Afaan Oromoo

Seerlugaa Afaan Oromoo

Kuusa galmee jechoota Afaan Oromoo 80000 ol tartiibaanHibboo Maymaaysa
Hima jechuun maali?
Kutaalee himmeenii
Matim-mul’istoota
Waahima
Akkaataa himni itti goodamu
Akaakuu himmeenii
Hima mormeeysa (bal’inaan)
Hima iyyaafateessa (bal’inaan)
Hiriira jechootaa
Kutaalee himmeenii
Matim-mul’istoota
Irraa maqeeyyii
Boorteessa
Raajeeffannoo
Hima mormeeysa
Baach (Baat)
Hima iyyaafateeysa

Seera
Matimoota matim mul’istuu hin maxxanfanne
Sagalee dheertuu
Sagalee gabaabduu
Akkaataa himni itti goodamu
Fi’iloota/gochibsoota
Maxxantoota hojii fi’ilootaa hojjatan
Gosa himmeenii
Falmeeysa
Iyyaafateessa
Boorteessa
Raajeeffannoo
Hima mormeeysa
Baach (Baat)

Hima jechuun maali?

Gurmmuun jechootaa sirnaan walfaana hiriiranirraa uumamu hiikkaa yoo qabaate, hima jedhama.

Fak.

Caaltuun bofa ajjeefte.
Magarsaan dhufe.
Intalti diimtuun reefu galte.
Kofoon isaa dhodhoote.
Kanniisni gaagura seene.
Kottu!
Okkoteen suupheerraa tolfamati.
Rafan .
Yoo rabbi sodaattte na dhiisi!
Maal feeta? Naan jedhe.

Himni kamuu qabxiilee afran kanaa gaditti tarrifaman guututti qabaachuu qaba.

a) Tartiibni jechoonni ittiin walfaana bu’an, sirrii tahuu qaba.
b) Dhaamsa hiikkaa qabu tahuu qaba.
c) Hawaasa afaan saniin dubbatu keessatti fudhatama argachu qaba. 
d) Yaanni hima saniin himamau dhugooma qabaachu qaba.

Hiriira jechootaa

Fak.

“Gabaabduun intalti dhfte reefu”

Hiriirri jechoonni afran fakeenya gararree keessatti mul’ifamanii ittiin walfaana bu’an, sirriimiti. Maalummaan yaada isaa hin hubatamu; hawaasni tartiiba akkkanaatiin afaan Oromoo dubbatu hin jiru. Sababa kanaafiis hima hin jedhamu. Tartiibni sirriin jeconni afran ittiin walfaana bu’u qabu, akkam tahuu qaba?

Filmaata afran kanaa gaditti dhihaate keessa, isa sirrii tahe fili.

2. Dufte reefu intalti gabaabduun.

3. Reefu dhufte intalti gababduun.

4. Reefu dhufte gabaabduun intalti.

5. Intalti gabaabduun reefu dhufte.

Deebisaa sirriin lakkooysa 5 qofa

Fakeenya biroo haa laalluu.

6. Dhale eda keenya sangaan.

7. Biiftuun gara dhihaatiin baati.

8. Allaattiin duumeessarra galti.

Akkuma gartu, sadeen keessa tokko dogongora qaba. Lameen kaan ammoo tartiibni itti kaayame sirriidha. Tokkicha dogongora qabu sun sirreessinee lameen kaaniis haa xinxallu.

Tartiibni sirriiniis:

Dhale keenya eda sangaan. (dogongora)

Dibichi keenya eda dhale. (sirriidha)

Amma isaan martinuu tartiiba sirrii taheefii, hiikkaa ifatti beekkamu qaban. Dhaamsi isaanii ammoo dhugooma hin qabu. Sangaan hin dhalu; biiftuun gara lixaatiin hin baatu; allaatttiiniis duumeessa gubbaa hin galtu. Hirirri jechoota hamma fedhe sirrii tahuus, yoo dhaamsa dhugaa qabu dabarsuu baannaan, gurmuu hima jedhamu tahuu hin dandayu.

Kutaalee himmenii

Kutaalee himmeenii
Himni kamuu kutaale lama qaba. Kutaaleen lameeniis matimaafii waahima jedheman. Matimni, kutaa waa’een isaa hima keessatti dubbatamu hoggaa tahu, kutaan waa’ee matima dubbatu ammoo waahima jedhama.

Fak

Ijoolleen dhufte.

Ijoolleen kudhan walfaana dhufte.

Ijoolleen kurnan torbaan tokko dura dhufte sun, reefu galte.

Matimoota himmeen sadeen keessa jiran beekuun nama hin dhibu, gochi raaw’atame maal akka taheefii eenyuun akka raaw’atame hubachuudha, gaafilee kanatti aanaan gaafachuudhaan. Matimoota himmeen sadeenii beekuun ni dandayama.

Gaaffii

Eenyuutu dhufe?

Eenyuutu walfaana dhufe?

Eenyuutu reefu gale?

Deebiin

Ijoolleen

Ijoolleen kudhan

Ijoolleen kurnan torbaan tokko dura dhfte sun,

Himmeen sadeenu matiomoota ifatti mul’atan if keassa qaban. Matimoonni bifa kanaan hima keessatti mul’atan, matimoota ifa jireenyyi jedhaman. Himmeen matimoota ifa jireenyyii if keessa hin qabnees ni jiran. Matima ifa jireessa if keessa dhabuu jechuun ammoo, matimni hin mul’atu jechuudha malee, himni matima hin qabu jechuumiti. Himni matima hin qabne waan hin jirreef matima ni qabaata. Matimni saa ammoo, kan ifatti hin mul’anne tahuun ni mala. Matimoonni hima keessatti ifatti hin mul’annees, matimoota dhokotoo jedhaman. Himmeen matimoota dhokotoo if keessaa qaban bifa kanatti aanuun qindaawan.

Fak

Deeme.

Kuftee gangalatte.

Gali!

Fidaa!

Fudhatan.

Gaafadhe.

Rifannaan rafne.

Ni beekan.

Dirree keessatti kubbaa taphachaa jirti.

Deema dhuftee mana geenyaan jiyde.

Matimoota himmeen kanneenii beekuudhaaf, “eenyu” jennee gaafachuudhaan arkanna. Deebiin gaaffii tanaaf arkannu, matiama hima suniiti taha. Matimoonni himmeen kurnaniitiis kanneen asii gaditti tarrifaman tahan.

Page: 1 2 3 4 5 6 7 8

bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Recent Posts

Pirezdaantii OSA: Wanti Jawaarirratti raawwatame shiraas, loogiis, yakkaas

Pirezdaantii OSA: Wanti Jawaarirratti raawwatame shiraas, loogiis, yakkaas

3 days ago

OSAn Yaadan Dulloomeera; Haaromsa Fedha

OSAn Yaadan Dulloomeera; Haaromsa Fedha

4 days ago

At least 12 people die from hunger in drought ravaged Guji zone, says official; residents put figure at 20

At least 12 people die from hunger in drought ravaged Guji zone, says official; residents…

4 days ago

Oromiyaa keeysatti beelti hammaate

Oromiyaa keeysatti beelti hammaate

4 days ago

Dhimma OSA: Keessummaa Kabajaa fi Waraqaa Qorannoo dhiyeessuun waladda

Keessummaa Kabajaa fi Waraqaa Qorannoo dhiyeessuun waladda

4 days ago

Umanni Oromoo garee waanyoo fii of tuultootaa jiddutti rakkachaa jira

Umanni Oromoo garee waanyoo fii of tuultootaa jiddutti rakkachaa jira

6 days ago