoo ilaa-ilaamee
Kan seenaan sitti dhaame
Labsi Finfinnee-rrattii
Tulluu Daalattii gubbaatti!
Erga yeeyyii ofirraa hariitee
Idda bacootti aduun dhiitee
Ijaarraddhu Oromiyaa-tee
Tikfaddhu Oromummaa-kee!
Akkuma aadaa keetii
Akkuma seenaa keetii
Kan nagaan sitti dhufe
Nagaan simaddhuu bulchi
Ollaan-kee yoo beela’e
Waan qabduun du’a oolchi!
Atis ilmoo namaatii
Innis ilmoo namaatii
Akkuma duudhaa keetii
Karadeemaa guyyaallee
Alagaa baargamaallee
Manni kan Waaqi” jedhii bulchi!
Uummata-koo uumee-too
Barsiisaa, guddisa-koo
Akkuma bara Gadaa
Tokkummaa-kee jabeessi
Sirnaa fi sheexana jaraa
Ofirraa achi fageessi!
Dhala-kee isa moggaa moggaa fiffiigu
Isa humnaa-tokkummaa kee diddiigu
Gorsiitii ofitti deebisi
Daaraa jaraarraa kaasii
Marcumarra teessisi!
Namummaa fi qaroomina Gadaa
Gaaddisa miidhagaa kan Odaa
Hayaa, addunyaa beeksifaddhu
Namummaan namummaa-kee deebifaddhu!
**************    //    **************
* Hubachiisa: Walaloon kiyya kun ijoollee Oromoo bara-dabre waayee “Master Plan Finfinnee” san irratti diina biyya keenyaa dura dhaabattee, diina saniinis galaafatamteef mee yaadannoo haa tahu! Warreen isaanii fi firoottan isaanii irraa bakka kiyya dhaabachuun, mee imimmaan isaan irraa naaf haa haqu! Isaan manneen hidhaa Habashootaa keessatti dararamaa jiraniif, mee hamileessaa haa tahuufi! Dabaleesoo, dhalawwan Oromoo Qeerroo fi Qeerrittiif galaa isaanii irratti, mee isaaniif haa dabalamu!
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

1 month ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

1 month ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

1 month ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

1 month ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago