Shaakala Afaan Oromoo kana itti of ilaali

Barumsa afaan Oromoo Shaakaluuf As Tuqaa

Hubachiisaa!! jechoonni baruumsa kana keessatti itti gargaaramne garri tokko kan Taammanaa Bitimaa ti

Kabajamtoota daawwattootaa fii dubbistoota marsaa kanaa baga dhuftanii dhihaadhaan simannaa teenya ta duraa haa taatu. Sabni tokko akka sabaatti kan ittiin beekkamu keessa inni guddaa Afaan fii Aadaa isaati. Yoo Afaan kun hin jiraatiin aadaan isaas hin jiraattu. Eeenyummaan isaas hin jiraatu. Nu hundi kanarratti waliif galla. Eega irratti walii gallee hoo Afaan Kana guddisuufii jiraachisuuf maal godhuu qabna? Gaafiin un deebisaa hunda keenyaa fedha……
….Yoo beeyte barsisi yoo hin beeyne immoo baradhuu dhaloota dhufitti dabrsi…….
Akkuma biyyiti Oromoo bal’oo fii guddoo Afaan Oromoos Afaan Sooreessaa fii heddommina jechoota isaa hamma ammatti namni irraa gahe saffaree hin jiru. Kanaaf baruumsa yertuu tana keessatti isa dhageenye hamma tokko yoo walitti himnee wal barsiifne hegeree Afaan kanaa tiif xiqqaatullee bu’aa qaba janna. Kanaaf kunoo, bilisummaa.com bifa ammayyattiin akka namatti tolutti jechoota Afaan Oromoo kan hiikkoo walfakkatu qaban kanaan baruumsa Afaan Oromoo kana Eegalla.
Yoo dogoggorri hojjanne si afaan bu’e, takkaa yaada keenya caalu qabaatte, yookaa barsiisuu barbaadde waliin malee kopha kophaa fiiyne gar tokkollee hin geenyuu amanta ta’e bakkee teessee nu qofarratti hin laalinii hirmaadhu!!

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

5 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

5 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

5 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

5 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

8 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

8 months ago