Oduu Oromiyaa

“Oromoon waliif obsuu qaba, Inni darbe gahaadha, amma mariin fixachuu qabna” jedhu.

Turtii Barruu Addis Standard waliin taasisan irratti dhimma waraana Oromiyaa kan gaafataman Koloneel Gammachuun, “Oromoon waliif obsuu qaba, inni darbe gahaadha, amma mariin fixachuu qabna” jedhan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa tibbana Yaa’ii Caffee irratti humna qabsoo hidhannootti jiruuf waamicha araaraa kan taasise waayita tahu, waamicha taasifame ilaalchisuun ejjennoon gama Mootummaa Federaalaan jiru ifa hin taane.

Koloneel Gammachuu Ayyaanaa, dhimma waraana Oromiyaa keessatti deemaa jiruu ilaalchisuun waraana kanaan Uummanni Oromoo nagaa dhabee miidhama guddaa keessa jiraachuu himaniiru.

Waraanni Oromiyaa keessatti deemaa jiru waggaa shan ta’eera, Waraanichi yeroo eegalu dhiiphaa haa ta’u malee babal’achuun amma dhufee giddugala biyyattiitti marseera jedhan.

Qooda fudhattoonni waraana biyyattii yeroodhaa gara yerootti babal’ataa dhufaniiru, mootummaan ammaa ajandaa siyaasaa ifa tahe dhabuun biyyattiitti waraana garmalee hammeesseera jedhu.

Mootummaan ejjennoo ifa tahe qabachuun wal-waraansa biyyattiitti xumura gochuun akka barbaachisu hubachiisan.

Abbaan waraana biyyattii hedduummachuun walqabatee Muummichi Ministeeraa Abiy Ahmad WBO wajjiin araara buusuuf qormaanni jabaan isa mudachuu danda’a kan jedhan Koloneel Gammachuun, haata’u malee nagaa buusuun walqabatee yoo akka yeroo Tigraay sana ejjannoo ifa ta’e mul’isan uummanni Oromoo isaan cina jira jedhan.

Wanti hunduu karaa nagaa yoo dhumate bu’aansaa bareeda akka tahu ibsuun, dhiiga wal dhangalaasuu fi dargaggeessa humna egeree biyyattii tahe waraana gidduutti fixuurraa deebi’uun akka barbaachisu dhaaman.

“Oromoon waliif obsuu qaba, Inni darbe gahaadha, amma mariin fixachuu qabna” jedhu.

Tibbana Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Yaa’ii Caffee irratti Humna Oromiyaa keessatti qabsoo hidhannootti jiru waliin nagaa buusuun akka barbaachisu eeruun, waamicha araaraa taasisuun isaanii ni yaadatama.

Waamicha Obbo Shimallis taasisan kana irratti deebii kan kenne Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaatiin, waamichi kun gama mootummaa Federaalaan dhiyaachuu akka qabu eeruun, fedhiin marii qaama 3ffaan hogganamuun, rakkoo mootummaa Itoophiyaa waliin qabu furuu irratti qabu kan hin jijjiiramne tahuu irra deebiin mirkaneesseera.

Haata’u malee waamicha araaraa mootummaan naannoo Oromiyaa taasiseen booda ejjennoon gama mootummaa Federaalaatiin jiru hanga oduun kun qindaa’etti ifa hin taane.

Yaa’ii Caffee Oromiyaa waamichi araaraa irratti taasifameen dura Raadiyoo Sagalee Ameerikaa irratti dhiyaachuun ejjennoo mootummaa isaanii kan ibsanii turan Ministir Di’eetaan Waajjira Kominikeeshinii Federaalaa Kabbadaa Deessisaa, mootummaan marii qaama 3ffaa waan jedhu kan hin simannee fi humna hidhate kan karaa nagaa galuu dide irratti itti fufiinsaan tarkaanfii kan fudhatu tahuu ibsanii turan.

Yaa’ii Caffee booda gama mootummaa Federaalaatiin ejjennoon jijjiirame yoo jiraate adda baasuuf gara Obbo Kabbadaa Deessisaatti bilbillus, OMNf deebii kennuuf akka fedha hin qabne ibsuun, bilbila cufataniiru.

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago