Taayyee Danda’a osoo ati osoo dhugaa fi ummata Oromootiifi dhaabbattee
jeneraalota woyyaannee ka gaafa Mooyaaletti ummata guyyaa adiin fixan
JM saaxilee atis dubbii JM jedhe dugoomsuun ragaa baate san seeraatti
haadhihaatanii jettee mootummaan mormitaa ture.
Silaa Geetaachoo Asaffaa qabaa fidaa jettee mootummaa cinqitaa ture
Silaa worra Maa’ikalaawitti nama torture godhaa bahan san seeratti haadhihaatanii jechuu qabdaa ture
Silaa ummataafi dhaabatee worra qabeenya Oromoo, lafa Oromoo saame fi
xurii worshaalee gara garaa bahanii lubbuu ummata keennaa galaafataa
jiran san dura dhaabbattee uumaafi uumama badeefi badaa jiruufi
dubbattaa ture
Osoo ka dhugaa dubbatuutii waa’ee Finfinnee mootummaadhaan mormitaa ture
Ati garuu qoonqoo teetif jecha paartii bakka buutee dhugaa ummataa faallaa mormitaa.
Ati garuu waan tokko dhalannaan daftee amantaafi gosaan nuqooduuf worra barbaadu jettee ummata shoorarkeessuu barbaadda
Ati garuu woyta cufa ODPn akka waan mudaa tokko hin qabnee, akka waan
hin dogoggorree, akka waan badii hin qabnee gootee dhiheesita. Kun ammoo
abbaa irrummaa paartii tokkoo fadhuu kee muldhisa
Ati asiin dura
Jaal Marroo (nama karaa itti fakaateen qabsaawwaa jiru) irratti waan
jechaa baatee ni yaadatama. Wojjiin barachuu kee qofaa ragaa godhachaa
waa heddu jechaa baate. Hardha kara JM gara galtee haqisaa jirta.
Mee waa takka lama si gaafadhaa
1. Mee gaafa ati ODP keessatti wonti kun Oromoodhaaf hin ta’u jettee mormite nuuf himi
2. Mee gaafa worri kaleessa nu fixaa bahan seeratti haadhihaatan jettee mootummaa kanaan mormite nutti himi
3. Mee gaafa waa’ee Finfinnee kaaftee mootummaa kana dura dhaabbatte nuuf himi
4. Mee gaafa Afaan Oromoo Afaan federaalaa haata’u amuumaan tana murttii itti kennaa jettee dubbatte nuuf himi
5. Mee gaafa iyyiinsa ummata godinaalee garaa garaa irraa
kaadirreedhaan midhamaa jirra worri kaleessa numiidhe seeratti
haadhihaatu jedhanii iyyataniif dubbatte nuuf himi. Fakkeenyaafi ummata
Gadab Asaasaa
Kanaa fi kkf niif sin amanee. Kanaaf qoonqoo teetiifi paartiif malee ummataaf hin dhaabanne siin jenna
Mee amma ammoo kara dubbii ammaa tanatti haadeebinuu
Ati ummata Oromoo akkuma kaadiree keessanitti ilaalta natti fakaata.
Ummanni waan isaaf ta’u addaan baasee beeka. Cal jedhee akkana godhi yoo
jedhaniin ol ka’ee hin godhu. Ati waa’ee JM fi OMN hardhaa miti kan
abaaruu eegaltte. Kun immoo waan Oromoo fi Oromummaa dalagu akka siif
hin taane muldhisa.
Osoo ati nama yaada unbiased ta’e qabda ta’ee
akka masaanuu wolitti hinaaftuu daftee wonti kun ta’eef hinaaffaa
nobliitifii kitaaba barreefameeti hin jettuu turte. Yaada lama wol bira
keettee kun kanaaf kun immoo kanaaf jettee mufti ummaataafi dhiistaa
turte. Ati garuu kan yakku sihi, kan ragaa bahu sihi, kan murtessus
sihi.
Mee ammas “madamar” 100% qulqulluudha rakkoo hin qabu jettee
amantaa? Yoo hin ta’inii maal jetee qeequmsa dhiheesite ykn dhiheesita?
Mee bu’aan madamariin Oromoodhaf qabu maalidha?
Mee madamarima kanaa ifa siif ta’ee jiraatu ifa nuuf godhi
Mee akkamitti nama si ajjeesuuf dhufatti nadhaqabii itti iyyatta? As
irratti kan natti muldhatu gooftaan keenna ummata keenna kan jedhu sun
kijiba ta’uu isaati. Mallif jennaan gaafa rakko ummata ufiititti malee
aangawoota ufiititti hin iyyatan. JM gooftaan isaa ummata isaatii ummata
ofiititti iyyate
Osoo taatee dhiifama badii kaleessa hojataniif
ummanni nagayatu caala jedhee isinii godhe irraanfachuu hin qabdanii
ture. Garuu akka haaji Aadam Saaddoo jedhan isin najisa togoogooti
dhiqamtanis hin xahaartan.
Osoo JM jiraatuu baatee isinii mitii
biyyiti sun hin jirtuu ture. JM hin dogogoru hin Jennu garuu akka keesan
hin kijibu dantaa ummataa irra hin dhaabbatu Oromummaafi Oromiyaa hin
ganu jenna.
Isin ODPn amallee barachaa hin jirtan. Humni ummataa
isiniif hin galle. Ummata tufatan. Isin aangoofi qawwee abdatan. Kun
ammoo diinota keennaafuu homaa hin goone.
Kanaafu dafaa kara ummataa
deebi’aa. JM ija ummata keennaa isinis dabalatee irraa dhaabbadha.
Namoota yaalii ajjeechaa godhan dafaa ummataa ibsaa. Seeraaf dhiheessaa.
Gad taa’aa JM wojjiin mari’adha. JM irraa baradhaa. Baruma baraan
motummaan hayyuufi qaroo Oromoo nyaachaa Oromoo gabroomsuun tana booda
hin taatu. Waan fedhetu dhufa malee
Check Also
OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA
Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …