Categories: Oduu Oromiyaa

Ibsa waliif galtee hujii kan Dhaaba ULFO fii IFLO irraa kenname

I F L O /A I B O + ULFO/THBO

Gumaan jaallan wareegamanii walabummaa Oromiyaatiin deebi’a

Akkuma beekkamu Sooreeysi QBO J/J/A/Gadaa du’aan addunyaa kanarraa erga galan kunoo bara 2ffaa isaa xumurree jirra.Akka kanaan Yaadannoon hangafticha keenyaa kan bara 2ffaa dargaggoota Oromoo kan Sooreeysaaf jaalalafii kabajaa guddaa qabaniin kan qophaawe guyyaa 13/03/2015tti milkiin xumuramee jira. Qophiin kun hirmaannaa hawaasfii bakka bu’oonni dhaabbiileen siyaasaa adda addaa hirmaachuun qophii kanaaf miidhagina

addaa kenne jira. Dargaggoonni Oromoo qophii kana qopheeysaniifii kenneen

irratti hirmaatan haasawa itti fufinsa qabsoo, Walaloofii dhaadannoo gara garaatiin hegeree walabummaa Oromiyaatiif abdii guutuu mul’isaa oolan.Qophii kanarratti kan hirmaatan bakka bu’oonni dhaabiileefii hawaasaa haala qabatamaa yeroo irratti xiinxala bal’aa eega godhan booda hegeree QBO irratti murtiifii kutannoo qaban dabarfatanii jiran.

Hayyootaafii manguddoonni Oromoo qophii kanarratti argaman kaayyoo hangafoonni keenya irratti wareegaman galmaan gahuuf dhaabbiilee siyaasaa Oromiyaa marti rakkoolee xixiqqoo jidduu isaanii turan maddumatti dhiisuudhaan biyya keenya kan alagaan bifa haarayaan irratti dhaadataa jiru kana hundeen buqqaasuuf qindoominaan akka qabsaawan dhaamsa lammuummaa dabarsanii jiran.

QBOn akkuma qabsoo bilisa baasaa addunyaa hunda guyyaan hundeeffama QBO bara baraan yaadatamuu qaba.Akkasuma  guyyaan gootota qeeyroo ganamaa kan dhukaasa xirroo Seenaa Oromomoo fii Oromiyaa keeysatti iddoo guddaa qaba.Guyyaan kun guyyaa gootonni keenya seenaa gabroomfata hashaa keeysatti reyfa nafxanyootaa lafarra bal’isanii baaraga zalaalam rifaatu uumaa gabroomfataa habshaatti uuman ture.Guyyaan kuniis GUYYAA YAADANNOO GOOTOTAA,tahee bara baraan akka yaadatmu dhaabotaa fii hawaasa

Oromiyaa keeysaafii ala jiran maraaf yaamicha jabaa dabarsan

Afraasa 12/12/1969 guyyaa hundeeffama QBO (ABO)

Fulbana 5/1974 guyyaa goototaa (Dhukaasa jalqabaa guyyaa lola xirroo) bara baraan akka yaadataman bifa guutuun labsamee jira.

Sochii qeeyroon bilisummaa biyya keeysaa ittifufaa jirtu dinqisiifachuun dhaadannoon hogganootni TPLF dhageessisan kun nama belbela ibiddaa keeysaa gadooduufii sirna ianiitiif ijibbaata maayii kan abdi kutannaati jechuu balaaleyfataanii jiran.Hogganni dhaaba IFLO gama isaatiin afanfaajjii baroota dabran kana keeysa dhaaba keenya mudatee ture xiinxalaa fii marii yeroo dheeraatiin furmaata itti kennee bifa harayaan hoggansa isaa filachuun hujii qabsoo itti fufee jira.Carraa kanaaniis miseensotaafii deeggaartoota dhaaba IFLO/AIBO tiin baga gammaddan jechuun dhaamsa isaa dabarsa.Miseensotaafii kanneen sadarkaa hoggansa adda addaa irra turaniis gara toora odeeffannoo hoggansa haarayaa hordofuun akka hujii qabsootti deebi’tan jechuun yaamicha jaallummaa dabrsee jira.

Dhumarratti gamtaan koreen IFLO fii ULFO irree tokkoon diina haalaallee Oromiyaa walaboomte arguuf dhaabbiileen siyaasaa Oromoo kan biyya keeysaafii ala jiran maraaf yaamichaa jaallummaa kan hafuura qabsaa’otaa dabarsuudhaan dhaamsa isaanii xumuran .

Tokkummaan humna!!!

Iznii gooytaatiin Oromiyaan niwalaboomti!!! Koree gamtaa dhaaba IFLO& ULFO

Bitooteysa 15/2015

Odeeyfannoo dabalataa

Email:-mullisaa2@gmail.com ykn info.ulfo2012@gmail.com

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

5 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

5 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

5 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

5 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

8 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

8 months ago