Afaan Oromoo

Seerlugaa Afaan Oromoo

Jechoonni sagalee dheertuun xumuraman jijjiiramallee ’tu’ maxxanfatan. Caalaa + Tu  =  Caalaatu……
Frii +      Tu  =   Friitu…..
Qaanqee +   Tu =  Qaanqeetu…..
Tulluu  + Tu  = Tulluutu…….
Qoonqoo  + Tu =  Qoonqootu ……

Sagalee gabaabduu + tu

Sagalee gabaabduu

Jechoonni sagalee gabaabuun xumuraman, sagalee dheereefachuu qaban.
Nama  + A + Tu = Namaatu……
Rooba + A + Tu = Roobaatu…..
Calanqo + A + Tu = Calanqootu…..
Mattuu  + U  + Tu = Mattuutu……
Ali + I + Tu = Aliitu…..

Hoggaa jechoota dubbifamtuudhaan xumuraman ammoo, maxxantuun uunkaalee lama qabatti.

Fk
Shaggar + Tu = Shaggartu…….
Shaggar + Ii + tu = Shaggariitu…….
Isin + Tu = Isintu….
isin + Ii + tu = Isiniitu…..
Saddet +Tu = Saddeettu…….
Saddet + Ii + tu = Saddeetiitu……
Gammachiis + Tu = Gammachiistu…..
Gammachiis + ii + tu = Gammachiisiistu…..

Fk
Shaggar(ii) tuAsallaarra dhaammoota.
Isn(ii)tu nurra jajjabo.
Saddeet(ii)tu torbarra baay’ata.
Gammachiis(ii)tu edana deema.

Waahima

Kutaalee lameen himni qabaatu keessa, lammeessoon, waahima jedhama. Waahimni, jechoota tokko ykn tokkoo olirraa ijaaramuun ni mala. Jechhoota waahima ijaaran keessa, muummichi fi’ila (verb) jedhama. Waahimni fi’ila if keessa hin qabne (himni waahima hin qabne) nama lubbuu hin qabneefi makiinaa motoora hin qabneen wajji tokkicha.jechoota hammamuu if keessaa qabaatuus, reefkarra wayyina hin qabu. Hojiin waahimaatiis waa’ee matimaa ibsuu qofaamiti. Akka himni guduunfamu ykn goodamu ka godhuus isa. Kanatti aansinee, akkaataa himni itti goodamu baranna.

Akkaataa himni itti goodamu

Himni, jechootarraa ijaarama. Jalqaba qaba; xumura yaanni ykn dhaamsi isaa gduunfamuus ni qaba. Xumura yaanni himaa itti guduunfamu kuniis gooddi ykn guduunfaa himaati jedhama. Jechoonni marti, hima gooduu hin dandayan. Kanneen uunkaafi dandeeyti hima itti goodan qaban ammoo, hima goodduu jedhaman. Jechootaa fi maxxantoota hima gooduuf (guduunfuuf) hima keessatti hirmaatan jechuudha.

Himmeen afaan Oromoo bifa sadihiin goodaman. Sadeeniis :-

a) fi’ilootaan
b) maxxantootaan
c) jechoota sagalee gabaabduun xumuraman keessa hamma tokko.

a) fi’iloota

Himmeen hedduun (garri caalu) fi’ilootaan goodaman.

Fk
Magartuun deemte.
Obboo tulluun ni dhufa.
Dubbisuufii katabuu baranne.
Afaan Oromootiin dubbadhu.
Been mana dhaqi.
Nagaafattu nagaafadhu malee, nan dogongorsin.
Dhufu haa dhufu; dhufu baatu haa hafu.
Ibiddi nama guba.
Wasiilli (adeerri) kiyya, qubanqabu.
Hiriyyoonni kiyya na bira jiran.

b) maxxantoota hojii fi’ilaa hojjatan.

Maxxantoonni himni ittiin goodamu, gos-afuri. Isaaniis:-
dha,  ti , i , a

Dha
Maxxantuun tuni, jechoota uumama isaaniitiin sagalee dheertuudhaan xumuraman qofarratti maxxanuudhaan hima gooddi.

Fk
Karaan kun dheeraadha.
Maqaan isaa Magarsaadha.
Dalagaan keessan lafa qotuudha.
Caaltuun hamtuudha.
Intalti reefu nagaafattes, isiidha.
Gandi gamaa bal’aadha.
Oromoonni gameeyyiidha.

’Dha’ lageedhaan ( ´ ) bakka buusuuniis ni dandayama.

Fk
Karaan kun dheeraa’
Maqaan isaa Magarsaa’
Dalagaan keessan lafa qotuu’
Caaltuun hamtuu’.
Intalti reefu nagaafattes, isii’.
Gandi gamaa bal’aa’.
Oromoonni gameeyyii’

Sadarkaa kanatti ’dha’ ykn ( ´ ) fudhannee itti gargaaramuu ni dandeenya. Hiikkaan saaniis gostokko.

ti

Maxxantuun tun, jechoota abbummaa mul’isanirratti maxxanuudhaan hima gooddi. Jechoonni suniis jechoota sagalee dheertuudhaan xumuraman tahuudha qaban.

Manni ka Caalaati.
Kuni mana Caalaati.

Akkaataa himmeen lameen itti caasaman yoo hubatte, akkaataa ’ti’ n hima itti gooddu hubatte jechuudha.hubannoo tee cimsuudhaaf, fakkeenya kanatti aanu qalbisi.

Fk

Kuni, kitaaba keeti; kaan ammoo, ka obbolessa keetiiti.
Ambiiban dhukuba garaati.
Hundinuu ilmaan biyyaati.
Anaafi gurraachi qonqabi (faalla) waliiti.
Intalti bareedduun, sun ta aaddee leelliseeti.
Gandi keenya qarqara biyyaati.

I

Maxxantuun tuni, jechoota dubbifamtuudhaan xumuramanitti maxxanuudhaani hima gooddi.

Fk

Afuriifi shan, walitti sagali.
Ummanni reefu garte warra Gudari.
Umriin tiyya, ganna kudhani.
Inni, Wadaayi; annis Ahmadi.
Wanni sooratan, dammaafi aannani.

Page: 1 2 3 4 5 6 7 8

bilisummaa

Recent Posts

Mariin nagaa mootummaafi WBO gidduutti Tanzaaniyaatti gaggeeffamaa jira

Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti Tanzaaniyaatti Kibxata irraa eegalee gaggeeffamaa jira.…

12 months ago

Ajajaa olaanaan ABO-WBO Marroo Dirribaa mariin nageenyaa ABO-WBO fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti taasifamu hanga dhuma baatii kanaatti akka itti fufu himan

Ajajaa olaanaan ABO-WBO Marroo Dirribaa mariin nageenyaa ABO-WBO fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti taasifamu hanga dhuma…

12 months ago

PEACE TALKS ANNOUNCED BETWEEN OLA AND ETHIOPIAN GOVERNMENT

Falls Church, Virginia (4/24/2023) – On April 23, 2023, Prime Minister Abiy Ahmed announced that peace talks between the Ethiopian…

12 months ago

OLA “acknowledges” upcoming negotiation with Ethiopia government, “strongly objects” reference as “Shene”

Addis Abeba – The Oromo Liberation Army (OLA) said in a statement that it “acknowledges…

12 months ago

Ethiopia PM says negotiations with OLA set to begin this week

This marks the first time the Ethiopian government has formally said it would negotiate with…

12 months ago