Oduu Haaraya

Injiner Faantaahuun Camadaa: Du’a falmisiisaa kutaa 2ffaa

WASHINGTON DC — Injinar Tesfahuun camadaa Gurmeessaa waggaa torbaaf mana hidhaa keessa eega turanii booda Hagayya 23 Bara 2013 du’an boqochuu isaanii beekamee jira. Oromoonni galmee Injinar Tesfaahuun irratti himatamanii turan 15 Adda Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabaniin heera Itiyoophiyaa fi mootummaa biyyattii heera irratti hundaa’e irratti qabsoo hidhannoo ifatti labsan jedha himannaan irratti dhiyaatee ture.

Kana malees jaarmayaa seeraan alaa fi shoroorkeessaa ta’e ABO keessatti miseensaa fi hogganaa ta’uun waan sosso’aniif adabi sadarkaa adda addaa Bitooteessa 31 bara 2010 kennamuu sabaa himaan mootummaa Itiyoophiyaa yeroo murtiin kenname ibsanii turan. Isaan kana keessaa Injinar Tesfaahuun camadaa Gurmeessaa hidhaa umrii guutuutu irratti murame. Boodaa ol-iyyannaan kan dhiyaate ta’us adabuuma kanatu irratti raggaasiifame.

Du’a Injinar Tesfaahuun kan ilaaleen maatiin hiriyyonni fi abukaatoon isaanii akka jedhantti injinar Tesfaahuun nama abdii kutannaan of ajjesuu miti.

 

Du’a injiner Tesfahuun Camadaa ilaalchisee kan dubbatame armaan gaditti dhaga’aa

 

 

Seenaa kana kan ilaaleen bara 2010 kan gabaasame kutaa 1ffaa

 

 

Seenaa kana kan ilaaleen bara 2010 kan gabaasame kutaa 2ffaa

 

 

Seenaa kana kan ilaaleen bara 2010 kan gabaasame kutaa 3ffaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …