Categories: AadaaAfaan Oromoo

Diinnii Maal Balleesse?!

Badii maalii qaba diinni?

Nutu karra saaqeef, balabala banee olgalche.

As taa’i jennee teessoorraa kaaneef.

Cooma murree afanitti gurshine.

Itittuu habuuqqachiifne.

Qe’ee bal’aa itti agarsiifne.

Tumaalessaafi sangaa qotiyyoo itti lakkoofne.

Boora yaabbii shaakalsiifne.

Qabannaa dheeboo shaakalsiifne.

Miila irraa dhiqnee ol dabarsinee diinqarra ciibsine, ofii diinqarraa kaaneef.

‘Rafi’ jennee balbala duuban cufneef.

Inni maal balleesse?!

Akkamiin haa ka’u siree hoo’ituu irraa?

Eenyu haa dammaqsu hirriiba mi’ooftuu irraa?

As ilaalee achi ilaalee, bitaafi mirga daawwatee godoo abbaan koo ijaara na dhaale.

Qabannaa dheeboo ani shaakalsiise natti naanneffate.

Qe’eerraa na hari’ate.

Araddaa koo na dhuunfate.

Inni maal balleesse?

Karoora isaa galmaan ga’uuf dhufe.

Galmaan ga’achaa jiras.

Dammaafi aannan nyaachutti jira.

Lafa bal’aa irra jiraachaa jira.

Kaayyoon isaa galma ga’eefira.

Kan dagate nu’i. Badii guddaa nutu qaba.

Badii badii caalu.

Yakka. Uumaa keenya shakkine.

Galata dhorkanne.

Akka harree malkaatti fincoofne.

Odaa murree bobeessine.

Hangafa kabaja dhorkanne.

Quxusuu tuffanne.

Seenaa dhoksine.,

Gaachana bilii nyaachifne.

Dheeboo suuqattii qaqaadhan xureessine.

Tokkummaa waldhorkine.

Diinaaf dabarsinee walkennine.

Daldala garbaa irraanfatame as deebisne.

Goota owwaallee shamarraaf weeddisne.

Qabannaa ulee daganne.

Diinatti darabaa galle.

Iccitii walii keenyaa baasnee gabatti afarsine.
Kanaafi, kanaafi kan malkaan bishaan nu dide.

Kanaaf burqaan bishaan goge.

Kanaaf dacheen Oromiyaa goota liqimsuu malee goota biqilchuu didde.

Odaan gaaddisa ta’uu dide.

Gogee mandhee cirrii ta’e.

Kanaaf sigabaan nu dhaale.

Kaanaf dhiirri dhiiraf jilbiinfate, gugguufee sagade.

Weennin korrisa didde.

Barii lafa dagatte.

Leenci akka harree halaake.

Sangaan fardaa keenya gulufa jibbee gaarii harkisuu filate.

Maanguddoon keenya jaarsummaa dagate, qunduftii adamsuu filate.

Beerri keenya ililcha dheebottee watwaata amaleeffatte.

Diinni maal balleesse?!

Nu’i abbaan yakkaa.

Haa kaanu, malkaa bunee tulluu baanee, araara yaa kadhannu, bilisummaan nuuf haa deebitu. Ilmaan Booranaafi Baarentuu waliif yaa yaadu.

Lafa jiruu wal yaa iffaafatu.

Uuman nuuf yaa araaramu.

Gaashaafi eeboo lafa keenyee haa barbaannu.

Farda gaarii irraa haa hiiknu Hojii isaatti haa deebisnu.
Bariitee Abbaa Haqaatii, Boolee irraa

bilisummaa

Recent Posts

Koree raawwachiiftuu ajeechaaf Oromiyatti ramadamte

Koreen dhoksaan ajjeestuu maqaa nageenyaatiin MNO keessatti Mummicha Ministeeraatiin hundaa'ee fi Obbo Shimallis Abdiisaatiin kan…

5 months ago

Iccitii hidhamuu Obboo Battee Urgeessaa

Haabtaamuu Tasfaayetiin: Tibba darbe kana mariin Paartilee siyaasa Oromoo jedhu kan kanaan dura bara cee’uumsaa…

5 months ago

Godina Baalee: galgala ar’aa magaalaan Roobee balaa ibiddaatiin qabeenyi hawaasa bal’aa hedduun barbadaawe.

Galgala sa’aatii 2:00 (8:00) irratti balaan kun naannoo Buufata durii (Aroge-Mannahaaraa) jedhamu,Masjidannuur cinatti suuqii fi…

5 months ago

Gadaan gujii abbaa gadaa 75ffaa argate

Ofii Abbootii Gadaa 74 baallii waliif dabarsaa asiin geessisan beektu? Haala duudhaa isaa eeggateen waggoota…

5 months ago

Oromiyaan ganna shan guutuu waraanan hunkuramaa jiraatuu namuu ni hubata

Ijoollee Wareegamtootaaf Jecha ...  Nagaa Bara ammaa silaa martuu bakka maratti muldhata. Oromiyaan ganna shan…

8 months ago

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to…

8 months ago