Oduu Haaraya

‪#‎OMN‬ fi ‪#‎TV_OROMIYAA‬ jidduu kana yeroo waliin haasawan

 

#OMN —– Akkam naga jirtaa yaa abbaa kijibaa

Oduma sobaatiin ummata Oromoo dhoowwite hirriibaa

Kan kee kana jechuun dubbiin nama dhibaa

‪#‎TVO‬— lubbuun ima jiraa garuu womaa hin jedhuu

Rakkadheeti malee an kijibuu hin fedhuu

Na dirqisiisanii ani maal haa godhuu

#OMN — ulee diinaa taatee saba kee wolaaltee

Osoo bira jirtuu ati dhugaa awwaaltee

Halalaa argiti ijji kan koo laaltee

#TVO — Arguu dhabe seetaa dubbachuu dadhabee

Warri TPLF afaan koo na qabee

#OMN — Ifa baasi malee dhugaa hin dhoksinii

Maqaa misoomaatiin saba hin gowwoomsinii

Olola sobaatiin lammii hin gabroomsinii

#TVO — hojiin kan koo gudaan inni bonaa gannaa

Odeessi naan jedhan waan misoomaaf qonnaa

#OMN — beelaaf saaxilama ummannii hiyyoomee

Abbootii ongoodhaa qofatuu duroomee

An barbaadee dhabee eessatu misoomee

#TVO — dubbadhu naan jedhan waan baaqelaa, ataraaf shunburaa

Hammanaan bitamee hammana gurguraa

Ati maal balleessitee ormi si uguraa

#OMN — an dhugaa hin dhoksu midiyaa wolabaa

Kufee lafa hin gayu oromoon na qabaa

#TVO — aninuu ni beeka hojii kan kee gaarii

Sababuma keetiin kukkutan soolaarii

#OMN — soba hin odeessu wolitti sassaabee

Hiddi koo hin buqqa’u hayyu gad na dhaabee

Fagoollee jiraadhu biyya laga gamaa

An dhugaa dubbadhaa kanumaaf jibbamaa

#TVO — 10nis si jibbu kuma si jaalataa

Tuqaa hin danda’u garaan na laalataa

Jabaadhu ammallee hojii keetti cimii

Rakkoo ummata oromoo addunya naaf himii

#OMN — ergamtuu orma ta’inii oromoof jiraadhuu

Abbaa dhugaa ta’i atis na fakkaadhuu

#TVO— maal godhi naan jetta kun hojii baraatii

Worri na hoogganu Abbootii garaatii

sobaan na ijaaranii na guuranii dhagaa

gaaf tokko anillee ni dubbadha dhugaa

hojiin kee guddadha umriin kee ijoollee

Oromiyaa keessatti si arguun kan koo waan hin oollee

#OMN — akka achi dhufuun yoo argadhe carraa

Oromiyaa balloo keessaa wol agarraa

Waa hedduu barachuu qabda ati narraa …..

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …