Categories: Seenaa

Sifaan Bari sitti himani ofbari


Kansera bilisummaa fira dina gurgutuu mirgaa nama 
ILmaan Goobanaa fi OPDO . kana dubbisaa! ‘Share’
ykn ‘print’ gochuudhaan oromoo hunda bira
akka ga’u godhaa
IRRAA HAABARANNU
XUMURA OROMOO ORMA JALA FIIGANII
FI
GORSA KALLATTII OROMUMMAA
1) Barichi walakkeessa jaarraa kudha
saddeettaffaa booda ture, yeroo kana
oromoon
yeroo jalqabaaf oromummaa ala saggaaruu
jalqabe. Yeroo jalqabaafis oromoo dhiisee
orma
ofitti aanse. Yeroo jalqabaafis oromoon orma
irra goree oromoo lole. Sababa kanaan sabni
guddan kuni WARAABESSA GABRUMMAA b
ara
baraan lafee, foonii fi dhiiga keenya sooratu,
gaafa fedhes lubbuu keenya fudhatu jalatti
kufne. Cimaa oromootu isaan garaaree nu
cabse. Oromoon kuni goota oromoo cimaa
Kan
ture, GOOBANAA DAANCEE jedhama.
Goobanaan oolmaa guddaa isaan biraa qaba.
Waadaa orma wajjin walii gale
abdatee ,humna
qabu hundumaan lammii isaa ciree cirsiisee
oromiyaan harka ormaa galte. Waan harki
isaa
hojjeteen, Lammiin isaa kunoo hamma
har’aatti
harka ormaatti rakkata. Kunoo amma
har’aatti
duunis nurraa hin dhaabbanne. Kunoo harka
diinaatiin hoggayyuu hurgufama. Hiraarfama!
Lammiin lammii akkas godhe ofiimmoo
akkam
ta’e laata? Cimaan keenyi utuu hin
beekiin,hurrii
hammate,boofa mudhiitti marate. Ormi
akkuma
oromiyaan harkasaa galuu mirkaneeffateen
,abbaa oolmaa isaanii kan namni namaa hin
oole ooleefii,nama isaan amanee biyya abbaa
isaa dabarsee kenneefii,nama isaan amanee
dhiiga oboleessa isaa dhangalaasee mootii
isaan taasise amanuu dadhabanii,utuu oolanii
hin buliin ATI UTUU KAN BIRAA ARGITEE
IMMOO UNUUN NUGURGURTA ittiin jedhan.
KAN WARRA IRRAA DHALATTEEF HIN
AMANAMNE UNUUF HIN AMANAMTU ittiin
jedhan. GOOBANAAN gaafa waan abdate
hunda
dhabu,waaqaaf lafa isa fudhatu dhabe.
Haamileen isaa cabee jiraatti du’ee. Waanti
inni
godhe waan gaafa gaabban deebisan miti.
Hadoodee garatti deebi’u wallaale. Faayidaaf
jedhee waan inni lammiisaa godhe waan
arganiifis,tasgabbiin booda isaan birattis
jibbame. Ormi mootii nurratti ta’e waggaa
shaniif sirriitti tasgabbaa’ee booda shakkii
guddina abbaa oolmaa isaanii ajjeesani!
Goobanaan dhumnisaa salphina hin darbine
ta’e.
Kan nama gaddisiisu,du’uusaa utuu hin
ta’iin,du’ees baraa baratti abaaramaa hafuu
isaati. kan hin jiraanneef sanyiisaa jireenya
harkaa gate deeme. Qananii nurraa baasee
qaanii nutti uwwisee sokke.Karaa warri
keenya
jaarraa heddu ijaare Diinatti agarsiisee nu
jalaa
diigsise! Icitii jabina keenyaa ormatti
basaasee
sirna keenya cabse. Kanaaf amma har’aatti
karaan nuharkaa bade lafa yaadnu gahuu
dadhabne. Kanaaf sirni ormaa nurratti
bookkisa.
Kunoo akkasitti hiree keenya cabsee, hiraara
nu
baachisee,jaarraa tokkoo oliif jalarra nu
deemsise. Ilaali lammiikoo,akkasittiin cabnee,
akka midhaan kadhattuu walkeessa facane.
Nu
keessa taa’anii,waa’ee eenyummaa keenyaa
isa
nuti ijaarru,isaan nu jala deemanii diigu. Isa
nuti
hiikne guduunfu. Isa nuti baasnu owwaalu.
Dubbii oromummaa keenyaa isa nuti
qulqullessinu isaan nujala deemanii dhoqqee
dibu. Oromoo tokkomsuuf yoo nuti fala
himne,isaanimmoo dammaan makanii faallaa
himu. “ Gaafa isaan oromiyaa seenan gobaatu
jilba nu seene.” Yeroo kanatti hojii oromoo
hojjechuu jechuun kana hunda obsuu jechuu
dha. Haa ta’uutii akkuma kan biyya ajjeesu
jiru,
kan biyyaaf du’u jira.GALANNI ISAANII HIN
BADIIN! Garuu kennaaan oromoof
dhalate,kan
seenaa bade kana mara deebisu ,kan qaanii
nurraa darbee qananii nutti uwwisu,kan
bulchinsa ormaa cabsee sirna keenya
deebisu,kan lammii bool’aa baasee gita
namaa
deemsisu,kan gabrummaa nurraa cabsee
biyyasaa bilisoomsu,maqaasaa olqabee
dhaabee Goobanaa dagachiisu,EENYU
LAATA?………………………………………………
……………kan asitti barreeffamu,maqaa nama
dhugaamoo ammas maqaa nama gantuuti?
Maqaa nama tokkoomoo maqaa nama
kumaati? Ani hin beeku yaa waaq situ beeka.
Kum kumiyyuu haa hafu,garuu bilisoomuun
oromoo hin hafiin!!
2)Bara lola Xaaliyaanii fi Itiyoopiyaa
ture,Minilik
biyya humnaan harmaa fi harka kutee,saba
nagaan jiraatu fixee,lafee namaa cabsee,
dhiiga
namaa cobsee ijaarrate utuu irraa nyaatee
hin
quufiin waanti hin yaadamiin Mosolooniim

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago