Oduu Haaraya

Keniyaan Haleellaa Shoroorkeessotaa Waggaa Lama Dura Geggeeffame Yaadattee Jirti

Hidhattonni Al-Shabaab Gamoo daldlaa kan Naayroobii keessaa Westgate jedhamu Fulbaana 21 bara 2013 haleelan. Kunis waggaa lama guutee jira. Humnootiin Keniyaa hidhattota balaa kana geesisan  waliin guyyaa sadiif walitti dhukaasan. Namoonni lubbuun hafanis guyyaa sadiif achuuma gamoo daldalaa sana keessa dhokotanii turan.

Bakki daldalaa kun waggaa tokko dura deebi’ee baname. Kanneen lubbuun hafuuf carroman akka jedhantti nama addaan utuu hin baasin hidhatonni kun fixan.

Haleellaa sana booda qorannaan gaggeeffame akka agarsisuutti Iddoon sun qiyyaafannaa jala akka jiru mootummaan balaan kun ituu hin dhaqqabin waggaa tokko dura akeekkachisee ture. Kana malees Humnootiin nageenyaa kan Keniyaa haleellaa kanaaf  deebiin kennan kan qindominaan gaggeeffame hin turre, kunis dogoggora jedhee jira.

Erga haleellaa westgate dhaqqabee as Al-Shabaab Keniyaa keessatti haleellaa ka biroo kan gaggeesse yoo ta’u baatii Ebla darbe haleellaa Yunivarsitii Gaariisaa irratti gaggeesseen lubbuu nama 148 galaafate jira. Gamoon daldalaa kun waggaa darbe deebi’ee eega banamee booda garuu eegumsa jabaatu jira.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …