Dhukkuba hamaa
nurraa qabi “Ebola”
Addunyaan dadhabdee
sihi abbaan falaa
Dallansuma teetii
dhibdee mitii balaa
Irraa nu baraarii
nu baasi mee jalaa!
Gurra namuu gahee
addunyaan hasaastee
Qorichasaa barbaada
oliif-gadi xaartee
Hundinuu dadhabee
afaansaa qabatee
Nuti sitti irkannee
nurraa qabi Gooytee!
Suma harka jiraa
furmaanni waa maraa
Mootiin hundaa sihi
siitu muddaa furaa
Jalaa nu oolchi
dhibdee namaaf farraa
Nurraa eegi ati
yaa mootii mootirraa!!
__________
Najiib Zannuun
Kashlabboonni amaara dhala Oromoo (Taakkalee Uumaa) DC keessatti akkasitti xiqqeessuu isaanii ijaan arguun onnee nama…
USA Welcome Corps Program Tibbana Ameerikaan sagantaa godaansaa / Immigration Program/ tokko ifoomsitee jirti. Sagantaan…
Tensions in the Wollo Oromia Special Zone (located in the Amhara Region, Ethiopia) have flared,…
Map showing part of the locations where the latest violence is ongoing Addis Abeba – Residents…
NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in…
Barsiiaan Kana Hinjedhu! “Biyyattii kadhaan xurumbaa, biyyattii dibbeen sagadaa iyyee dhikkisu keessatti; lafattii maqaa dhala…