Categories: Oduu Oromiyaa

Sabboontootaa fi deeggartoonni OMN kanneen odeeffannoo gahaa hin qabne ololaan hamilee cabuu hin qabu.

OSOO HIN HUBATIN HIN DUBBATIN!

Sirkanan Ahmed irraa

Haala waa’ee OMN irratti deemaa jiru ilaalchisee namoonni garii garii osoo addaan hin baafatin maqa-balleessaa fi diigamiinsa OMNf qaawa banaa waan jiran fakkaata. Wal komachuu fi maqaa wal balleessuun furmaanni argamu tokkolleen hin jiru. Waan deemaa jiru irratti yoo gadi fageenyaan hubannoo isii hin qabaanne callisuun irra furmaata tokko. Hanga keessa barree hubannutti.

Ka’uumsi jalqabaa gaafa dubbii Hijaabaatiin wal qabattee dubbatamaa turtes, namni osoo ifirraa hin beeyne sagaleen waraabuun raabse sun badii guddaa qaba. Wanni fedhe ta’ee jiraatus yoo dandeettii kan qabaatu ta’e gama keessaan furuuf tattaafatuu qaba malee namoota dhageessisanii muffii nama keessa fiduun sirrii miti. Ahmad Yassin,Kadiro Elemo fi Dr.Hamzaan hojii gad lakkisuun isaanii sababni irraa ka’e wal dhabbii dilas guddattee uumamte osoo hin taane, yaadaan walii galuu dadhabuuni. Dr. Hamzaan gama isaan tarkaanfiin inni fudhate tan Oromoota hunda gaddisiifte turte. Haata’u malee Dr. Hamzaan hanga har’aatti OMN jalatti cichee bakka tanaan gahee jira. Garuu wal gahii taa’an irratti yaadaan wal dhabnaan gad bahee tarkaanfii fudhachuun isaa waan jarjare natti fakkaata. Irra deddeebi’anii osoo amba ifin dhageessisne irratti yoo mari’atanii furmaata fidan irra gaariidha. Dr. Hamza Oromoonni abdii guddaa irraa qabu. Innis kana hubatee if duuba deebi’ee akkuma duraanitti OMN bira dhaabbatee hamilee nu cabxe akka deebisu abdiin qaba.

Jawar Mohammad ilaalchisee wanni dubbatamaa jiru,”Isaatu OMN guututti hoogganaa jira” kan jedhu ture. Osoo inni kan hoogganu ta’ee hoo badiin jirtu maali? Garuu Inni gama isaatiin,hoogganaa akka hin jirree fi hojii itti kennamte qofa akka raawwachaa jiru barreeffama barreessee tureen dubbatee jira. Jawar dhimma Oromoof Oromummaa irratti ifaajee hammana hin jedhamne godhee jira. Gaafa “Oromoo First” kan habashoonni itti duulaa turan obsee ciniinnatee saba isaa abdatee waa meeqa jala dabree saba isaas gammachiise. Bu’uurama OMNf halkanii guyyaa osoo hin jedhin Oromoota miilli isa dhaqqabe hunda bira dhaqee itti waywaatee akka ‘Media’ gad dhaabbannuuf deeggarsa ummataa barbaadaa ture. Ummannis waan danda’uun bira dhaabbatee galii walitti sassaabanii miidiyaan kunis gad dhaabbate. Sababa guddaa ta’ee sabboontoota hedduu dabalatee kan tattaafate Jawar ture. Yoomiyyuu galatoomfamuu qaba.

Jawar gama isaatiin, “hamiifi maqa balleessa narratti aggamaman gama olola intarneetii deebisuun dubbi daran hoo’isurra heeraafi seera jiruun koree Boordii dhimma jiru qorattuuf dhaabbattetti kennuu filadheetin jira. Akkuma koreen kun hiree naaf kenneen komiilee narratti ka’an hundaaf deebii nan kenna. Boordiinis gabaasa koree tanaa erga ilaalee booda dhugaa irra gahe ummataaf akka ibsu; tarkaanfii sirreeffamaatis akka fudhatu abdiin qaba. Murtii naafi narratti muramtus fudhachuuf qophiidha. Hammasitti dirqama jaarmaya keessatti naaf laatameefi amaanaa ummataa hojirra oolchuuf, akkuma ammaan duraa, humnaafi murannoo guutunin itti fufa.” Jechuun dubbatee jira. Kunis dhugaa isaati. Olola deemaa jiruuf yoo deebiin kennamte akka daran babal’attu beekee Koreef dabarsuun isaa bilchina guddaadha.

Sabboontootaa fi deeggartoonni OMN kanneen odeeffannoo gahaa hin qabne ololaan hamilee cabuu hin qabu. Gama keenyaan hayyootaa fi beeytoota caalaa wanni beeynu hin jiru. Namoota dhimma keenyaaf tattaafataa jiran cinaa dhaabbachuu qabna malee,hamilee tuquu fi Yaada isaanii mormuun sirrii miti. Dhugaa jirtu hanga addaan baafannuu jarjaraan maqa-balleessaa irraa if qusachuu qabna.

•Xumura irratti dhaamsin ani Oromoota sabboontootaa fi deeggartoota OMN ta’aniif dhaamu, koreen wal gahii isaanii hin xumurre. Rakkoo jirtu furuuf irratti hoojjachaa jiru. Kanaaf nutis hanga isaan waan irra gahan nuuf ibsanii obsaan eeggachuu qabna. Galatoomaa!

-Sirkanan Ahmed

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

5 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

5 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

5 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

5 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

8 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

8 months ago