Yaada

QAROO QAXARA QOORE

Abuubakar Muussaa Wadaay Jaarraa,

Yaadannaan waan hedduu irraa barra,

Gameeysa, gamna hayyuu ilma Sabaa,

Daawitii hawaasaa gaafa guyyaa jabaa,

Biiftuu aartiitiin ibse Oromiyaa balloo,

Bu’ursee talige hawwisoo 4’n Qalloo,

Walaloo mi’ooytuu suga addaa qabdu,

Baay’ee burqisiise ta ergaansii jabduu,

Keessaa hin dhumu jechi qabu dhama

Kumaafi kitila sa yoom takkaafi lama,

Danuu qore qaroon sammuun duroome,

Walliftoota Oromoo baay’eef arjoome,

Dr. Alii Mohammed sirba itti weellise,

Maqaa Birraa ja’u kan isa gonfachiise,

“Biirraadhaatu barihee ilillin urgoytee,

Dilii maaliin qaba rabbii kiyya gooytee”

Tan jattu san barreessee gaafa itti laatu,

Aliitu dhugoomse seenaan du’uun taatu,

Qubee Afaan Oromoo walaloon barreessu,

Akka namaa galutti yoo sirnaan tarreessu,

Akka armaan gadiitti tolchee faayee,

Abuubakar Muussaa

A, B, C.., je’ee walaloon nuuf kaaye,

“A…

Ammayya ammuma ajjeesa,

Abbaan aduudha addeessaa ,

Addooyyeetu oduu odeessa,

B….

Bakkaaf boraatii mukaa barbaadu bareeda,

Birraa baranaa badduus badeen si barbaada,

C…

Mucaa caama otuun mucucaanne cehee..

Cuuncuuna coree micciiree cufti callisaa….”

Jechuun walaloo qubeen nuuf tarreessa,

Akkuman beekkamnetti waa barreessa

Waa’ee isaa himeen fixuu cal’isu malee,

Isa qofaa miti kitilaan gate diinni kalee,

Garii ibidda rasaasaatiin nurraa laboobe,

Ilmaan Sabaa akka dhoqqeet dhodhoobe,

Meeqaatam ibidda boombiin gogombise,

Akka bobba’aniin manatti galuu hanqise,

Garii macarii korrantiin qaama gubee,

Xiin-sammuu isaanii gar-malee hubee,

Jiruu itti hadheeysee qilee qabrii buusa,

San keessaa tokko Abuubakar Muussaa,

Maal waa jannaa silaas kan du’en deebi’uu,

Eega biyyee uffatee firraa haxaaween ka’u,

Warra dhiigaan qabsoo Sabaa xurree taraare,

Warra nu jiraachisuuf lubbuun saanii dabare,

Gumaa saanii baasuun hin oolu turee dafuu,

Seenaan haa yaadattu namuu du’arraan hafu,

Abuubakar Muussaa yoon Siidaa siif jaare,

Galata kee niin galchaa qaroo qaxara qoore?

Saphaloo Kadiir

Fuulbana, 2015 | Nairobi.

Walaloo tana Naayroobii, Keeniyaattiin barreesse,

Gulaaleetiin irra deebiidhaan arra isiniif maxxanse.

Yaadachiisa: Maddi walaloo tanaa Kitaaba kiyya kuusa walaloo hin maxxanfamin ‘CIMIMMUU’ ja’u keessaa muramee gabaabinaan isiniif dhiyaate.”

YAADANNOO ABUUBAKAR MUUSAA tiif

Adooleysa 16, 2022

bilisummaa

Recent Posts

The Oromo Struggle: Unfinished Mission and Unintended Consequences

September 26, 2023 Deebitee Kootee Billisoo During the Abyssinian War of the conquest of Oromia,…

3 days ago

Dr. Yoonaas Birruu, the Mirror Image of Crimes of Genocide Menelik and Haile Selassie Committed Against the Oromo People

Fatansaa Sulee Shogodoo September 20, 2023 As it is clear from hateful and Oromo phobia…

1 week ago

Response to Dr. Yonas Biru, the Oromo Phobic and Oromo Hater Amhara Ultrarightist Extremist

September 2, 2023 Leenjiso Horo Dr. Yonas Biru has shown in his political Swinging Pendulum…

3 weeks ago

Obbo Baqqalaa Garbaa biyya aambaatti hafuufi hooggansummaa KFO’s gad-dhiise

Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa'aa…

1 month ago

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti…

1 month ago

Oromia Liberation Struggle: A Step Forward or Backward? Which way is it?

August 18, 2023 Kurfeessaa Sararoo    The Oromo people have been struggling against the Abyssinian for…

1 month ago