Oduu Oromiyaa

Walitti bu’iinsi haala wal fakkaatuun yoo furmaata argate malee nagaa fi tasgabbii Toophiyaa keessatti barbaannu gonkuma galma gahuu hindanda’u.

Waliigaltee Waraana Dhaabuu fi Nagaa Buusuuf Mootummaa Federaala Itoophiyaafi Adda Bilisummaa Ummata Tigiraay (ABUT) Jiddutti Mallatteefame Ilaalchisee Ibsa Ejjennoo Kongirasii Federaalawa Oromoo (KFO) Irraa Kenname.

Kongirasiin Federaalawa Oromoo walii galtee waraana dhaabuufi nagaa buusuuf Mootummaa Federaalaa Dimookiratawaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) jidduu Onkoloolessa 23, 2015 ALI mallatteefamuu isaa akka tarkaanfii jajjabeessa fi gaarii taéetti fudhata. Koongirasiin Federaalawa Oromoo jalqabumarraa kaasee buúurri waraana kanaa waldhabdee siyaasaa taúu isaa addeesinee; kan furamuu qabus waltajjii siyaasaa irratti taúu akka qabufi wal waransatti seenuun barbaachisaa akka hinturre irra deddeebiin akeekachiisaafi qaamota lamaanif waamicha gochaa turuun isaa niyaadatama. Paartiin keenya waldhabdee karaa nagaan furuuf waliigalteen amma taasifame kun yoo amanamummaan hojiirra oole, nideeggara. Qaamni hundi waliigalticha hojiirra oolchuuf miira amanamummaa fi tumsa gaariin akka hirmaatu abdii guddaa qabna. Lammileen Itoophiyaa hundi raawwii waliigalticha akka deeggaran fi lammiilee nagaa naannoolee waraana kanaan miidhaman hunda akka deebisanii ijaaran waamicha dabarsina.

Haa ta’u malee, waldhabdee Tigraay keessatti mudate furuun qofti nagaa fi tasgabbii biyya guutuu keessatti barbaadamuu fiduu akka hindandeenye amantaa cimaa qabna. Akkuma hundi keenya hubachu dandeenyu wal waraansi wal fakkaataan Naannoo Oromiyaa fi kutaalee biyyattii biroo keessatti gaggeeffamaa jira. Walitti bu’iinsi haala wal fakkaatuun yoo furmaata argate malee nagaa fi tasgabbii Itoophiyaa keessatti barbaannu gonkuma galma gahuu hindanda’u. Waaraanni Naannoo Oromiyaa fi naannolee biyyaa garaa garaa keessa deemaa jiru haaluma walfakkaatuun marii fi waliigaltee nagaatiin xumura argachuutu irra jiraata.

Kana waan taéef Kongirasiin Federaalawa Oromoo mootummaan Itoophiyaa waraana Oromiyaa keessatti gaggeesu dhaabee harka nagaa buusuuf gara kaabaa diriirse gara Naannoo Oromiyattis akka qaqqabsiisu fi waldhabdee jiru waliigaltee siyaasatiin akka furu cimsine gaafanna. KFOn humnoonni siyaasaa biyya Itoophiyaa, lammileen Itoopphiyaa hundaa fi hawaasni addunyaatis waraana Naannoo Oromiyaa keessa jiru akka karaa nagaatin xumuramu dhiibbaa fi deeggarsa barbaachisu hunda akka godhan yaamicha isaa irra deebin dhiyeessa.

Dhumarratti, walitti bu’iinsa guutuu biyyattii dhaabuun gara filannoo amanamaa, bilisaa fi haqa qabeessa ta’e gaggeesuun bulchiinsa dimookiraatawaa fiduutti deemuun dirqama ta’uu isaa jala saraarree ibsinaa. Waldhabdee keessaa baanee qaama walaba ta’een marii biyyoolessaa hunda galeessaa fi hunda hammate kan Itoophiyaa keessatti nagaa waaraa, sirna dimookraatawaa fi misooma argamsiisuu danda’u ni gaggeessina jennee abdii qabnu irra deebinee ibsina.

Kongirasii Federaalwa Oromoo

Onkolooless 26, 2015

Finfinnee, Oromiyaa

bilisummaa

Recent Posts

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do…

4 weeks ago

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people…

4 weeks ago

The Impact of Slogan Change on the Oromo People’s Struggle for Independence

Deebitee Kootee Bilisoo October 25, 2023     Note that a political slogan stands for a cause.…

1 month ago

Fano: The Anti-Oromo Amhara fascist Paramilitary Extremist Militia Organization

October 17, 2023 Mallisee Fatansaa Sulee    Recently, a chorus of diaspora Amhara social media, the…

2 months ago

The Oromo Struggle: Unfinished Mission and Unintended Consequences

September 26, 2023 Deebitee Kootee Billisoo During the Abyssinian War of the conquest of Oromia,…

2 months ago

Dr. Yoonaas Birruu, the Mirror Image of Crimes of Genocide Menelik and Haile Selassie Committed Against the Oromo People

Fatansaa Sulee Shogodoo September 20, 2023 As it is clear from hateful and Oromo phobia…

3 months ago