Categories: Afaan Oromoo

Dhaamsa Nugusa Boqachuuf Qophaayee


Bara wayii keessa biyya wayii keessatti nugusa waytu ture. Innis ummata isaa hacuucuun beekamaa ture. Yeroo bulchiinsa isaa ummanni isaa hedduu hedduu dararame; nugusichi cunqursaa ulfaafaa ummatatti fe’e. Ummannis hedduu itti fincilaa turan gabroomfataa kana. Innis yeroo dheeraaf ummata isaa bulchaa ture. Osoma akkanatti bulchuu gaafa tokko hedduu dhibama; du’uu akka hedus beekkate, hedduu qooqqifate hedduu caraanee sagalee du’aas dhageessise. Dhuma irratti waan balleesseef warwaatee aangoo irraa bu’ee nagaan boqachuuf fedhe!! Worwaate, watwaate, bacaraane, burjaajjaye, raataye!! Dhaamsas dhaamate!!!!!
Nugusichi kun ijoollee afur qaba ture ijoollee tannin keessaa mucayyoon tan isaa yoo taatu dhiirran sadii guddisa/guddifachaa/ turan. Kanniin keessaa hangafni durba, itti kan aanu dhiira, itti ka aanu dhiira fi kan dhumaas dhiira. Fedhiin ijoollee nugusa kanaas akka armaan gadii ture.
1. Mucayyoon hangafaa seenaa odeessuu, seenaa fakkeessitee uumuu, seenaa kijibaa odeessuu fi kijiba hafarsuu jaalatti jallattuudha,dabduudha,oftuultuudha,dhiphoodha turte.
2. Mucaan itti aanu waa’ee walqixxummaa, walgargaarsa, jaalala, ogummaalee adda addaa kunuunsa, bulchiinsa gaggaarii irratti jaalala qaba gamna fayyaalessas ture.
3. Mucaan sadaffaa hiibboo jaalata ofii fayyaalummaa qaba ture.
4. Mucaan arfaffaas hiibboo jaalata ofii fayyaalummaa qaba ture.
Nugusichi dhibeen waan itti hammaatteef akka du’u hubate.Caraanee qooqqifates!! Innis aangoo eennuun akka dhaalchisu hedduu itti yaade. Innillee ijoollee ofii waamee dhimmi kana mari’achiise. Ijoolleenis aangoon anaaf mala jechuun hedduu wal morman. Nugusichis ijoollee aangoo irratti wal loltu tana addaan baasee aangoo kennuufii barbaade! Nugusichis du’a irratti dhaamachuun bulchiinsa isaa kan ulfaataa ture sanaaf ilma filachuu barbaade; ilmi isaa kun akka seenaa badaa isaa sirreessu barbaade!
Nugusichis ijoollee isaa arfan wal morkan kana waamee wal filadhaa jedheen. Ijoolleenis anatu filatama jechuun wal morman. Walii galtees dhaban. Achumaan nugusa biras deemanii atumti addaan baasii nuuf kenni jedhan. Innillee akkuma fedha keessanii gaaffii adda addaatin addaan isin baasuu jedheen. Ijoolleenis hayyee jetteen. 
Nugusichis: 
Ishee hangafaatin seenaa koo hanga ammaatti natti himi
Mucaa lammataatiin waa’ee walqixxummaa, walgargaarsaa, jaalalaa ogummaalee adda addaa bulchiinsaa natti himi
Ijoollee lamaan ammo tokko tokkoo isaaniitiif hiibboo lama lama dhiyeesseef
Kana booda ijoollee isaa hangafarraa ka’ee hanga maandhaatti dhageeffachuu itti fufe.
Mucayyoon isaas seenaa sobaa midhaassitee dhiyeessiteef, seenichis hedduu hedduu hedduu itti ulfaate; innillee soba jechuun itti dallane waan du’aaf deemaa jiruuf dhugaa ifa baasuu barbaadee!
Mucaan lammataa akkuma fedhii isaa sirna walqixxummaa fi dimokiraasii/sirna gadaa/ sirri tolchee ibseef; innis heddu itti gammade!
Ijoolleen lamaanis hiibboo isaanitti hiibbifame lama lama keessaa tokko tokko deebisaniif
Nugusichis akkas jedhee murtii kenneef!!! Ijoollee koo ammaa achi biyya bulchuu kan danda’amu walqixxummaan, waljaalalaan bulchiinsa gaarin malee seenaa jette jettee yookaan kijibaan barraayeen miti yookaan hiibbodhaan miti jedhee mucaa isa lammataaf aangoo kennee, biyyi akkasitti bulchamti jedheen jedhama!
Ummanni biyyaas kana dhagayee hedduu gammadee, hedduu dhiichisee sirba waliin gayee dadammaqe akkas jedhees dhiichise
“Yoosan rakkoon sabaa kufee lafa dhayaa
Kan dhugaan saba bulchu biraan nu gayaa
Nugufni du’ee waa’ee biyyaaa maal haasaya!
Nan sirbaa nan dhiichisaa
Gabroomfataan hamaa fokkisaa
Fifincilaa hallayyaa buusaa 
Gabroomfataa ofirraa kuffisaa
Walqixxummaan wal sirreessaa
Dhugaan galee
Turaa naasuu malee
Rabbii guddaa nu falee!!”
Jedhamee sirbame, geerrarame, weeddifame!!!!!
Haylamaaram Boqataa

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

2 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

2 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

2 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

2 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

4 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

4 months ago