Categories: AadaaAfaan Oromoo

YAA DHALOOTA QUBEE**

Taammanaa Bitimaa irraa
Ijoollee biyya abbaa-koo
Dhalawwan aayyoo-too
Yaa dhaloota Qubee
Yaa dhaloota Qubee
  Walta’aatii ka’aa
Gabrummaa acha’aa
Jarroo biyya gubee
Jarroo biyya gubee!
Jarroo biyya gubee
Gubeetii waxalee
Akkoo fi akaakaa-llee
Darbatee kabalee!
Warri abbaa-kabalaa
                  Warri abbaa-waxalaa
                  Lafarraa nu duguuguuf
Hamtuu nuuf abbala!
Margaa-muka guggubee
Namaa-sa’a guggubee
Bineeyyiis guggubee
Oromiyaa qabatee
Ukkaamsee ukukkubee!

Awwaallan buqqisee
Lafa-saa gurgurataa
Beelaan nama huqqisee
Xiqqaa-guddaa kuffisee
Ija-saatoo jaamee

Kana yoom hubataa?
Yeeyyiin gaaraa as-galee
Akkum Mosolonii ciibsee nama qalee
Majaan gubbasii as-galee
Akkum Minilik-faa ciibsee nama qalee!
Waggaa digdamii-lama guutuu
Kunoo-kaa biyyasoo guutuu
Dhiddhiitee nama bitaa
Karcalleettis naqee fixaa!
Yoom Oromoo qofa tahe
Kan inni gorra’u
Gadqabee kan acha’u
Obboleewwan keenya
Ilmaan Kuush kan beenyaa:
Afaari fi Somaalee
Ukkaamsee cuqqaalee
Sidaama fi Hadiyyaa
Kaanis biyya biyyaa
Ciibsetuma qaqqalaa
Akka dullacha masqalaa!
Garasittis dabree
Uummata Gambeellaa
Kan jedhuun “Shaanqillaa
Warra dur abbootiin-saa
Warra dur obbolaan-saa
Gabaa dhaabee ittiin-daldalate
Warra Omoo hundaa ittiin-shaqaxate
Kunoo amma lafarraa buqqisa
Kilaashoon gadqabees kukuffisa!
Hayyee, qeerransoota Qubee
Hayyee, yaa dhaloota Qubee
Gaaf tokkollee harmeen dagatinaa
Kakuu-dhaa, laguu-dhaa irraan baqatinaa!

Yaa dhaloota Qubee
Yaa dhaloota Qubee
Tokkummaan olka’aa
Kaayyodhaan walta’aa
Harqoota gabrummaa
Kooraa jalkaattummaa

