Categories: Oduu Oromiyaa

Waancaan Kubbaa Miilaa Motummaa wayyaane fi Mormitota isii Jiddutti deemaa ture, Injiffannaa Wayyaaneen xumurame

Hegere Oromiyatii

 

Mormittonni Motummaa wayyaane wajjiin wal morman kan akka Paartii Medrak Paartii Bule Paartii Siyyee Abrhaa Paartii Oromo Fedraalistii fii Paartiin Qinjjit Akkasuma Paartiileen biro Heera Motummaan wayyaane kaa’atte gutuun gutuutti itti amananii niis fudhatan .

Akkasuma Maqaa Ethiopia fi Sirna Bulchiinsa Fedraalizimi yaro ammaa Ethiopian ittiin bulaa jirtu fudhachuu bira kutanii Muxachiisuuf jiraanna jechuun wa’adaa fi ballama Sirnichaaf galanitii Sirnaan galmaawanii hojjachuuf yaalan.

Gutuu Heera biyyatti fudhatanii Humna Qawween Aango wal harkaa fudhuu balaaleyfataniti Bordii filmaata biyyatti irraa bekkumsa argatan .

Akka Paartilee biyyattitiis baajanni ramadamefi hojjachaa jiran.

Garu Motummaan wayyaane heeruma ofii kaaye kabajuu didee Mormitota heera inni kaayetti amananii isaa waliin dorgomof tattaafataa turan hunda uggure.

Karaa ykn daandii nageyaatiin Aango wal harkaa fudhuu EPRDF ofi isaatifuu akka itti hin amanin Mormitotaa fi Ummata biyyattille ragaa guddaa ofirratti baase.

Aangoo Humna Qawween arganne Sanduuqa ykn Korjoon dabarsine hin laannu jechaa ture.

Gaaffi Paartilee Mormitotaaf
Dhihaatu qabu .

Paartileen Mormitotaa gutuun isaanii Sirna bulchiinsa Ethiopia humna qawween dhunffate humna qawwen bulchaa jiru akkamiin amananii isaa waliin filmaata seenan.?

Mo sirna bulchiinsa wayyaane kana addunyaa fi hawaasa biyyatti biratti dimokraatawaa fakkeysanii dhiheysudhaaf yaalaniti yaanni isaanii .?

Filmaata 2005 raawwate irratti Paartiin Qinijjit EPRDF Mo’atee turullee waan hogganota paartichaa fi deggartota isaa mudataa ture dagataniiti mo Sirnichaatu of jijjire ja’aniiti .?

Bu’aa wayyaanen tapha kana
Jala fayyadamte .

Tapha akka kubbaa miilaatti motummaan wayyaanee fi Mormitonni isii waljiddutti taphaata jiran kanatti kan fayyadame sirna wayyaane qofaadha.

Sababni isaas gutuu biyyatti keysatti EPRDF Paartilee isaan morman umee akka isaa waliin filmaata biyyatirratti dorgaman isaanii hayyamuun isa dimokraatawaa of fakkeysu hawaasa addunyaa fi naanno biratti kanaadha kan ittis milkaawedha.

Kana caalaa dhaabbilee EPRDF irratti dhiibbaa ofaa jiran hunda biratti fudhatamaa fi deggarsa dinaggey irraa argachuuf filmiin harka muraa kuni tolfame ittiis milkaawe jira.

Kasaaraa Paartilee Mormitotaa.

Paartileen Mormitota Ummata duratti saaxilamu bira kutanii bu’aan isaan busan tokkichi yo jiraate paartii wayyaane dimokraatawaa fakkeysuu qofaadha bu’aan isaan busan.

Bu’aa kanaan barcuma Caffee biyyatti keysa barcuma 15-hamma 20 argachuu qofa tahuuf jiraata bu’aan isaanii , kubbaa miilaa Dirree hawaasa Cunqurfamaa irratti wayyaane waliin waan akka gaari taphataniif .

Kuni fuula ummata duratti isaan saaxiluuf jiraata , sirnicha dimokraatawaa fakkeysuu qofaaf kan hojjatan tahuu ummanni isaan abdachaa ture isaan jibbee isaan lagatutu dhufuuf jiraata.

Akkauma Paartii Qinijjit yo deggarsa ummata dhaban wayyaanen hiraata isaan godhachuuf qophii xumurtaa jira.

Barreysaa fi Gaazexeysaa
Abdusalaam Sute
Waxabajjii 6/2015

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

5 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

5 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

5 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

5 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

8 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

8 months ago