Afaan Oromoo

Seerlugaa Afaan Oromoo

Matimoota matim-mul’istuu hin maxxanfanne

Matimonni dubbifamtuudhaan ykn dubbachiiftuu “A”, “I”, “U” ykn “O” dhaan xumuraman, matim mul’istuu hin maxxanfatan.

Fk
Aannan, Ziwaay, Mar’imaan, Saddeet, Shaggar, Anfillo, Gudar, Aggaaro, Dadar, Mattu, Yaabello, Jibuuti…..kkf

Fk
Aannan gaalaa, ni dhangaggaawa.
Shaggar roobaan wal hin dhabu.
Guji, kibba Oromiyaa keessa lee’a.
Saddeet sagalirra hin caalu.
Dachaas, Waday, Gammachiisiifi Galaan laansoota kiyya.
Roobe, Salaale, Naqamtee, Aggaaro, Yaabeello, Anfillo, Calanqo, Ciro, Carcar, Mugariifi Dadar, maqalee bakkaati.
Waabe, Gannaale, Hawaas, Mormor, (abbayya) Raammisiifi Faafam maqaalee laggeeniti.

Tu

Matim-mul’istuun tuni, haalaafi akkaa gara kophaati qabdi. Fakkeenya kanatti aanu qalbisi.

Fk
1 Anaatu si yaame
2 Hargaayatu natti hime.
3 Hargaayaafi Sabboontuutu dhufe.
4 Deemuutu irra wayya.
5 Huqqinaatu tuffachiise
6 Harkaa waa dhabaatu fuula namaa na dhaabe.
7 Laphaa lapheetiitu na dhukkuba.
8 Makiinaatu namicha galaafate.
9 Namaatu dhaqqabee irraa na baase.
10 Gammoojjitu baddaarra nama miidha.
11 Mar’imaaniitu na madaawe.
12 Dargaggeeyyii shaniitu du’e.
Himmeen kudha-lameenuu, deebii gaaffiilee kanaa gadii tahuu isaaniitiis qalbisi.

Eenyuutu nayaame?
Enyuutu sitti hime?
Eenyuufi eenyuutu dhufe?
Maltu irra siif wayya?
Maaltu isa tuffachiise?
Maaltu fuula namaa si dhaabe?
Maaltu si dhukkuba?
Maaltu namicha galaafate?
Eenyuutu harkaa si baase?
Gammojji moo baddaatu fayyaa nama miidha?
Maaltu si madaawe?
Nama meeqaatu du’e?

Hariiroon ’tu’ n sagalee birsaga maaheeysaatii wajji qabattuufi akkaata jechootarratti itti maxxantu.

Sagalee dheertuu + tu

Page: 1 2 3 4 5 6 7 8

bilisummaa

Recent Posts

Oromiyaa: The Land of Great Revolutionary Nationalists

Leenjiso Horo May 10, 2023 Oromiyaa is a land of great freedom fighters, the land…

11 months ago

Waanti balleessine yoo jiraates hanga dhiifama gaafachuutti deemuu qabnaa jedhan Abuna Maatiyaas.

Paatiriyaarkiin Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuna Maatiyaas rakkoon bataskaanattii mudate atakaaroo walqabuun kan furamu akka…

11 months ago

“Himannaa sobaatiin shororkeessaa jedhamee baqataa ta’ee hafuu hin barbaadu”

Namota biyya alaa taa’un hookkara kaasuun mootummaa Federaalaafi naannoo humnaan kuffisuuf sochii taasisaniiru jechuun Mootummaan…

11 months ago

Insurgent forces organized from home to abroad to terrorize the country were arrested

The government announced that it has seized 47 insurgent forces engaged in terrorist acts organized…

11 months ago

Walii galtee biyyaalessaarraa baqachuun gaaga’ama biyya keenyaa rakkisaafi wal-xaxaa taasisaa Jira

Haala Yeroo Ammaa Itoophiyaa Keessa Jiru Ilaalchisee Ibsa Kongiresii Federaalawaa Oromoo-KFO (Oromo Federalist Congress -…

11 months ago

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate Leenjisoo Horoo Elba 25, 2023 Mata-Duree…

11 months ago