:::::::::::::::::::::::::::::::::::::
Bakki jirtu eessaa?
Biyya tamii laata
Dhiira onnee guutuu
Leenca ija barbadaa
Yoomuu hin Cal’ifnee
Lammiin si iyyaafataa
Afuura kee dhabnee
Jaal Nadhii Gammadaa!
Baatee achi geettee,
Kankee quba dhabee
Jaallaan miiltoo keetii
Nama heddu gaaffee
Hunduu hin arginee
Jechuudhaan deebisuu
Gumaan kee hin baduu
Rabbiin haa deebisuu
Waan gootummaa keetii
Akkanatti ibsu :-
Jaal,Nadhii Gammadaa
Goota onnee guutuu
Duuti isaaf dhuftee
Anaani haa qaarituu
Hooggansaaf gootummaan
Isaa namaan addaa
Diina haamee fixaa
Ciree akka hadaa!
Abjuu natti ta’ee
Achi buuteeni isaa
Mee na hin gaafatinii
Afaan maaliin ibsaa?
Waan jedhuu hin qabuu
Seenaa dhumaaf dhiisaa!
Naan jedhe jaal tokkoo
Kan duri beeku isa !!!
Ibsa haala yeroo ummata muslimaa irratti mana maree dhimmoota islaamummaa Itoophiyaa, mana maree ulamaa fi…
Leenjiso Horo May 25, 2023 What we have done for ourselves alone dies with us;…
The U.S. Special Envoy met with the Oromo communities of Los Angeles and Southern California…
Ustaaz Ahmaddiin jabaliin Magaalaan Shaggar Masjiidotaa fi Muslimoota kan of keessaa qulqulleessu yoo ta’e Muslimootaaf…
Leenjiso Horo May 10, 2023 Oromiyaa is a land of great freedom fighters, the land…
Paatiriyaarkiin Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuna Maatiyaas rakkoon bataskaanattii mudate atakaaroo walqabuun kan furamu akka…