Darbaddhaa acha’aa!
Darbaddhaa acha’aa
Acha’aa caccabsaa
Biyya guutuu labsaa
Cubbuu fi yakka dabsaa
Dabsaatii unkuteessaa
  Hundee gabrummaa balleessaa
Biyya Gadaa, Oromiyaa keessaa!
Jabbilee Oromoo
Kan sabaa kan qomoo
Yaa dhaloota Qubee
Yaa dhaloota Qubee
Ka’aa tarkaanfaddhaa
Ni mootuu abdaddhaa!
Impaayera dulloomee raamma’e
Kan addunyaa guutuun ofirraa acha’e
Supphuuf homaa hin dhama’inaa
Kun hoodaa gaaf tokkollee
Oromiyaa-Kuushiyaa hin dagatinaa!
Harawwan summeessee
                  Oobruuwwan xureessee
                  Caakkaa barbadeessee
Uummatoota madeessee
Kanallee misooma fakkeessaa
Addunyaatti oliyyee odeessaa!
                  Beela harkisee fidee
                  Joollee-harmeewwan fixee
                  Gogiinsa, gubiinsa
                  Jeejedhaan dhumiinsa
                  Ciriinsa, duguuginsa
                  Gondorii as fidee
Maqalee as fidee
Namummaa fi seera Gadaa dide!
Caaccuuwwan guggubee
Galmoota ukukkubee
Siiqqeewwan caccabsee
Bokkuuwwan daddabsee
Sirna warra mootii
Dhaalmaa kan abbootii
                  Sirna sirnaa gadii
                  Doofummaa kan badii
                  Qawwee fi fannoon nutti fide!
                  Qaroomina sirna Gadaa
                  Kan Waaqeffannaa lalisaa akka Odaa
                  Arraba-saatiin xureessee
                  Harka-saatiin hurreessee
                  OROMIYAA Biyya Gadaa
                  Kunoo, qabatee irra-ciisa
                  Ilaa, nu qawween kaanu malee
                  Gaaraa-dakaa waltaanu malee
                  Yoomum tolaan nu dhiisaa?
Egaa, yaa dhaloota Qubee
Eekaa, qubeeffattoota Qubee
Yaa abdii biyya kiyyaa
Anoo kanaafan iyyaa:            
Hin ganinaa waadaa jagnootaa
Hin gatinaa yabboo gamnootaa
Kan Jaarraa faa kan Maammoo
Kan Waaqoo faa kan Elemoo
Kan sabaa-fii kan qomoo
Kan Taaddoo faa kan Magarsaa
Dhalootaa dhalootatti dabrsaa!
Hayyee, gichilloota Qubee
Maarree, yaa dhaloota Qubee
Walqabaddhaa beenaa, deemaa
Deemaa, laggeen Oromiyaa cufa seenaa!
Dhiichisaa, ragadaa
Gabrummaa cagadaa
Geerraraa, shubbisaa
Roorroo qabaa kuffisaa!
                Oromiyaa jaarraddhaa
Kuushiyaas abdaddhaa
Sirna dimokiraasii
Gabrummaa mancaasii
Kan Gadaa deebisaa, deebisaa
Impaayera kana muuziyama teessisaa!
Imimmaan harmee Oromiyaa
Imimmaan aayyoo Kuushiyaa
Bullukkoo bilisummaatiin
Kumala walabummaatiin
Irraa haqaatii qoorsaa
Saba keessan boonsaa!
Kakuu-dhaa dubatti hin deebinu
Laguu-dhaa harmeerraa hin dheensinu
Jechaa waliin tarkaanfaddhaa, tarkaanfaddhaa
Namummaan namummaa olkaasuuf kakaddhaa!
Oromiyaa, Oromiyaa
Kuushiyaa, Kuushiyaa
Jechaa deddeemaa, dhaadaddhaa
Dhalawwan Kuush gaaraa-dakaa waammaddhaa
Awwaala gabrummaa irratti OROMIYAA jaarraddhaa!
Barliin, 15. 05. 2013
==============    //    ==============
**: Walaloon kun Oromoota yeroo ammaa manneen hidhaa warra Wayyaanee keessatti: garafamaa, waxalamaa dabrees waadamaa jiraniif, dhalawwan Oromoo gara-jabeessummaa fi bineensummaa mootummaa Habashaa baqachaa otoo jiranuu, yabaloo fi doonniin ittiin-deemaa jiran Garba Adan keessatti garagalee irbaata qurxummii nama-nyaatuu, kan shaarkii tahuun hafanii fi kanneen adaala (“barahaa“) Sudaani fi Liibiyaa keessatti dhumanii awwaalli isaanii cirracha-adaalaa taheef, kan jiraniif: mararfannoo, biradhaabannoo fi jajjabeessa hamilee haa tahu! WAAQNI imimmaan oggaan ishii tana barreessu narra yaa’aa jiru kana arguun, fuula isaa gara isaaniitti akka deebisu abdiin qaba!
==============    //    ==============
bilisummaa

Recent Posts

OLLAA Comments on US Visit to Ethiopia

This past week, US Secretary of State Antony Blinken visited Ethiopia. During his visit, he met…

2 days ago

Shaakala barnoota Afaan Oromoo

Jecha sirrii faallaa maqibsaa tahe fili!

1 week ago

OLLAA & Word BEYOND War Launch Campaign For Peace in Southern Ethiopia

U.S. Secretary of State Antony Blinken's upcoming visit to Addis Ababa, Ethiopia on March 15…

1 week ago

A call on the Oromo elites to promote Oromo Extermination Memorial Day

By Leenjiso HoroMarch 13, 2023This call on the Oromo elites is to urge them to…

1 week ago

Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef ergame hannaan gurguramaa jira.

Gargaarsi uummata Booranaa hongeen miidhameef geeffamaa ture gariin gara baadiyyaa dhaqqabaa hin jiru, kaan ammoo…

2 weeks ago

Oromo Orthodox Split: A Collision Between Politics and Faith

By Sooreettii Kadiir The formation of the Oromo Orthodox Synod signals greater shifts that have…

3 weeks ago