Oduu Haaraya

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

                                                                           Taammanaa Bitimaa irraa

Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: “Seenaa Gammachuu Qamalittii” isiniif dhiyeessa. Kanas akka dubbiin isinitti dheeratee jiruu fi jireenya keessan hin gufachiifnefan kutaa kutaan isiniif dabarsaatii, mee safuu fi safeeffata Oromoo sanaan na hoofkalchaa!

DURADUBBII

Ani seenaa Gammachuu Qamalittii barreessuuf ergan yaadee akka Oromoonni keenya isaan baddaa Barantuu jedhaniitti: “barri kuteeti jira.” Impaayarittii dulattii “Toopphiyaa” jedhamtu umuriidhuma keenya gabaabduu tana keessatti, otuma ijji keena arguu wanneen hedduun dhufaniitoo dabranii jiru. Kan otoo hin dabrin bakkuma dhaabatetti hafe, yaada nafxanyaa fi nafxanyummaa dha! Nuti Oromoonni nafxanyummaa fi Amaarummaa sirriitti addaan baafannee beekna. Hardha finxaaleyyiin warra Amaaraa gariin alaa-manaa, baar gamaa fi gamanaa daboo waammattee, jigii kadhachuun nu irratti jiguuf wixxirfattullee, dhiigaa fi nafa keenya Oromoota Wallaggaa, Oromoota Gujii, Oromoota Walloo, Oromoota Karrayyuu faatti duultee gandeeni fi manneen, namoota fi qabeenya barbadeessuuf guyyuu yaaltullee Oromoon galaanaa, keessayyuu Galaana Abbayyaatii waa takkallee fiixan bawuu hin dandeessu!

Qulqullummaa fi jagnummaa, Waaqa tokkichatti amanuu fi namaa-sa’a, mukaa-marga, leellisuu fi kabajuu uummata Oromoo qalbeeffachuun sonaan barbaachisaa dha! Maal-jennaan, dhugaa fi dhugoon yoomiyyuu sobaa fi oftuulummaan moyamanii hin beekani. “Na-qabaa-na-gadhiisaan namoota Amaaraa tokko tokkoo, maqa-xureessii fi maqa-baleessiin finxaaleyyii ijjii fi gurri oftuulummaa fi wallaalummaan guutamee kun obbolummaa fi olummaa uummata Oromoo fi uummata Amaaraa gonkumaa booressuu hin dadayu! Qabsoo hadhooftuu waggaalee afur guutuu qarreewwanii fi qeerrolee Oromootiin adeemsifameen sirni nama-nyaataan inni Wayyaaneen gaggeeffamaa ture sun conqola’ullee, ammaan tana uummannii fi sabni Oromoo waanjoo nafxanyootaa jalaa hin baane. Ammoo warri ofumaan ija ofii cufe, warri sammuu isaa isa Waaqni “ittiin-buli” jeschuun isa badhaase sana, gara “sammuu” bineeyyiitti ofumaan, ofumaaf jijjirrachuun arguu fi yaaduu isa dhoowwe kunoo: “Oromoon Abbaa torbeeti” jedheetoo alaa-manaa wacaa, iyyaa, dhaadachaa jira!

Kanaafan amma oggaa uummanni kiyya kun akka baala mukaatti finxaaleyyii Amaara isaan maqaaFaannoo” jedhamuun of-waamuun, maqaa-sobaa ofuman of-badhaasan kun, akkanatti diinummaa facaasaa jiran kana, nuti tokkoomnee uummata keenya cinaa dhaabachuu qabna! Kana irratti ida’amuun namtichi “obboo” Koroonaa jedhamu waan addunayyaa guutuu bobaa isaa isa ajaawaa san jala galfateef, ani hiriyoota fi firoota kiyya arguu hin dandeenyee, qobaa kiyyan mana taa’ee, maatii kiyya wajji aari-dhaan waxalamaa jira. Kompuutara baneetoo otoo waa mimildhaddhuun xalayaalee waggaa hedduu dura obbolaan koo tokko tokko naa erganii fi deebiiwwanin animmoo deebiseef arguun, waayee Gammachuu Qamalittii yaadaddhee waadaan koodee kiyya obboo Zalaalam Abarraa-tii gale sana, nan irraanfaddhe malee, hin “nyaannee” kunoo amma deebisuuf ol-jedhe!

Ilaa obboo Abarraan keenya silaa walaleessaa dhaa, mee walaloo wayiitiinan jalqaba. Walaloon kun immoo walaloo uummata Oromoo bareedaa sana akka fakkeenyaatti fudhachuun dhiyaata. Ani ijoolummaa kiyyaanan, mucaa xiqqaa tayee sirbaa waa dhiyeessuu jalqabe. Oromiyaan teenya dachee walaloon sirbaan keessa galaanu! Eekaa, silaa ani mucaa xiqqaa abbaa ofii jala deemu: qixxee* lammii, nyaataa fi dhugaatii galgala daboo, walaloo oofanii** faa gaafa namni beekamaan tokko du’ee, dhaadannaa isa “eessan dhaqxuu”*** faa, isa gaafa abbaan biyya tokko boqotee namni reeffa isaa baatee, gara bakka awwaalaatti yaa’u, jedhamu sana, erga awwaalanii booda immoo namni achitti argame cufti, gadi- yaa’uun dirree baldhaa namoota sana hundaaf gawuu keessa taa’a! Dhiirris, dubartiinis, ijjoolleen dhiiraa abbootii ishii duukaa achitti argamettis ni teessi. Amma hunda dursuun namni nama du’eef, akka hangafaatti ilaalamu tokko olka’ee dhaabachuun: “Mee Du’a nuuf qabbaneessaa!” jedha, sagalee ol-fuudhee, namni hundi: “isiniif haa qabbanaawu!” jedha.

Kana booda gamnoota naannoo biyya sanaatti argaman keessaa, dabaree dabareen ka’anii dhaabachuun lallabu. Haasaan beektota kanaa: “lallaba gaafa du’aa” yookaan “lallaba warra du’aa” jedhamee beekama. Amma isa waayee “lallaba warra du’aa”, waayee dhaadannoo gaafa du’aa, waayee geerrarsaa faa fi waayee walaloota uummataa kanan dursee abbaa kiyyaa fi wasiillan kiyya, eessumman kiyyaa fi firoottan biroo jala deemuun: barumsan Unibarsitii Finfinnee fi Unibarsitii Barliin irraa gonkumaa hin arganne, isan akka aannanii unachaa, akka daadhii habbuuqqachaa guddaddhe keessaa yoon waa xiqqooshii isiniif buuse, isinis waa yaadattu jedheetani. Naannoon ijoollummaa kiyya itti-dabarse sana yoon amma isineef kaasee mataduree kiyya gadhiisuuf otoo hin tayin, barri bara “obboo” Koroonaa-tii wanni tahuu fi wanni galu hin beekamuu, barsiifnii fi guddifni uummata koo, uumee koo sanaa akka na waliin biyya biraa, ardii biraa hin deemneefi-kaa!

Ani akkan nama Arfan (Afran) Walisoo fi Jahan Bachoo tahe, waaqaa-lafatoo, namaa-sa’atoo, margaa-mukatoo beekaa ani amma maalan himaddharee? Ani “gosaOromoo tokkicha qofaan hammatamee hin guddanne. Ani akkuma seeraa fi barsiisa Oromootti diroo (qaccee) kiyya Taammanaa Bitimaa Soondhessaa irraa kaaseen Walee Walisoo irraatti dhaaba. Kunis walummatti diroo 15 taha. Garuu, warri keenya fi beektonni biyyaa oggaa nu barsiisan, caljedhanii-tuma ususanii dhaabu jechaa miti. 1-ffaa Waliso ilma Liiban Maccaa akka tahee fi obbolaa lama: Ammayyaa fi Kuttaayee akka qabu nuti himu. Liiban ijoollee dhiraa sadii waan qabuuf “Sadan Liiban” jedhameetoo baakama. Ammayyi hangafa; Waliso immoo isa lammaffaa yoo tahu, Kuttaayee qixisuu dha. 2-ffaa ennaa Walee Walisoo jedhanii dhaaban walaloo dhaadannootiin xumuru. Isa kana irratti gosni Oromoo cufti walaloo fi dhaadnnoo kan mataa mataa ofiiti qaba. Kanaan dura waayee kanaa irratti obboo Bakar waliin yaada oggaa wal-jijjirru, innis kana irratti waanuma manguddooleen Arfan Walisoo fi Jahan Bachoo natti himaa na guddisan san natti hime. Inni (Bakar keenya) Oromiyaa keessaa naannoo Barantuu (Harargee) irraa yoo dhufu, nama Afran Qalloo-ti. Afran Qalloo keessaas Noolee-dha! Egaa, namni Walisoo diroo ofii lakkaayee oggaa dhaabu:”Walee Walisoo warra abbaa fardaa, eebodhaan nama sarda!” jedha, sagalee isaa olkaasuun akka waan Oromiyaa guutuuni fi Oromoon cufti isa dhagawuutti!

