Categories: Amantii

Dhaloota akkanaa taanu malee Itti gaafatamummaa seenaa jalaa hin baanu

Maqaa fi Gumaacha Hayyuu, Qabsaawaa hangafaa fi Abbaa Qubee Afaan Oromoo kan tahe Dr Sheek Mohammed Rashaad Abdullee tiif beekkamtii kennuu, Hojiilee gaggaarii inni hojjate ummata isaa biraan gahuu fi Kaayyoo isaa galmaan gahuuf jecha “Faawundeeshiniin Dr Mohammed Rashaad Abdullee” hundeeyfameeti jira. Kun waan akkaan gaarii, waanuma Ilma jabaarraa eegamu tahuun isaa ifaadha.

Faawundeeshinii kana akka cimee hojjatee Kaayyoo fi Akeeka Sheek Mohammed Rashaad galmaan gahuuf jecha hundi keenya deeggaruudha qabna jechuun torbaan dabre Ilma Sheek Mohammed Rashaad kan tahe Dura bu’aa Faawundeeshinichaa Obbo Khalid Rashad qaamaan dheeynee dubbifnee turre. Yeroo san Eeyba Kitaaba Bishaan Gubate ju’u kan Mahammad Siraaj barreeyse raawwanneeti walitti deebina waliin jennee waan beellamanneef amma dhimma Faawundeeshinichaatti fuula akka deeffannu haa deeffannu isiniin jechuu barbaanna.

Kanumaan Nuti warri amma jiru kun dhaloota abbootii keenyaaf qooda kaayuu qabuu fi dhaloota bakka abbootiin keenya qaroomaan gayan bira dabruu qabu akka taane wal yaadachiisuun hin barbaachisu. Dirqama keenya kan yeroo hunda yaadachuu qabnu waan taheef.

Kanaafuu hojiilee gaggaarii abbootiin keenya nu dura hojjatteef beekkamtii kanninee hojii isaanii sanii fi Maqaa isaaniitiis itti fufsiisuuf dirqama akka qabnu beeynee Faawundeeshinii Dr Sheek Mohammed Rashaad kan ji’oota muraasa dura hundeeyfametti miseensa tahuun, Kaayyoo qabatee hundeeyfame akka galmaan gahuuf gumaacha mataa keenyaa haa goonu.

Dhaloota jabaa Abbootii isaanii kan waa isaaniif gumaachaniif gumaata galchu, Kan ofiifiis dhaloota dhufuuf waa gumaachu haa taanu.

Dhaloota Jabaa akkanaa taanu malee Ittigaafatamummaa seenaa jalaa hin baanu.

Yeroo unkaa kana guunnu odeeyfannoo barbaachisan guutuus tahee Kafaltii Miseensummaa Qar.100, Buusii miseensaa ji’a ji’aan Qar. 50 gara Account Baankii Daldala Itoophiyaa, Baankii Awaash Ykn Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaatti kafaluun dirqama keenya.

Kana malees Deeggarsa biroo yoo godhuu barbaaddan Account CBE, Awash Bank fi CBO keeysaa tokkorratti galchuu hin dagatinaa.

Maqaa: Dr Mohammed Rashaad Abdullee Foundation

Account No:CBE: 1000435507119

Awash Bank: 01425590861300

Coop: 1032300044843

Gama Interneetaatiin (Online) Galmaa’uuf;

Hedduu Galatoomaa

Adem Dhalate Waxabajjii 16,2022. Finfinnee

bilisummaa

Recent Posts

Dr. Yoonaas Birruu, the Mirror Image of Crimes of Genocide Menelik and Haile Selassie Committed Against the Oromo People

Fatansaa Sulee Shogodoo September 20, 2023 As it is clear from hateful and Oromo phobia…

23 hours ago

Response to Dr. Yonas Biru, the Oromo Phobic and Oromo Hater Amhara Ultrarightist Extremist

September 2, 2023 Leenjiso Horo Dr. Yonas Biru has shown in his political Swinging Pendulum…

2 weeks ago

Obbo Baqqalaa Garbaa biyya aambaatti hafuufi hooggansummaa KFO’s gad-dhiise

Baroota dheeraaf karaa dhaabaa fi dhuunfaan siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmannaa godhaniin kan beekaman Dura taa'aa…

4 weeks ago

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti…

4 weeks ago

Oromia Liberation Struggle: A Step Forward or Backward? Which way is it?

August 18, 2023 Kurfeessaa Sararoo    The Oromo people have been struggling against the Abyssinian for…

1 month ago

Abboota Sinodoosii Oromiyaa fi Sabaaf Sablammiin beekamtii dhowwamte

Hoji Geggeessaan Mana Lubummaa Aanaa Shaashamannee,Malaaka Gannat Luba Habtaamuu, Adeemsa Anatu isiniif beekaaSinodoosiin Bataskaana Ortodoksi…

2 months ago