Oduu Haaraya

Amaanaa – Fiilmii Afaan Oromoo

 

Wanti waaqni nu umeef bilisaan akka addunyaa kana irraa jiraannuf. Garuu namni humna walii wal irrattii ilaalachuun dantaa mataa ofii mo’achiisuuf jechaa bilisummaa dhunfaa namoota biro sarbaa jiraata. Kun immoo foon keenya gabbaruuf foona nama bira kutachuudha.

Namni ni imala. Imala isaa keessaattii gufuun essaattii akka isaa dhoftuu hin beekuu akkasumas eddo buluuf enyuun waliin akka bulus hin beeku. Waa malee miti kan kana dubbadheef oromoon dura waan barbaduu sana dubbachuuf waan dubbi san fakkatuu kaasuun isaa dirqama.

Nuti kan jiraannu biyya halagaa keessa tahus. rakkoolee ummata keenna irra gayan hundaaf wabii taanee dhaabbachuu hin dhiifnu. aartii oromoos ni guddisna. dhakaa tokkoon sinbira lama jedhama mitiiree?

Fiilmiin AMAANAA kuni Yaadannoo baratoota Oromoo kana biyyaa keessati qabsoo bilisummaa Oromoo fuula duraa tarkaanfachiisuun mirga uummata Oromoo kabachiisuf lubbuu isaani darsaani keenanif Haa tahuu.

Kunooti Fiilmii Amaanaa Qalbiin Daawwadhaa!!

Eebbi Fiilmii kana handhuura magaalaa guddittii biyya Noorwee, Osloo tti ta’a.

Bakka: Sofienberg menighet
Guyyaa: Sadaasaa 22, 2014. (sanbata diqqaa)
Sa’aa: 13:30 irraa kaasee.
– Agarsiisa uffata aadaa Oromoo.
– Galgalaa aadaa fi Bashannanaa
Odeeffannoof nuu bilbilaa.
+4794423363

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …