Oduu Haaraya
asaasaa

‪#‎Oromoprotests‬ Godina Arsii lixaa Magaala Asaasaa keessatti, guyyaa har’aa Mormiin cimaan gaggeefama jira

Namoonni 4 kan eenyummaan isaanii hin beekamne Masjiida Al Hikam kan dhiheenya kana eebbifame keessatti Qabaman. eega qabamanii booda yoo sakatta’aman, sibiila qara qabu kan namaan waraanuuf qabatanii deemanii fi wantoota birootis kiisha isaani keessatti baatanii ittiin qabaman.
Namoonni kun afran eega qabamanii booda, heddumina hawaasa muslimaa sodaatanii dhugaa jirtu kan dubbatan tahuu maddi keenya naannoorraa nuuf gabaaseera. Muslimoonni magaalaa Asaasaa odeeffannoo namoota afran qabaman irraa argataniin, namoota 2 kan miliquudhaaf yaalii godhaa turan, buufata konkolaataa magaalaa asaasaa keessatti qabnii jiru. Yeroo ammaa kana shakkamtoonni jahanuu kan hidhaman yoo tahu, Hawaasni Muslimaa dallansuu guddoon har’a ganama irraa eegalee Mormii guddaa dhageeysisee jira. Mormii hawaasaa kana toohannoo jala oolchuufis Poolisiin federaalaa Malkaa wakkannaa irraa kan bobbaafame tahuun beekamee jira.
Namoonni Qabaman kun Mootummaadhaan kan ergaman tahuu, akkasumas gocha suukanneessaa dhiheenya kana magaalaa Shaashamanneetti Raawwatamen wal fakkaatu raawwachuuf karoorfatanii gama magaalattii kan dhufan tahuus hubatamee jira

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …