Categories: Afaan Oromoo

Qoosaa: Jaalalleewwan lamaan kanneen saalaan faallaa walii ta’antu (dhiiraa fi dhalatu) waggoota hedduuf wal-jaalatanii jaalala dhugaa mi’ooftuu wajjiin dhandhamachaa turan!

#‎SEENAA_DHUGAA‬!!!


* Isaan kunneen gar-malee waan wal-jaalataniif ija isaanii afoo wal-dhabuu kan hin feene yoo ta’an, akka carraa ta’ee guyyoota hedduuf osoo ijaan wal hin argin addaan waan turaniif inni dhiiraa sun jaalallee isaa yaadee bilbiluufii eegale!

~Dhiira = “Heloo lubbuu too, akkam naaf jirta?”
~Dubara = “Heloo sabboonaa koo, naga jira ati akkam naaf jirta?”
~Dhiira = “Takkattii too, waan yaada keetii malee naga kooti!!
~Dubara = “Siifuu koo, anillee akkasumatti si yaadaa jiraa bar!”
~Dhiira = “Tole si malee too, har’a wal haa garruu kaa!”
~Dubara = “Dhiifama ruhii koo, guyyaa biraa yoo ta’e malee har’a natti hin tolu!”
~Dhiira = “Hayye daawwitii too, rakkoo hin qabu. Garuu har’a eessa deemuu hedda?”
~Dubara = “Bareedaa koo, warri adaadaa tootii har’a cidha wahii waan qabaniif harmee too wajjiin achi deema jedheeti. Ati hoo har’a maaf na barbaaddeeyyu?”
~Dhiira = “Bareeddu too, obboleessi koo kan Ameerikaa jiru sun miilana qarshii guddoo waan naa ergeef wantoota ati jaalattu kanneen akka Mobaayilaa, Qamisii, Wandaboo, Kootii, Kophee fi k.k.f siif bita jedheeti!”
~Dubara = “Lubbuu koo, amma hatantamaan haa dhufuu ree?”
~Dhiira = “Harmee too wajjiin cidha deemaa jira jechaa hin jirtuu amma?”
~Dubara = “Abdii koo, siin qoosee bar!!!”
~Dhiira = “Kijibduu too, anillee siin qoosee bar!!!”_KKKKKKKKKKK….!!!

‪#‎HUBADHAA‬:-Kana yoon jedhu intalti takka gocha kana raawwattee turte jechuu kooti malee, dubartoonni hundi gocha akkanaa raawwataa jiru jechuu koo akka hin taane cimsaa, cimsaa, cimsaa naaf hubadhaaa!

‪#‎Galatoomaa‬!!!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago