Categories: Oduu Oromiyaa

Afeerraa Walgahii Hatattamaa Tokkummaa humnoota bilisummaa Oromiyaa ULFO  irraa  dhihaate.

27/02/2015 060/01//2015

      Gara Oromiyaa midea Netwok

 

 

Dhaabbiilee siyaasaa kan bilisummaafii walabummaa Oromiyaa tiif qabsaawaniif.

-Gootota Qeerroo dargaggootaa,Kan bilisummaa fii Dimocracy,

Bulchinsa Mootummaa naannoo Oromiyaa ittin jechuun sobamaa kan ture OPDOs dabalatee kutaalee hawaasa lammiilee Oromiyaa maraaf.

Dhimmi:-  Marii Haala  Qabatamaa Yeroo fi Dhaadanno Tigricha obbo Abbaay Tsahaye ilaalchisee  afeeraa marii hatattamaa kan ilaalu.

 Akkuma dhagahamaa jiru angawaan sirna TPLF obbo abbaay Tsahayeen osoo dhiigni barattoota Oromoo kan imaammata  master planii mormuuf dhangala’e hin qoorin ammaas imaammata kana               humnaan akka hujiirra oolchhu dhaadatee jira.Kuni tuffii saba keenyaaf qabu ifatti kan mul’isuudha.Dhima kanaafii haala qabatamaa yeroo irratti mariin jabaan akka godhamu ULFO afeeree jira.Dhaadaannoon tigirticha kanaa kan belbela ibiddaa keessaa  dhaadateme  tahuu isaa itti agarsiisuun dirqama hunda keenyaati.

Ummanni Oromiyaa kan abbaa biyyuma isaarratti roorrifamaa jiruufii dhaabbiilee siyaasaa bilisummaa fii walabummaa Oromiyaatiif falmaa jiran hundi Yeroo kamuu caalaa tokkummaa keenya cimsinee wal maddii dhaabbachuun tuffii kana jalaa ummata keenya baasuuf yeroon  isaa amma.Dhaabbiileen siyaasaa Oromoo  hundinuu   haala qabatamaa amma mul’ataa jiru kanarratti  rakkoolee xixiqqoo jidduu  dhaabota turan maddumatti dhiisuudhaan  gara marii walooti cee’uu qabna.Haalli amma argaa jirru kun murna TPLF kanaaf haala abdii kutannaa fii  ijibbaata maayyii irra ga’uu isaa kan mul’isuudha.Haa tahuu malee Seenaa  QBO tiif boqonnaa qabsoo haarawa kan banu tahuu qaba.OPDOn gama isaatiin,Sobni    Mootummoonni naannoo hundi naannoo ofii irratti mirga wal qixaa qabu.Mootummaan Federaalaa fii kan naannoolee gara lamaan mirga walii ni kabaju Jechuun seeruma isaanirra kaayame ture kun soba tahuu isaa kan ibsu dhaadannoo kanaan ala wanti eeggamu hin jiru.Kanaaf  dhaabbanni DHDUO kun yeroo inni bobaa  TPLF jalaa itti luqqa’ee gara dhaaba ummataatti if jijjiiru  amma jechuun  Hogganni dhaaba ULFO dhaamsa isaa xumura.

Tokkumman Humna. !!!

Oromiyaan Ni Walaboomti. !!!

KHR ULFO\THBO

Feb – 27/5/2015

Odeeffannoo dabalataaf

E-mail, info.ulfo2012@gmail.com

bilisummaa

Recent Posts

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do…

4 weeks ago

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people…

4 weeks ago

The Impact of Slogan Change on the Oromo People’s Struggle for Independence

Deebitee Kootee Bilisoo October 25, 2023     Note that a political slogan stands for a cause.…

1 month ago

Fano: The Anti-Oromo Amhara fascist Paramilitary Extremist Militia Organization

October 17, 2023 Mallisee Fatansaa Sulee    Recently, a chorus of diaspora Amhara social media, the…

2 months ago

The Oromo Struggle: Unfinished Mission and Unintended Consequences

September 26, 2023 Deebitee Kootee Billisoo During the Abyssinian War of the conquest of Oromia,…

2 months ago

Dr. Yoonaas Birruu, the Mirror Image of Crimes of Genocide Menelik and Haile Selassie Committed Against the Oromo People

Fatansaa Sulee Shogodoo September 20, 2023 As it is clear from hateful and Oromo phobia…

3 months ago