Categories: Afaan Oromoo

WAAQATTI HIMADDHU!

                Taammanaa Bitimaa irraa
Yaa Irreecha olka’ii dubbaddhu
Bishooftuu olka’ii dubbaddhu
Yaa Oromoo olka’ii dhubbaddhu
Oromiyaa oka’ii dubbaddhu
Waan barana taate
Waan yeeyyiin si goote
Addunyaatti iyyaddhu
Waaqatti himaddhu!
Isatoo hunda beekaa
Isatoo cufa eegaa
Waaqatti himaddhu
Deebiii-saa argattaa
Jabeessii abadaddhu!
Yaa Harsadii oljedhii dubbaddhu
                            Ada’a oljiidhiitii dubbaddhu
                            Ilmoo namaatti iyyaaddhu
                            Inni si dhagayaa Waaqatti himaddhu!
                           Bishooftuu harawwan torbaa
                           Giiftii bishaan golbaa
Teessoo Odaa Nabee
Kan Oromoon waggaa 1800 dura
Sirratti lallabe
Handhuura lameen Oromoo
Wiirtuu Sadeen Tuulamaa
Haadha seenaa kuulaa-kuulamaa
Waan barana taate
Waan yeeyyiin si goote
Addunyaatti iyyaddhu
Waaqaa-lafatti himaddhu!
Yaa Tuulluu Cuqqaalaaa
Gaara seenaan caalaa
Samiitti ijaajjitee
Ati argitee mitii
Waan jarri Irreecha goote
Allaattii sibiilaa tan sirra baratee
Gaazii gad-roobsitee
Farda-taankii dacheerra gulufee
Akka namuun dheensinee
Karaa itti-cufee
Ilmoo nama daddaakee urgufe
Agarteettaa dubbaddhu
Waaqa guddaatti dhaammaddhu!
Siiqqee caccabsame
Keelloo dhiigaan faalame
Bookkuu waxalamee
Odaa waqaramee
Mucaa jiraa boollatti darbatame
Mirga saba Oromoo
Otoo addunyaan doowwatuu awwaalame
Irreecha addunyaatti iyyaddhu
Bishooftuu Waaqatti himaddhu!
# Mee walaloon gabaadduun tun Oromoota dhibba torban (700-n) gaafa irreechaa galaafatamaniif, dabalees kanneen kumaatamaan lakkaawaman isaan madaayaniif yaadannoo haa tahu!
Barliin, 04. 10. 16
**************    //    **************
bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

6 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

6 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

6 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

6 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

9 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

9 months ago