Mee as-irratti waayee Sadan Liiban xiqqooshii yoon isiniif ibse, waayee Gammachuu Qamalittii irraa gara Sadan Libanitti cewuun isin nuffisiisuuf miti. Gammachuu Qamalittii Waarii Bulloo kun akkum diroo isaa, akka Liiban Maccaa jagnaa fi gamna muraacii waan taheef, dubbiin wal-cimsiti malee, matumaa wal hin faallessitu. Ani kanaan dura barreeffata kiyya tokkoo lama keessatti waayee Sadan Liiban kaasuun isiniif ibseen jira.**** Waraana Sadan Liiban ollachiisaa sanatu bara 1596 keessa waraana mootummaa Habashaa kan Mootii Mootolii isaanitiin gaggeeffame, dirree waraanaatti mowuun ilma mootii isaanii kan Susiniyoos jedhamu booji’ee, booda akkuma aadaa Oromoo beekamaa sanatti moggaafate. Waggaalee sadeet guutuu Oromoon hammatamee jiraate. Booda biyya isaa isa duriitti deebiyuuf, hayyama gaafate. Akka Oromoon Sadan Liiban waraana fardaan kurfeeffame kennuufis damboobinaan gaafate. Oromoon walmariyatee silaa nama garaan ka’e, miilli hin taa’uu, akkuma inni gaafatetti hayyameefii, loltuu abbootii fardaa 400 wajjin isa eebba fi jaalalaan gaggeesse. Inni loltuu Oromoo saniin obboleessa isaa isa bakka isaa dhaale san moyee, akkuma aadaa isaanitti obbolaa isaa cufa mana hidhaatti naqee mootome. Barri inni boojiyame 1596 yoo tahu, kan inni biyya ofiitti deebiye bara 1604 keessa. Maal godhu-ree akkuma aadaa isaanii taahee waggaalee muraasa booda harka laateef nyaatee, kakuu caffee achi darbatee Oromootti duuluu jalqabe. Waan tooftaa fi tarsimoo waraana Oromoo waggaa saddeet guutuu barateef, isatti dhimma bawuun waraanni Habashaa kun kan duraanii caala Oromoo miidhaa deeme.

                              Itti-fufama!       

Habachiisa Miiljalee

  • Asi irratti “qixxee”-n walgayii yookaan yaa’ii jechuu taha. “Qixxeen Lammii” miseensota lammii tokkoo walitti qabuun, seera fi haala lammii tokkoo mijeessa.
    ** “Oofan” kan jedhamu kun gaafa abbaan biyyaa yookaan namni daran beekamu du’e gamtaan kan farfatamu. Durseen inni baasu: “oofan!” yoo jedhu, isaan jalaaqaban hedduminaan “oofan” jechuun jalaa qabu. “Oofan, oofan, oofan oofan”
    “Abbaan biyyaa du’ee”
    “maaltu walgaafataa?”
    “Egaa seerri badee”
    “Maaltu walgaafataa?”
    “—!”
    *** “eessan dhaqxu!” kunis akkuma “oofanii” gaafa abbaan biyyaa fi namni hedduu beekame tokko du’e, du’a-gawuu isaa irratti walaloo fi yeedalloo-dhaan dhaadatama. Mee fakkeenyumaaf isa gaafa Dajjaa (“Dajjaazmaach”) Garasuu Dhukii awwaalan jedhaman baay’ee sana keessaa kan fitaraarii (“fitawuraarii”) Dammasaa Gameessaa-tiin jedhame keessaa xiqqooshii haa ilaallu: “Eessan dhaqxu! Eessan dhaqxu!”
    Garee qeerransa Dhukii eessan dhaqxu!”
    “Abbaa Booraa, leenca Dhukii eessan dhaqxu!”
    Garee qeerransa koo eessa dhaqxa?”
    “Nu namoota kee dhiiftee eessa dhaqxa?”
    “Nu uummata kee eenyutti nu dhiiftee”
    “Eessa dhaqxa, eessaaf deemta?”
    “Giraazzaniidhaa takka gadin jennee”
    “Mosoloniidhaa takka gadin jennee”
    “Amma akkamitti du’aaf gadijettaa?”
    “Biyyi-kee gadoodee iyyaa!”
    “Uummanni-kee hiqisee boowaa!”
    “Eessatti nu dhiiftee?”
    “Enyuutti nu dhiiftee deemta?”
    “Saaxinii cabsii ka’i malee”
    “Ammas Baddaa Qeerroo seeni malee!”
    “Akkamitti du’aaf gadi-jettaa?”
    “—!”

Mee waayee Sadan Liiban faa: “MANDAROOTA FI MAGAALAAWWAN OROMIYAA – OROMIAN TOWNS AND CITIES: Kutaa Sadaffaa. Taammanaa Bitimaa irraa.” Isa jedhu ilaalaa!

Check Also

dhaloota qubee

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate

Qabsoo Bilisummaa Oromoo: Injifannoo Argamee fi Balaa Isa Mudate Leenjisoo Horoo Elba 25, 2023 Mata-Duree …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *