Categories: Oduu Oromiyaa

IFLO shoorarkeessuuf yeroon isaa dhumee jira.

 

Ibsa koree dandamachiiftuu IFLO ilaalchisee

 ibsa dhaaba ULFO irraa kenname.

  Addi Islaama bilisummaa Oromiyaa IFLOn dhaabbiilee siyaasaa hangafoota QBO tiif falmaa turan keessaa isa tokko. Sochii QBO keessatti qoodni IFLOn kennaa ture laayyootti kan ilaalamuu miti.Gameeysaa fii goota biyya jaalatu, Leenca guyyaa hamaa kan qalbii sabboontotaa keessaa yoomille hin banne J/J/Abbaa Gadaatiin hogganamaa turan. Gameeysa kanaan hogganamuun qabsaawota IFLO keesstti jaalala biyyaa, Gootummaa, wal jaalachuu fii yaadd-qalbii bilisa ta’een qabsaa’uu isaan gonfachiise ture.

  IFLOn biyya jaalachuufii gootummaan loluu keessatti lammiilee Oromiyaa qofa osoo hin taane diinni Oromiyaa kan IFLO waliin battala seene waan baay’ee himuu danda’a. IFLOn yeroo dirree qabsoo irra turetti sirna mootummaa abbaa irree adamsee haleelaa ture. Kanaan alatti Yeroon inni hordoftoota amantaa biraa irratti fuulleffate hin jiru. Biyya teenya keessatti rakkoon akka amantiitti uumame hin turre.Haga ammaatti rakkoon turee fii ammaas jiru akka sirnaatti malee akka amantaa ykn akka sabaatti miti.

  IFLOs tahee ummanni Oromiyaa isa kana sirritti hubata jennee amanna. Garuu qabsoo bilisummaaf godhamu keessatti kutaalee hawaasaa keessaa isa tokko waan taheef hordoofttoota amantii hundaa hirmaachisuun barbaachisaadha. Kana jechuun hordoofttoonni amantaa biraatiis waan danda’aniin qabsoo isaanii akka tinnisan kan akeekuudha.Waan kana ta’eef lakkoofsa ummata biyyattii keessaa lakkoofsa guddaa qabaachuun kan beekkamu ummanni islaamaa humnaafii qabeenya isaa qabsoo walabummaa biyyaatiif akka oolu gochuufii galii qabsoo shaffisiisuun alatti ergaa biraa hin qabu. Kuni waan qabanitti fayyadamuun Sirna abbaa irree cabsuuf nama gargaara. Oromiyaa walaboomte irratti sabaafii sablammoota amantaa garagaraa qaban waliin jiraachuun hawwii hunda keenyaati. Ragaa kanaatiif IFLOn Sagantaa isaa keesaa keeyyata loogii amantii mul’isu tokkollee qabaachuu hin turre, Hin qabaatuus. Hawaasni gabrummaa jala jiru bifa hundaan ijaaramee sirnicha irratti qabsaa’u qaba. Kanaaf bakka teenyee quba walitti qabuu osoo hin taane dirrqama yeroo beekuu qabna.

  Garaa garummaan akka dhaabaattiis ta’ee akka amantaatti jiru kan numiidhu osoo hin taane qabsoo irratti kan nugargaaru ta’uu qaba. Wanni jabaan isa kana akkanatti hubannee hordooftoota amantaa garagaraa qaban hunda kan isaan fayyadu malee kan isaan miidhu akka hintaane barsiisuu fii hujiin mul’isuun hujii jabaa dhaaba dhaaba IFLO eeggatuudha. Wanni gaariin yeroo wal dhabbiin dhaaba lamaan jidduutti ta’es kan ture garaagarummaa ilaalchaa malee kan amantii hin turre. Kuni fuul duraafiis hin jiraatu. Har’ammoo inni kunuu jijjiiramee qabsoorratti waliif tumsuuf gara hundaan qophiin godhamaa jira. Akkuma garaagarummaa ilaalchaafii amantii qabnutti kaayyoo takkittii waliin qabnuuf waan gara garaa argamsiifnee qabsoo bilisummaa xumuruu qabna. Kanaaf milkaawina kora IFLO kanaaf akka dhaabbiileettiis ta’ee akka hawaasaatti qooda keenya bahachuun barbaachisaadha.

  Hogganootoofii miseensota IFLO kan turan hundaan dirree dorgommii siyaasaa kan bilisummaafii walabummaa Oromiyaa irratti deebi’uu keessaniif baga gammaddan. IFLOn amala gaarii biyya jaalachuu fii gootummaan loluu J/J/Abbaa Gadaa irraa barate sana dhaloota haaraa dhaalchisee Oromiyaa walaboomsuuf qabsoo itti fufuu qaba.

Tokkummaan Humna. !!!

Oromiyaan Ni walaboomti. !!!

KHR/ULFO

24 – Nov – 2014

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago