Oduu Haaraya

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin:

Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa sana Lammaa Magarsaa fi Jawaar Mohammed fa’a yaalanii mata jabina pptiin fashale sun akka haaratti dhukkeen irraa hurgufamee wal gahiin ta’a’amee ture.

Wal gahii kana KFO irraa namni tokko ABO irraa Ob. Battee dabalatee namoonni sadi hirmaatanii walitti qabummaa PPtiin eegalamee ture. Mariin marsaa jalqabaa wixinee yaada irratti walii galtee barbaachisu akka paartileedhaaf qoodamu waliif galamee garee Telegram irratti yaadni wixinee paartileedhaaf ergamee ture.

Yaada wixinee kanarraa wantoonni hir’atan yoo jiraatan ykn yaada dabalataa akka paartileen itti guutanii fi yaadan gabbisanii dhufaniif dhiyaate. Wixinicha keessa wantoota hir’atan jedhan qabatanii wal gahii lammataatif gaafa dhaqan yaada hir’ate jedhan akka kaasaniif carraan paartileedhaaf kenname.

Carraa kanatti fayyadamanii yaadota hafe jedhan hundaa tarreessan. Gareen PP garuu “yaada kana akka yaadatti ni fudhanna ammatti garuu kun haa hafuu yaada wixinee nuti dhiheessine kana mallatteessaa”kan jedhutti ce’an.

Kana gidduutti walii galteen dhibde. Paartileen mormituu (gareen Ob. Battee) fa’a “yaadichi isin fiddan hiree saba keenyaa quucarsa, mirga saba keenyaa daangeessa qofa otuu hin taanee sarbamiinsa mirgaa birootif saaxila jechuudhan nuti hiree oromootirratti daba hin mallatteessinu”jedhanii haalli gara dirqisiisuttu adeemuu fakkaannan wal gahicha addaan kutanii bahan.

Ob. Battee kanatu hiisise:-

~Maalif waan nuti isiniin jenne fudhachuu diddu?

~Akkamitti waan nuti ni ta’a jennee dhiheessine isin mallatteessuu diddu?

~Akkamitti mirga oromoo fi hiree egeree sabichaa murtoo fi kabaja keenya har’aa caalchiftan?

~Kan nuti mallatteessaa jenne isin mallatteessuu malee mirga maal qabduuf ni mormitu?

kanumatu yakka ta’e. Hammanumatu hidhaaf fi ukkaamsaf isa saaxile. Oromoodhaaf qabsoofna jechaa warra dantaa oromootif gaafii kaase sanuu wixinee isaan dhiheessan waloon gabbisuuf keenya malee keessan fafa jechuutu hidhaa dhiira buuse.

Teessoo tokkorra taa’anii dantaa saba tokkootif karaa nagaatin qabsaawuf warra garaa baldhina hin qabnetu isa qawwee baatef karaan nagaa banaadha jedha.

Isa harka duwwaa hidhaa isa hidhate meeshaa lafa kaayii koottu jechuun taatiiree.

Check Also

wbo

The Impact of Slogan Change on the Oromo People’s Struggle for Independence

Deebitee Kootee Bilisoo October 25, 2023     Note that a political slogan stands for a cause. …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *