Categories: AadaaAfaan Oromoo

Hayyoota Oromoo guutuu Pilaanetii ‘Lafa’ jedhamtu kanarra jiraattan maraaf!

Qorannoon mata duree ‘‘XIINXALA QULQULLINA BARREEFFAMA AFAAN OROMOO” jedhu kun taajjabbiifi qeeqa magaalaa guddittii Oromiyaa Finfinnee marsanii jiran keessatti manneen daldalaa garaagaraa Qubee sirrii Afaan Oromoo gargaaruu dhabuusaaniitiif akka sirreeffataniif taasifamedha.

Hayyoota Oromoo!!  Afaan keenya afaan saba Miliyoonota hedduutiin kan dubbatamaa jiru ta’uun waan ifa jiru. Haata’u malee akka afaan kun miidhaginasaa gatuuf beeksisaafi Taappeellaawwan manneen daldalaa garaagaraarratti barreeffamanii jiran waan afaan keenya quucarsaa jiran ta’uu akka ogeessaafi barataa afaanii tokkootti qeequun waan narra jiruuf qeeqeera.

Haaluma kanaan gudunfaan armaan gaditti siniif erge kana hiiktanii akka gadi fageenyaan dubbistan abdiin qaba.  Warreen carraa marsariitii (website) garaagaraa qabdanis akka irratti gadi lakkistaniifi Oromoo ta’ee nama muuxannoo kana fuudhatee rakkoo kana maqsuu barbaadu maraaf akka dabarsitan haata’u.

Hayyoonni magaalaa Oromiyaa keessa jirrus namoota dogoggoraa Afaan Oromoon taappeellaa barreessuun afaan keenya akka burjaaja’u taasisan kana akka qajeelchinuufi gargaarsa ogummaa goonee biiroo aadaaf turizimii naannichaa faana akka heera mootummaa jiruutiin akka qajeelchinuuf dhaamsa Oromummaan dabarsadha.  Akka heera qabnuutiin Oromiyaa keessatti maxxansi kamuu kan dhabbatu Afaan naannichaatiin ta’uu beekna laataa? Kanaafuu yeroo afaan keenya akkas waliin laaqamu kana teenyee ilaaluun sirriidhaa?

Hanga Qorannoo dabalataatiin torban kana keessa deebinee wal arginuutti nagaan isiniif hawwa.

Hubadhaa!  ”AFAAN SABA GUDDAA GUDDAADHA!”

Galatoomaa!!
Beekan Gulummaa Irranaa Mardaasaa
PhD Candidate, Documentary Linguistics and Culture
Addis Ababa University
Email: beekanguluma@gmail.com
Skype name:  misganu.guluma
Face book. facebook.com/beekan,guluma or
beekan.guluma@facebook.com
Tel.         +251(0)911074437
+251(0)0939508211

 

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

5 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

5 months ago