Oduu Haaraya

‪#‎Oromo Protests‬ Qeerroon Arsii Lixaa hiriira mormii sambata duraa (sabtii) dhufuuf haala kanaan wal-qindeessaa jiru.

Kun akkuma fakkeenya faana-dhayaati (roadmap) malee akkuma barbaachisuun fooyya’uu ykn ammoo jijiiramuu ni danda’a. Dhaamsi jabaan garuu Qeerroon naannolee biraa Oromiyaa keessa jirtan hiriira keessan karoorfachuuf ka’umsa akka isiniif ta’u jechuudhafi.

_____

Mormii kara nagaaya kana kessati haala kamiin gurmayuu qabna? Haala Kamiin fulduraati deemuu dandeena? Haali nanoo keena maali fakataa jedhaani mari’achuuf kara gurmayinisi itti deemu qabuu irrati marii gageesuunif lafaa irrraaf assi midiyaa hawaasa irrati mari’achuun barbachisadhaa.

Haluuma kanaan, Mormii sanbata duraa dhufuu kana galmaan gayuuf lakkoofsi nama hirmaatu lakkoofsa woraana (polisi) mootummaan hirmachisuu danda’un olli ta’uu qaba. Kanaaf, lakkoofsi humnaa egdoo isaan hirmachisuu danda’an kan fulduraati tilmaaman keennu ta’ee lakkoofsi ummaataa akkamitti baayi’atu qabaa kan jedhuu irrati fakkena godinaa Arsi lixaa godhachuudhaan akka armaan gadiiti dhiyeessineerra waan ta’eef kan naannoo biraa akkamiti akkaa ta’uu qabuu Qeerroon hundinuu irrati hojjachatani haalaa karoorfachuufi of-qindeessuu qabu.

Karoora Qeerroo Arsii Lixaa kana fakkeenyaaf ilaalaa:

Shashamannee

Humni egdoo fedaralaaf kan naannoo bayi’een iddoo itti egumsaa bayi’isu keessa shashamaneen isii duraa yoo tatuu kana jala darbuuf humnaa eguumsaaf ya’ee kana iddoo akkaata bayi’inaa Gandaasanitiin humnaa egdoof ya’ee kana iddoo 10 (kudhaaniti) kutuudhaa. Humnii iddoo kudhaan jiruu hundinuu gara walakkaa magaala (jechuun Abboostoo) gayuudhaaf tattaaffii godhuu qaba. Humnii dabaalata naannoole baadiyaaf magaalota naannoo sani jiraan irraa gara shashamannee tasgabbiidhaan socho’uudhaan sirbaa galuu qaba. Fknf Kuyyaraa irraa warrii karaa Awaasa jiruu Gandootin Abaroof kan kanaa fakkatan hundinuu gara shashamannee deemuu qaba kanaaf humna mootummaan eddodhaaf gadidhisee jalaa darbuuf yoo dandeene miliqnee yoo dadhabnee humnaa bayi’ifanee karaa dandeenuun dhitnee darbuudhaan Aboostoti waligeenna. Kana booda dhadanoo adda addaa dhageesisaa karaa guddaa qabaanee gara Hawasaa deemne yoo Didilaa ykn Telle geene jennu gara duwwaa Afurii Oli garagaluudhaan Ammas karaa guddaa qabannee hangaa Nooki ykn Dhabni (statue) Shaashee jiru deemnee kan sirbuu sirbee kan mari’atu garee gareedhaan mari’atee waada qabsoo waliif seennee Addaan deemnaa wadaan kunis:
“Hangaa Mirgii Ummata Oromoo Guutuun Guutuutti Kabajamuutti kan duunee duunee kan hafnee falmii keenna itti fufnaa nutii mana manatii dhalaanuus ilmaan abbaa tokkoti waan taneef worroota qabsoo keenna keessati woreegamaan yeroo hundaa ni yadaana seena isaantis guyyaa bilisuummaa keennati nii barreesina, dutii hin oltuu garuu du’aa kabajaa qabuu ykn jiruu kabaja qabuu jirachuudhaaf kutanee ni kana kan jedhuuf ebba mangudoo ta’aa.”

Dodolaa

Hiririi kan jalqabuu gandoota sadiin kessayuu yoo ta’uu kan iddoon hundayuu garaa walakkaa magaala ykn nanoo Bankii Daldaala Itiyoophiyaa dhufuudha kayoon isaa. Magaaloonni Xixiqoon akka Eddoo fi wabee ammoo waliti dabalamuudhaan garaa Dodoola dhufaan jechuudha. Warii magaala Heraroof gandoon badiyaa kataa barandaa, Baqaa buraa fi kan kana fakkatuu Heraarootti waligayee garaa Dodoolaa dhadanoodhaan osoo deemee irra filatamaa warraa magaala Dodoolatiif humnaa waan ta’uuf Jechaa. Akkasumaas magaaloon akka Kokoosa osoo worraa Dodoolatiif reebuu bataani irraa filatamadha.
Nanoon Kun hangaa Allumaa shifaati guyyoota gabaati ummata sochoosuu akka hin irraanfanee.
Kanaaf, Dodoolati waligayuudhaan Karaa irraa olligadii deemudhaan dhadanoo dhageesisuun hangaa sa’aa 7 turee wadaa Asiin olitti barraayee kanaa wallii gallaati jenee Addaan deemuun barbachisaadhaa.

