Oduu Haaraya

Baha Oromiyaa; Aanaa Mulluqee mayyuuti namooni kuma heddutti lakkaawan lafa saanirraa buqqifaman

Review Overview

User Rating: 4.11 ( 4 votes)

Balaan waayyaaneen Oromoota Harargee bahaa ona anniyyaa irraan geese hammaachaa dhufaa jira. Hamma ammaati furmaani argame tokkolleen hin jiru. Aanaa Mulluqee mayyuuti namooni lafa isaani irraa buqa’an kuma hudduti lakkaawamu. Akkasumaas namooni amma dura Aanaa Minoo naannawa qumbi irraa arihataman akkuma qa’ee isaanii irraa baqa’anitti rakkoo cimtuu keessa jiru. Rakkoolee ummata kana irra gahaa jirtu keessaa hammi tokko, beelaafii dheebuuf saaxilamuu,Kan balaa beelaatiin dhukkubni irra gahe dawaa dhabuu, dahannoo aduufii roobaa (shelter) dhabuudha.

Haali kuni hatattamaan furmaata  argachuu yoo baate lubbuun namoota baayyee bahuuf deemti.Waraanni liyyuu police kan wayyaaneen Oromootarrati bobbaafte ammaallee Oromoota naannawa kanaa ajjesaa jiraachuutu himama. Dhimmi kuni furmaata argachuutu irra jira. Oromoon isin hayyoota waa barate kana malee kan biraa kan rakkoo isaanii iyyatuuf hin qabdu. Gara VOAtiin Odeefatini Aaddee Jaalannee Gammadaa fii Obbo Namoo Daandii dhaan odeefatame hedduu gaariidha. Galatomaa! Rakkoon kuni ammallee itti fufaa waan jiruuf, jala bu’amee haalli amma achitti deemaa jiru kuni ammas yoo odeeyfatame ummata kanaaf gargaarsa guddaa taha.

 

Odeeyfata Obbo Jalil Abdella Sagalee Oromiyaa irraa, Obbo Aana Fuad (Radio Hawaasa Oromo) duguuginsa shanyii oromoota ona Anniyyaa irrati wayaaneedhaan baname laalchisee jiraattota lafa isaani irraa buqqa’e waliin taasisan dhageefadha.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …