Categories: AadaaAfaan Oromoo

Qabsaawaan Ni Kufaa, Qabsoon Itti Fufa!

Irraanfachuu hin qabnuu hogguu haa yaadannuu,
Haa wal yaadachiifnuu namuu haa qaabannuu,
Waan dhaammatan qabuu gootowwan kaleessaa,
Kan haqamuu hin qabne sammuu keenya keessaa. (2)

Gootowwan kaleessaa warri biyyaaf dhabne,
Kan biyya ofiif kennan kennaa daaddaa hin qabne,
Takkittii lubbuu ifii tan jijjiirraa hin qabne. (2)

Warri biyyaaf jedhee ofii biyyee ta’e,
Warri ofii dhabamee qabsoo asiin ga’e,
Warri qabsoon haqaa isaaniin daraare,
Warri lafee isaaniin sab-boonummaa ijaare. (2)

Lubbuu deebii hin qabne sabaaf dabarsanii,
Abdii bilisummaa dhiigaan magarsanii,
Warri ofii du’anii qabsoo jiraachisan,
Lammii abdachiisuun kan diina naasisan,
Seenaa awwalame warri boollaa baasan,
Aadaa tuffatame warri lafaa kaasan,
Warri bilisummaaf gatii lubbuu baasan. (2)

Tokkoo-lamaa mitii hunda yaamnee hin fixnuu,
Kaan fakkiif kakaasnee kaan galmeef haa dhiisnuu.

Taaddasaa fi Baaroo, Bariisoo fi Gammadaa,
Elemoo fi Mul’is, Buruysoo fi Gadaa,
Kan yaadannoon isaanii nutti dhiise madaa.

Gaaddisaa fi Bareentoo, Daddafaa fi Bilaal,
Guutamaa fi Gammachiis, Boruu fi Guutuu Caalii,
Jaallattoota sabaa gootowwan qaqqaalii.

Qees-Guddinaa fi Jigsaa, Habroo fi Goota-bobbaas,
Guddataa fi Iddaa, Badhaasoo fi Wal-taasis,
Alii Garoo fi Baatii, Hambisaa fi Dayyaas,
Babal’achaa jirtii xurreen keessan har’aas. (2)
Magarsaa fi Baalchaa, Caccabsaa fi Waaq-gaarii,
Nuuraddiinii fi Qorkee, Murataa fi Marii,
Nu duraa mul’attan hogguu, dhihaa-barii.

Lalisee fi Juukii, Jamiilaa fi Saartuu,
Aashaa fi Kuulanii, Argannee fi Daraartuu,
Iftuu fi Waarituu, Leensaa fi Ayyaantuu,
Dhiiraa fi dhalaa hin qabuu kan biyyaaf of laatu. (2)

Odaa fi Mohammad-amaan, Godaanaa fi Galmoo,
Jaatanii fi Ifireem, Subii fi Jaarsoo Waaqoo,
Huseen Soraa fi Dursaa, Margaa fi Qallaa Waaqoo,
Insarmuu fi Tottoobaa, Abbaa Xiiqii fi Shaanqoo.
Sab-boontota sabaa jaallewwan warraaqoo.

Irra’aanaa fi Gishuu, Falmataa fi Leenjisaa,
Suleymaanii fi Aadam, Aannannoo fi Beeksisaa.
Goota biyyaaf kufe seenaatu leellisa.

Yohaannisii fi Raayya, Hundumaa fi Abdataa,
Burqaa fi Xuusee Areeroo, Xaasoo fi Jaallataa,
Dhiigni keessan badnaan seenaan nu gaafata. (2)

Solomoonii fi Dahoo, Gabbisaa fi Gurmeessaa,
Kormee Tolaa fi Jiraa, Areeroo fi Lammeessaa,
Maaxiquu fi Abdiisaa, Turee fi Yaaddessaa,
Warra diinaanf  summii, Urjii lola keessaa.

Kadir Boruu fi Caalaa, Caannee fi Milkeessaa,
Nadhii fi Miidhegsaa, Libee fi Hurreessaa,
Fayyisaa fi Guulaa, Aaneysoo fi Irreessaa,
Nagaasaa fi Maammoo, Hawaasii fi Addeessaa,
Akka biiftuu iftan galmee seenaa keessaa.

Nagayoo fi Dhaqqabaa, Baroodaa fi Ibsaa,
Mul’ataa fi Abdii, Fayyinaa fi Boonsaa,
Qindeessaa fi Kuuloo, Doorii fi Gootomsaa,
Dhaddachoo fi Tuujii, Baatuu fi Iddoosaa,
Qoodni isin kennitan lammii mara boonsa. (2)

Kanneenii kan biroos hedduudha turanii,
Amna qabsoo keessatti kan nu irraa kufanii,
Seenaa dalaganii gootummaan kufanii,
Lammaffaa hin agarruu, deebi’anii hin dhufanii. (2)

Gaafa lubbuun jiran oggaa waliin turree,
Bu’aa-bahii qabsoo waliin qaxxaamurree,
Guyyaa bilisummaas waliin hawwaa turre. (2)

Qabsoo saba keenyaaf waliin kufnee kaanee,
Hamadayaa fi aduu waliin keessa yaanee,
Ba’aa wal gargaarree, madoo walii baannee,
Caayaa waliif ijaarree, dhibee wal wal’aannee,
Akka haadhaa fi ilmoo toltuu waliif yaadnee,
Waan hin dagatamne hedduu waliif taane. (2)

Caayaa muka hedduu waliin jala teenyee,
Sagantaa fuul-duraas hedduu lafa keenyee,
Waliin nyaannee dhugnee, waliinis agabnee,
Waliin baanee buunee, waliinis taphannee,
Waliinis gammadnee, waliinis gaddinee,
Du’aan gar-gar baanaan waliifis gaddine.