Adabaa

Nanoon Kun Addabaati kan waligayuu haata’uu malee lajoo irraa jalqabee, hunxee, Woshaa, buraacalee, bubisaa, gamaa,…waluumaa galati gandoota badiyaa nanoo sani jiraan keessa bayuudhaan Addaaba dhufuu qabaa guyyanis guyyya gabaa waan ta’eef ummata miliyoona 2 olli ta’uu akka bayuu gochuudhaan humnoota motumaa harkaa 10 caale argamuudhaan barnoota barbachisaa ta’ee waliif dabarsuu qabaa. Akasumaas wadaa qabsoo waliif seene adaan deemuun dirqamaa.
Hasasa
Nanoo kunis nanoo bayee baldhaa waan ta’eef hangaa danda’ameen warii xijoo weqanaxraaf nageele irraa walitii dabalamee garaa hasaasa ossoo dhufee bayi’ee barbachisadhaa. Kunis nanoolee badiyaa kan achiti dhiyoo jiraan irraa kan danda’ee fardaan kun lukaan akka dhadanoo dhageesisaa garaa magaala Hasaasa galuu.

Kofalee

Umaan keena kan nanoo kanaafi gandoota badiyaa nanoo kanaa jiraani hundinuu hidhanoo issaan ossoo hin hikanee akka magaala Kofalee ganamaa sa’aa sadihiiti seenani. Magaalon akka qoreef kan biroos magaala kofaleetifi humnaa ta’uu qabdaan jechuudha yeroo seentan adaan citaan ossoo hin tanee humnaa tokkoo tataan dhadanoo dhageesisaa dhufuun dirqama ta’aa. Kanaaf waan umamuu waan hin beekamneef hidhaanoo kessani hikachuun hin barbachisuu (waan adda kessan ta’eef hidhanoo kessan qabadaa garuu hangaa wantii ruhii kessanif sodachisuu issiniti dhufuuti akka hin dhukaafne). Humnaa cimaa ta’uudhaaf ammoo waliti iyyachuuf birmachuun barbachisadhaa.

Ajee

Naannoon kun naannoo akka shallaaf siraroo qabatee iddoo walakeesaati waligayudhaan dhadanoo offi dhageesisuu qabaa kun iddoo bayi’ee barbachisaa (strategic) waan ta’eef humni kun gadii bayuun bayi’ee barbachisadha.

Arsii Nageele

Kunisi nanoo akka jigisee irraa jalqabee nanoo badiyaaf gandoota magaala hundaa irraa waliti dhufuu qabaa. Kanaa jechuun ummani humnaa waliif ta’ee humnaa motumaan hirmachisuu yoo xiqaatee harkaa 10nin taruu qabaa kanaaf walisochoosuun dirqamaaf hojii gudaa ta’uu qabaa.

Hubanoo walii galaa

-Yoo humnii motuuman basee rakkoo ummuuf yaalil godha ta’ee, karaa cufuun barbachisadhaa yoo issaan nagayaan kan ilalan ta’ee karaa cufuun barbachisaa miti.

-Iddoon morimiin jaliqabuu gandoota maraa keessa ta’ee iddoo maraa irrayuu garaa walakeesa (center) tokkooti dhufuun barbachisadhaa kanaaf akka nugargaruu garee gareedhaan (xiqatuu nama shaniini) banee ummani akka guyya saniti ya’uuf sochoosuun barbachisadhaa.

-Aktivistoon cicimoon target keessa akka hin seeneef iddooma tokkoo iyyaa waliti ya’uun barbachisaadhaa. Kanaa malees dhadanoo yeroo tokko jedhuun akitivistota bararuuf yeroo birootif itti fayadamuuf nugargara.

-Masgidoota, Bataskanootaaf iddoo gabaaf gandoota hundaa kessati tarsimoo kanaa irrati hojachuun barbachisaadha.

-Kan Naannoo birroos akkanati bafataan akka beekisfataan barbachisadhaa.

-wadaawaligala

“Hangaa Mirgii Ummata Oromoo Guutuun Guutuutti Kabajamuutti kan duunee duunee kan hafnee falmii keenna itti fufnaa nutii mana manatii dhalaanuus ilmaan abbaa tokkoti waan taaneef worroota qabsoo keenna kessati woreegamaan yeroo hundaa ni yadaanna seena isaanitis guyyaa bilisuummaa keennati ni barreesina, dutii hin oltuu garuu du’aa kabajaa qabuu ykn jiruu kabaja qabuu jirachuudhaaf kutanee ni kana” kan jedhuuf ebba manguddoo ta’a.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Ollaa: Oromo Legacy Leadership And Advocacy Association

IMPORTANT UPDATE: OLLAA is always seeking for opportunities to engage with Oromo communities around the …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *