Afaan Oromoo

Seerlugaa Afaan Oromoo


Irraa maqeeyyii (exceptinos)

Irraa maqeeyyii

Jechoonni afaan Oromoo kornaya naayummadhaan ykn kormummaadhaan ittiin beekkaman waan qabaniif, naayyeefii kormetti gargar qoodama. Uunkaa sagalee birsaga maaheeysaatirratti qabaataniiniis, kornaya isaanii beekuun ni dandayama. Mallattoolee kormummaa mul’isan keessa, mallattoon takka birsaga maaheeysaa sagalee gabaabduun xumuraman qabachuudha.

Haalli kanaan addaatiis ni jira. Jechoota uunka birsaga maaheeysa kormummaa mul’isu qaban keessa, gariin isaanii naaya.

Naaya = feminie
Korma = masculine

Fk
Intala, Haadha, Heefa, Lafa biyya……………..kkf

Jechoonni kunneen jechoota ’a’ gabaabduudhaan xumuraman tahanillee, ennaa matimummaadhaan hirmaatan matim-mul’istuun “ni” jedhamtu hin maxxanfatan. Jechoota uunkaa sagalee birsaga maaheeysaatiin walfakkaatan wajjiiniis haala tokkicha hin qaban.

Fk
Intala + Ti = Intalti
Haadha + Ti =  Haati
Biyya + Ti =  Biyti
Lafa + Ti = Lafti

Jechoonni dubbifamtoota lama lamaan xumuraman, matimummaadhaan yoo hiriiran, matim-mul’istuu ’i’ jedhamtu maxxanfatan.

Fk
Akka  + I = Akk i
Bakka + I =  Bakki
Birbirsa + I = Birbirsi
Biyya + I =  Biyyi
Damma + I  =Dammi
Dayma +I = Daymi
Dubra + i = Dubri
Ejersa + I = Ejersai  kkf…

Gandi keenya, ka gaamaati
Harki afaan hin wallaalu
Sirni awwaalcha haala akkamiin hobbaafama
Jilbi na iitawe
Ejersi mana keenya bira jiru jige.
Rifeensi kiyya qaciicaadha.
Birbirsi ejersa fakkaatu hin jiru.
Duuyddi maal si tahe?
Bokkenyi guddaan, jirka yookiin yandoo jedham.
Fageenyi lafaa, kum-meetiraani (kilomeetiraan) dhawama.
Akki ati jettu akkami
Bakki hojii, bitii- gurguriidhaa itti hojjatamu machaaraa jedhamti.
Garri lameenuu waltahan
Dammi qoricha.
Keessi manaa maal fakkaata?

Fageenya =distance
Dheerina = length
Hojja =    height

Meetira ni dhawan malee hin saffaran. Oromoon dhudhuma dhawawi, yookiin taakkuu dhawi jedha malee, dhumdhuma saffari hin jedhu. Wanni saffaramu, kan hammaaramu qofa.

Page: 1 2 3 4 5 6 7 8

bilisummaa

Recent Posts

Bulchiinsa gabrummaa diddaaf wal’aansoon godhaamaa turte tan ifatti mul’atte, bara 1962.

Abbaa Urjii tiin: Hawaasa Oromoo kanneen bulchiinsa gabrummaa Minilik jalatti buluu diddaaf lolanii injifataman keeysaa…

1 year ago

Gaafii fi Deebii obboo Battee Urgeessaa Bridge Media irratti Dr. Derejje Gerefaa Tulluu wajjiin godhe ilaalchisee.

Kurfeessaa Sararoo Waxabajjii 21, 2023    “Odeessaa jiruu, odeeffataa jiru, ilmi guddisaa hin dhokatu” jedha Oromoon…

1 year ago

Walwaraansi Toophiyaa bara 2019 irraa jalqabee Oromiyaa keessatti akkuma itti fufetti jira

Waraanni Itoophiyaa gara kaabaa naannoo Tigraay dhumatus waaraanni Oromiyaa itti fufee jira jedhame. Qorataan dhimma…

1 year ago

Haleellaan godina Horroo Guduruu aanaa Amuruutti akkaan hammate jedhu

Godina Horroo Guduruu aanaa Amuruutti, haleellaan hidhatoota faannootiin raawwatamu tibbana akkaan hammaachuufi lubbuun namoota nagaa…

1 year ago

Oromo Communities and OLLAA Thank Special Envoy of the Horn of Africa, Ambassador Mike Hammer

The U.S. Special Envoy met with the Oromo communities of Los Angeles and Southern California…

1 year ago

Finfinnee dabalatee masjiidonni waggoota kudhanii ol erga itti salaatamee booda carraaqqiifi roorroo meeqaan kaartaan akka kennamu eenyunuu ni beeka

Ustaaz Ahmaddiin jabaliin Magaalaan Shaggar Masjiidotaa fi Muslimoota kan of keessaa qulqulleessu yoo ta’e Muslimootaaf…

1 year ago