Gaddaan liqimfamnee waan taanu wallaallee,
Aadaa du’aa taanaan qonnee wal awwaalle.

Gootowwan kaleessaa waan tokko dhaammatan,
Oggaa lubbuu kennuun dirqama raaw’atan.

“Qabsaawaan ni kufaa, qabsoon itti fufaa,
Wareegama qofaan bilisummaan dhufaa,
Jaallan nuti kufnee qabsicha itti fufaa,
Bakki keenya hin qaawwin, warri jirtan cufaa! (2)
Nuun hin jalqabamnee gootni biyyaaf kufuun,
Nu irraan tarkaanfadhaa qabsoon itti haa fufuu,
Bilisummaan sabaa akkas malee hin dhufuu.” 
Jechaa wareegaman jaallan sun hundumtuu
Eeyyeeeee………. !!
Isaan kufan illee qabsoon haqaa hin kuftuu!

Bilisummaa yookaan du’aafi kakannee,
Oggaa murteeffannee daandicha qabanne.
Murtii keenya guutnee, egaa nu dabarree,
Bilisummaa caalaa lubbuun nu hin mararree.
Murticha hin diiginaa!, isinis jabaadhaa.
Jabaadhaa!, Jabaadhaa!, Jabaadhaa!
Bilisummaadhaani kabajaan namummaa,
Gabrummaa didadhaa, madda gad-aantummaa.
Qabsoon bilisummaa hanga geessuu galma,
Faajjii keenya kaasaa gumaa keenya falmaa.” (2)

Gootowwan kaleessaa kana nutti dhaammatan,
Oggaa lubbuu kennuun dirqama raaww’atan.

Qoodni barattootaas yoomuu hin dagatamuu,
Seenaa qabsoo keessatti hogguu yaadatamuu.

Finfinnee fi Hawaasaa, Bahr-Daar fi Maqalee,
Amboo fi Dambi Dolloo, Jimmaa fi Nageellee,
Hadaamaa fi Asallaa, Hara-Maayaa fi Ciroo,
Naqamtee fi Roobee, Gimbii bakkeen biroo,
Bakka jiran hundaa qabsoof wal kaasanii,
Gaaffii saba isaanii gamtaan hangaasanii,
Dabtaraa fi qalamaan kan diina raasanii,
Wareegama qaalii haqaaf kan baasanii,
Kabajaan jiraata hogguu seenaan isaanii. (2)

Jaagamaa Badhaanee, Morkataa Iddoosaa,
Aannanee Addaamuu, Malaakuu fi Nuurasaa,
Jamaal Leencoo fi Habiib, Dabalaa fi Fayyisaa,
Alamaayyoo Garbaa, Gaaddisaa Hirphaasaa,
Oromoon hoggayyuu maqaa keessan kaasaa,

Aha..a!

Qabsoof isin dhabne. ……..
Qabsoof isin dhabnee egaa maal abbaa isaa,
Bilisummaa sabaatu gumaa keessan baasa. (2)

Yaa gootowwan keenya!,
Yaa gootowwan keenya, aarsaa walabummaa,
Warraaqxota dhugaa, miciraan gootummaa,
Abukaattoo haqaa, fakkii sab-boonummaa,
Jaallattoota biyyaa, gaachana Oromummaa, 
Faaya galmee seenaa, daaw’itii tokkummaa,
Isin hin dagatu Oromoon gonkumaa !! (2)              

Seenaan keessan boonsaan hoggayyuu hin moofa’uu,
Jaalalli isin hortan yoom iyyuu hin boora’uu,
Haqamuu hin danda’uu dhiigaan barreeffamee,
Bara baraan taa’aa seenaan galmeeffamee. (2)

Sab-boontota Oromoo murna hawaasaa adda addaa,
Cunqursaa mormanii gammoojjii fi baddaan,
Kan saba ofiif falman lolaa fi haala adda addaan,
Hunda isaanii Oromoon ni yaadata gaddaan. (2)

Kan akka Adam Jiloo fi Alamuu Qixxeessaa,
Generaal Waaqoo Guutuu fi Obbo Siisaay Ibsaa,
Ni yaadata Oromoon qabsaawota ilmaan isaa. (2)

Wal fakkaataa ture hawwiin isaan hundaa,
“Tokkoomaa!” kan jedhu dhaamsi isaanii guddaan.
Sirna bittaa alagaa morman hundi isaanii,
Bilisummaa ture gaaffiin hunda isaanii,
Jannata haa kennuuf jenna lubbuu isaanii. (2

Injifannoo Ummata Oromoof !

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

5 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

5 months ago