Seenaa

Seenaa yaadannoo Abuubakar Muussaa

Abuubakar Muussaa

ABUUBAKAR MUUSSAA WADAAY ROOBAA

Abuubakar Muussaa Wadaay Harargee Bahaa, Aanaa Dadar, Leelee Gabaa bakka ja’amtutti Abbaasaa Obbo Muusaa Wadaay fi haadha isaa Aadde Faaxumaa Haaji Alii irraa naannawa bara 1942tti dhalate.

Artistoota gameeyyii artii Oromootiif ka’umsa tahan kanneen fuuttuqiin biiftuu Oromiyaa Fugug Oromoof gumaachite keeysaa gaazixeeysaa fii barreeysaa Abuubakar Muusaa Wadaay tarree warreen hangafaa keeysatti lakkaawama.

Abuubakar Muusaa joollummaa isaattuu nama sabboonummaa Oromummaatiin dheengiyame ture. Akkuma if bareeniis dagaagina aadaa, seenaa, afaan, duudhaa, aartii fii eenyummaa Oromoo keeysatti hirmaachuu eegalee ture. Hangafa artii kan taate Hawwisoo Afran Qalloo bu’ureeysuun fuulduratti tarkaanfachiisuu keeysattiis qooda leencaa qabaachuu ragaa seenaatu lafa kaaye. Tattaaffii fii murannoo isaa akkasumas kan sabboontota Oromoo waan beekaniif mootummaan irratti cufe.

Joollummaarraa magaalaa gadaameysa sabboonummaa fii qabsoo Oromoo taate Dirree Dhawaatti barumsa isaa waan barateef, sabboonummaa Oromummaatiin dheengiyamuu qofa osoo hin taane afaanota adda addaatiis akka baruuf carraa baneefii ture. Afaan Orommootti dabalataan Afaan Somaalee, Afaan Arabaa, Afaan Hararii, Afaan Amaaraa…afaanota naannawa sanitti dubbataman hundumaahuu sirritti baratee dubbachuu isaatu himama. Kuniis barruu afaanota hedduun barraawan waan dubbisuuf dandeeytii inni qabu saffisaan daran dabaluutu himama.

Gaazixeeysummaa qofa osoo hin taane Abuubakar goofataa fii walaloo alalaasuu keeysatti nama kennaa addaa qabu akka tahe warri isa beeku kan akka Muhammad Qophee faan ragaa bahanii jiran. Bara1959 Dirree Dhawaa seenee, bara 1962 ALii Shabboo, Usmaa’il Muummad fi gameeyyii aartii Oromoo kaan waliin tahuun Hawwisoo Urjii Bakkalchaa magaalaa Dirree Dhawaa keessatti hundeessan yoo tahu Baandii Urjii Bakkalchaa hundeessuuf yaada burqisiisuudhaan nama hangafaati Sirni gaafas ture Oromoo barumsarraa kan daangeysu tahuu waliin huluqee seeneetuma hanga kutaa 8ffaa qofa kan barate yoo tahu uumamumaanuu nama dandeeytii addaa qabuu isaatiif ragaan hojiinsaa kan warra doktorummaa fii pirofeesarummaa lakkaawwatanii baratan ja’aman hunda caalee arkamuu isaati. Abuubakar nama hawwii guddaa qabuu fii hawwii san fiinxa baasuuf dadhabe hifadhe ooso hin jenne halkaniif guyyaa warraaqu ture. Sammuunsaa baayyee faxina waan taheef barreeyfamoota, qoosaa, fiilmii fi walleewwan biyyoota alaa akkaan hordofuu ture. Waa dubbisuun hangam akka nama qaru seenaa isaarraa baranna..


Walaloowwan sirba Abuubakar Muussaa kan wallistoonni hedduun sirbaniinii turan. Isaan keeysaa muraasni Doktara kabajaa Artist Alii Birraa, Ali Shabboo, Usmaa’il Mahammad, Yoonis Abdullaahii fii Abdii Buuh maqaa dhawuun ni dandayama. Walaloowwan Alii sirbee fi ummatta biratti baayyee jaalatamanii addatti beekkamtii guddaa arkatan keeysaa kan yaadannoo Hundeetiif(Ahimad Taqii) barreeyfamee ture kan Alii Birraa sirbe isa tokko.

Yaa Hundee bareedaa

Yaa fiinxee miidhagaa

Azaala jannataa

Mayra bishaan lagaa…

Ammallee:-

Kophaa koo na dhiiftee ati deemuuf kaanaan

Dubbachuun dadhabee ati naan dubbannaan

Sin barbaada hogguu gadi hinteenye takkaa

Baallama naaf qabi eeysattiin si arkaa….

Hinyaadinii hinyaadinii yaanni namaan badaa

Maal akkana yaaddaa silaa siiniin badaa….

Abuubakar mootummaan gaafasii baandii Afran Qalloo fii Urjii Bakkalchaatiis eega jalaa cufaniis abdii kutatee harka maratee hin teenye. Adoolessa 23, bara 1973 Raadiyoo Harar seenee saganfaa Afaan Oromoorra hojjachuu eegale. Achittiis hojiisaa ittuma fufee raadiyoon kun hawaasa biratti hedduu akka jaalatamu namoota godhan keeysaa hangafa tahe. Kurfaawa torbaanii tan ”Takka waliin haa kofallu” jettu jalatti oduu durii, hibboo, makmaaksaa fi goofata miidhaysee dhiheeysuun caqaftoota boojiyuu dandayee ture.

Sagantaan isaa tun Oromoo biratti jaalatamtee namni hundi warra raadiyoona qabu dhaqanii caqasuu turan ja’an. Dubbiin tun garu warra Oromoof ciisa dhabe hirriiba dhoorkite. Adooleysa 12, 1969 (ALH), Abuubakar Muussaa, gaazixeeysaan jaalatamaan, hayyuun qaroon onnee saba isaa mangallaa godhatee gurri isa dhagayuuf nyanyaatu sun galaafatame. Nagayumaan isaa istuudiyoodhaa oduu dubbisee buufata raadiyootii bahee gala deemu hidhattoonni Dargii karaarratti eeganii rasaasaan ajjeesan.

Seenaan Abuubakar Muusaa Wadaay galaana. Galaana kana bal’inaan itti deebina. Isa Rabbiin Jannataan haa qananiisu. Jajjabaa akka isaa akka cirrachaatti heddummeeysee bakka nuuf haa buusu.

Via Barento Mohammed


bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

10 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

10 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

10 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

10 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

1 year ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

1 year ago