Seera
( ) a-a + ni = ( )ni
( )a = matima sagalee gababduu(a) dhaan xumauramau.
a = “a”n xumurraa jirtu haqi.
+ ni = matim-mul’istuu “ni” itti maxxansi.
( ) ni = matiam matim-mul’istuu “ni” maxxanfate.
Fk
1.(Mana ) – (a) = man
Man + ni = manni
2. (Nama) – (a) + ni = namni
3. (Rooba) – (a) + ni = robni
Haaluma kanna gaa:-
Birsaga + ni = birsagni
Waaqa + ni = waaqni
Muka + ni = mukni
Hubaachiisa
Hoggaa dubbifamtoonni ’t’,’d’,n ykn ’x’n dubbifamtuu ’n’ waliin bifa kanatti aanuun walfaana hiriiran, haala sagaleen isaanii itti jijjiiramtuutu uumama.
tn, nn, dn nn ,xn, nn
fk nn
Ummata + Ni = Ummattni, Ummanni
Galata + Ni = Galatni, Galanni
Kibxata + Ni = Kibxatni, Kibxanni
Tumaata + Ni = Tumaatn,Tumanni
Rukaata +Ni = Rukaatni, Rukanni
Dn nn
Areeda + Ni = Areedni, Areenni
Araada + Ni = Arradni, Araanni
Gudeeda + Ni = Gudeedni, Gudeenni
Hooda + Ni = Hoodni, Hoonni
Haada + Ni = Haadni, Haanni
Boordoda + Ni = Bordodni, Bordonni
Buxuxa + Ni = buxuxni, Buxunni
Huxuxa + Ni = Huxuxni, Huxunni
Gosa galoommiin (firommiin) gara sagalee dubbifamtuu afoo jirtutti godhamu, firoommi garduubee (regressive assmilation) jedhama.
Fk
Namani namaaf hin hille, namaf hin hadoonne fii hin tolle namaamiti.
Ummanni keenya , ummata bal’aadha.
Areenni haadame, hoggaa filutti ka’an nama nyanyaata.
Mukni shidamu ykn boeeffamu, qoraan jedhama.
Hantuunni maalif adurree jibba?
Bordonni horofa guddaadha; kan yoo itti seenan qabee nama hambisu jechuudha.
Haanni algeerra tolafamu jabeenya qaba.
Matimoonni birsaga maaheeysarratti sagalee”la” ykn “ra” qabaniis, haala kophaati qaban. Matim-mul’istuun matimoota akkasiirratti maxxantuu “ni” n sagalee ifii lagatteeti gara sagalee dubbifamtuu ollaa sii jirtutti firoomti.
Fk la + ni = ll
Baala + Ni = Baalli
Duula + Ni = Duulli
Miila + Ni = Miilli
Galgala + Ni = Galgalli
Balbala + Ni = Balballi
Daggala + Ni = Daggalli
Fk Ra + ni = rri
Bara + Ni = Barri
Qara + Ni = Qarrii
Gaara + Ni =Gaarri
Daara + Ni = Daarri
Hijaara +Ni = Hijaarri
Hafuura + Ni = Hafuurri
Jechoonni sagalee “aya” ykn “awa” jedhamuun xumuraman, matim-mul’isuu “ni” jedhamtu maxxanfatan. Matimni haala kanaan uumamu ammoo, godinoota gara garaa keessatti bifa addaatiin sagleeffama.
Fak Aya + ni = ayni
Nagaya + Ni = Nagayni
Waldaya + Ni = Waldayni
Oolmaya + Ni = Oolmayni
Jaarmaya + Ni = Jaarmayni
Haaraya + Ni = Haarani ….. kkf
Fak aya + ni = eenyi
Nagaya + Ni = Nageenyi
Waldaya + Ni = Waldeenyi
Oolmaya + Ni = Oolmeenyi
Haaraya + Ni = Haareenyi…kkf
ykn ooyni ykn oofni
Aawa + ni = aawni
Kurfaaw +Ni= Kurfaawni
Kurfaaw + Ni = Kurfooyni
Kurfaaw +Ni = kurfoofni
September 2, 2023 Leenjiso Horo Dr. Yonas Biru has shown in his political Swinging Pendulum…
Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa'aa…
Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti…
August 18, 2023 Kurfeessaa Sararoo The Oromo people have been struggling against the Abyssinian for…
Hoji Geggeessaan Mana Lubummaa Aanaa Shaashamannee,Malaaka Gannat Luba Habtaamuu, Adeemsa Anatu isiniif beekaaSinodoosiin Bataskaana Ortodoksi…
Falls Church, Virginia (7/20/2023) — On July 20, 2023, representatives from OLLAA and U.S.- Oromo communities met…